Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Tiraamp osoo US albuuda akka Litiyeemii qabduu Yukireenirraa maaliif barbaadan?
Pirezidantiin Ameerikaa Doonaald Tiraampiifi gitisaanii Yukireen Volodmiir Zeleniskiin silaa Jimaataa darbe Waayit Haawusitti ''waliigaltee guddicha'' jedhame albuuda ilaalchiisuun waliin mallatteessuuf turan.
Haata'u malee mariinsaanii nagaafi wal dhageettiin eegalame osoo hin eegamnii jecha cimaa walitti darbuudhaan guutamee waliigalteen eegame kun osoo hin mallattaa'iin Zeleniskiinis Waayit Haawusii bahan.
Waliigalteen mallattaa'uuf tures, deeggarsa Ameerikaan kanaan dura Yukireeniif taasifteef Ameerikaan ammoo qabeenyaa albuuda Yukireen irraa gahee argachuuf ture.
Yukireen ammoo gamasheetiin wabii nageenyaa Ameerikaa irraa argachuu barbaaddi.
Qabeenyaan albuuda Yukireen hedduun bulchiinsoota Raashiyaan qabaman keessatti kan argamu ta'ulleen, Tiraamp albuudoota bu'aalee teekinolojiifi baatiiriidhaaf oolaniifi baayyee barbaadaman irratti fedhii qabu.
Yukireen kuusaa olaanaa albuuda Liitiyeemii kan bilbila harkaa, kompitarootaafi konkolaataa elektirikaatiif faayyidaarra oolu akka qabdu amanama.
Albudoota kanneen keessaa tokkolleen bahuun faayidaarra hin oolle.
Ameerikaan ammoo kuusaa Liitiyeemii kan mataashee olaanaa qabaattuus kan ofiishee baasuun itti fayyadamurra ijashee kan Yukireen irra keesse. Maaliif laata?
Yukireen litiyeemii hangamii qabdi?
Tajaajilli Ji'oloojii biyyattii Yukireen kuusaa Liitiyeem Awurooppaa keessatti olaanaa ta'e, tilmaamaan toonii kuma 500 qabdi jedhe.
Qorannoon Ji'oloojii Ameerikaa gamasaatiin bara 2021tti hammi Liitiyeemii lafarra jiru waliigalatti toonii miiliyoona 71 akka ture tilmaameera.
Addunyaarratti biyyoonni Liitiyeemii sadarkaa olaanaan oomishan Arjantiinaa, Awustiraaliyaa, Kaanaadaa, Chiilii fi Chaayinaadha.
Ameerikaa fi Chaayinaa keessattis kuusaa olaanaan biraa argameera.
Liitiyeemii addunyaarratti oomishaman keessaa harka afur keessaa sadi baatiriiwwan konkolaataa elektirikaa, koompitarootaa fi bilbila harkaa hojjachuuf hojiirra oolfama.
Qorannoowwan bara Gamtaa Sooviyeetiitti gaggeeffaman akka mul'isaniitti, jidduugala Yukireen keessatti Poolokiiviskee fi Dobiraa akkasumas naannoo Kirutaa Baalb kan amma loltoota Raashiyaa jalatti argamtu keessatti kuusaan Liitiyeem ni argama.
Bara 2017tti dhaabbanni Awurooppaa tokko Liitiyeemii baasuudhaaf hayyama argatee Polokiiviiske keessa socha'aa ture.
Haata'u malee, "odeeffannoon dhiyeessii albuudaa Yukireen irratti hangam amanamaa akka ta'e namni mirkaneessee homtuu hin jiru. Yukireenoonnis gatii isaanii ol kaasanii dubbachaa turte ta'a," jedhu Giddugala Elemantoota Tarsiimoofi Meeshaalee Murteessaa Birminghaam UK, Piroofeesar Pool Andarsan.
US litiyemii hangamii qabdi?
Qorannoon Ji'oloojii Ameerikaa bara 2021tti tilmaamaan Ameerikaan kuusaa Liitiyeemii toonii miiliyoona 8.3 akka qabdu ibseera.
Achiinis, baatii Onkololeessa 2024tti kuusaan Liitiyeemii guddaan gara biraa kan yoo xinnaate toonii miiliyoona 4.5 qabate Arkaansaas keessatti argamu beeksiise.
Haata'u malee, Amerikaan bakka albuuda Liitiyeemii baafamu kan Nevadaa keessatti argamuufi Siilvar Piik jedhamun beekamu qofaa qabdi.
Yunivarsiitii Birminghaam UK keessatti hojjataa Mana Barumsaa Sibilootaa fi Meeshaalee biroo, Dr Gaavin Haarpar "sababii biyyooni kaan albuuda Liitiyeemii baasuudhaan gatii gadaanaadhaan gabaaf dhiyeessanitti albuuda baasuun akkaan gadi bu'eera," jedhu.
''US keessatti namni guddina indaastirii baatirii dursee tilmaamee hin jiru,'' jedhu Profeesar Andarsan.
Qorannoon Ji'olojii Ameerikaa (USGS) akka jedhutti, biyyattiin ammatti Liitiyeemii fayyadamtu hunda keessaa walakkaa kan caaluu Chiilii fi Arjentiinaa irraa galchiiti.
Mootummaan Ameerikaa maaliif kuufama albuudaa dabalataa Yukireen irraa barbaada?
Ameerikaan maaliif Liitiyeemii Yukireen barbaaddi?
Chaayinaan kuufama Liitiyemii addunyaa keessaa %16.5 akka qabdu yoo himtu, xiinxaltoonni akka jedhanitti ammoo, Liitiyemii addunyaa hunda keessaa %60 kan qulqulleessitu yoo ta'u, dandeettii baatirii litiyemii-ayoon addunyaa keessaa naannoo %75 akka qabdu dubbatu.
"Chaayinaan oomisha baatirii Liitiyemii irratti dursa kan qabdu yoo ta'u, akka tarsiimoo industirii karoorfameetti guddisuuf ilaalcha fagoo qabdi turte," jedhu Dr Haarpar.
Mootummaan Ameerikaa Chaayinaan dhiyeessii Liitiyeemii fi albuudota murteessoo ta'an biroo ukkaamsuudhaan US akka hin arganne taasisuu dandeessi jechuun yaaddoo qaba.
Fedhiin Liitiyeemii saffisaan waan dabalaa jiruuf kun barbaachisaa ta'aa dhufeera.
Akka Abbaan Taayitaa Annisaa Idil-addunyaa jedhutti, bara 2040tti addunyaan kan bara 2023 caalaa naannoo dachaa saddeetiin oliin fedhiin liitiyeemii ni dabala.
Mootummaan Ameerikaa seera qaala'iinsa jireenyaa hir'isuuf, yeroo Joo Baayidan pirezidaantii Ameerikaa turaniitti raggaasifameen liqii kennuudhaan, dhaabbileen albuudaa biyya keessaa Liitiyeemii dabalataa akka oomishaniif amansiisuuf yaalii taasisaa turan.
Ministeerri Ittisaa Ameerikaa gamasaatiin, Litiyeemiin baatirii meeshaa waraanaa oomishuuf isa gargaaruu akka dhiyeessuuf dhaabbanni albuuda oomishuu Kiingis Maawunteen Kaarilinaa kan Albamaarleetti argamu deebisee banuuf, maallaqa liqeessuuf waliigaleera.
"Namoota ani US keessatti dubbisee irraa, waan hunda caalaa albuunni murteessaa ta'e oomisha waraanaaf akka barbaadan ifaadha," jedhu Profesar Andarsan.
Haata'u malee, ''Tiraamp albuudoota qaalii Yukireen qabduu irratti fedhii baayyee kan qaban fakkaata'' jedhan.
Kuufamni Liitiyeemii haaraan tilmaama toonii miliyoona 36 (toonii miliyoona 40) ta'u dhiheenya kana Nevaadaatti kan argame yoo ta'u, albuunni kunis bara 2026tti achi banamuuf karoorri qabameera.
Litiyeemiin Yukireen hangam US'f barbaachisaadha?
Pirezidanti Tiraamp waraana Yukireen Raashiyaa waliin gaggeessaa jirtu keessatti biyyisaanii deeggarsa taasisuusheetti albuuda akka kennituuf barbaadan.
Haata'u malee baasiin albuuda baasuuf barbaachisuu shallagamee Liitiyeemii fi albuudoonni gara biraa gabaarratti gatii hangam akka qabaatan hin beekamu jedhu Piroofeesar Andarsan.
''Diinagdeedhaan kan bu'aa qabaatan ta'an illeen gara gabaatti fiduudhaaf waggaa 10 ykn isaan ol fudhachuu danda'a. Invastimantii baayyee fi kaappitaala gaaafata.''
Dr Haartar ''Yukireen keessaa albuua baasuun keessattuu sababii waraanaafi miidhaa qaqqabeetiin cimaa ta'u danda'a'' jedhan.
Gabaasni Yunivarsiitii Teeknolojii Diiniipiroo, ltiyeemiin Yukireeniitti jiru sababii dhakkaa keessatti argamuuf baasuudhaaf rakkiisaa fi qaalii ta'u kaasan.
Walbira qabamee yoo ilaalamu ammoo, biyyoota akka Awustiraaliyaa fi Chiilii keessatti Liitiyeemiin bishaan soogidda jalaa kuufamee haaluma salphaatti argama.
Kanaafuu, kuusaa Liitiyeemii Yukireen keessatti argamu irraa baasuun kan nama baasuu ta'uu fi dhiisuunsaa hin baramne jedha gabaasichi.
Sababni biraa dhaabbileen yeroo ammaa kana albuuda liitiyeemii irratti invast gochuu irraa duubatti jedhaniif, waan gatiin oomisha kanaa waggaa darbe keessa gadi bu'uuf.
Akkasumas bara 2022tti gatii labuuda kanaa %80 gadi bu'uu isaati. Kun kan ta'eef dhiyeessiin isaa baay'achuu irraa kan ka'edha.
Sababiiwwan kunneenis fedhii dhaabbileen albuuda haaraa Yukireen keessaatiif ykn addunyaa guutuutti banuuf qaban hir'isuu danda'a.
"Kufaatii gatii hordofuun, albuuda baastonni waggoota muraasaaf eddoowwan albuudaa akkuma jiraniitti akka turan barbaaduu danda'u ta'a," jechuun akeekkachiisu Pirofesar Andarsan.