Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.

Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi

Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf

Tiraamp waliin kan wal dhaban Zeleniskiin UK'tti 'deeggarsa guutuu' argatan

Pirezidantiin Yukireen Donaald Tiraamp waliin muddama seenan UK'tti simannaan ho’aa taasifameef. Liqaa paawundii biiliyoona 2.26 ta'us Ministira Muummee UK Kiir Istaarmar waliin mallatteessaniiru.

Guduunfaa

  • Oduufi xiinxalaaf Chaanaalii WhatsApp akkasumas Facebook BBC Afaan Oromoo hordofaa
  • Loltoonni Siiriyaa lammiilee nagaa dhibbaan lakkaa'aman ajjeesuun himataman
  • Haleellaa Raashiyaan Yukireen irratti raawwatteen 25 ajjeefamanii hedduun madaa'an
  • Lammiileen Itoophiyaafi Ertiraa 32 Meditiraaniyaaniitii baraaraman
  • Xalayaan Zeleeniskiin Tiraampiif ergan maal hima?
  • Somaaliyaan gaaffii ulaa galaanaa Itoophiyaaf deebii kennuu dandeessii?
  • Itoophiyaa fi Ertiraan walitti bu'iinsatti qajeeluu maluu?
  • Ameerikaan hidhattoota Huutii tarree shororkeessaa jala keesse
  • Tamsaasa kallattii duraanii asii argattu

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Ashamaa!

    Tamsaasni kallattii BBC Afaan Oromoo haaraa eegaleera.

    Asiin seenaa. Nagaan oolaa!

  2. Raashiyaan gocha Tiraamp dinqisiifatte, Awurooppaa balaaleeffatte

    Raashiyaan gocha Tiraamp dinqisiifatte, Awurooppaa balaaleeffatte

    Wanti aangawoonni Raashiyaa dubbatan waan amma adeemaa jiruun gammachuu akka qaban mul’isa.

    Ministirri Dhimma alaa akkasumas dubbii himaan biyyattii miidiyaaf ibsa kennaniiru.

    Ministirri Dhimma Alaa Raashiyaa Sargee Laavrov akeeka Tiraamp waraana Yukireen xumura itti tolchuuf yaadan dinqisiifatani.

    Kanumaan wal qabsiisaniin bulchiinsa Baayidan qeeqaniiru.

    Akkasumas, Yukireen keessatti humnoota nagaa kabachiisan bobbaasuuf mari’achuun ‘’waan safuu cabsu’’ jechuun Awurooppaas balaaleeffatan.

    Zeleeniskiin US daawwachuu dura gaaffiifi deebii waraabame fakkaatuun immoo Dubbii Himaan Raashiyaa Dimitirii Peskoov, imaammati alaa Raashiyaa kan bulchiinsa US amma jiru waliin akka wal simu dubbatan.

    Isa dhihoo US Mana Maree Nageenyaa UN keessatti Raashiyaa bira dhaabatte, kana dura ‘’yaaduunu nama dhiba ture,’’ jechuun dubbatan.

  3. MM UK wanta Zeleeniskii yaaddesse dubbatan

    Ministirri Muummee UK Kiir Istaarmar BBC waliin turtii taasisaniin Yukireen keessatti nagaa waaraa buusuuf wantoota barbaachisoodha jedhan tarreessan.

    • Loluufis ta’e marii taa'uuf ‘’Yukireen jabduu'' taate
    • Wabii nageenyaa Awurooppaa dabalate akkasumas
    • Tumsa US

    ‘’Sadan isaanii’’ yoo jiraatan malee Yukireen keessa nageenya waaraa fiduun ni rakkisa jedhan.

    ‘’Waliigaltee kana keessaa hanqate hin qabaattu. Kana kan Zeleeniskii yaaddesse,’’ jechuun himan.

    Akkasumas, yaaddoon Zeleeniskii sirrii ta’uu dubbatan.

    Gama kaaniin, Tiraamp fi Zeleeniskii waan miira makateen yoo dubbatan ilaaluun ‘’isaan jeequu'' himani.

    Dabalataan, Tiraamp nageenyi waaraa akka bu’u akka fedhaniifi Zeleeniskiinis Waayit Haawusitti badii homaatu raawwatan jedhanii akka hin amanne himan.

    Erga Zeleeniskiin Tiraamp waliin dubbii miira makate walitti dubbatan booda UK waliin liqaa maallaqaa paawundii biiliyoona 2 ol mallatteessaniiru.

  4. Israa'el ulaa deeggarsi Gaazaatti seenu hunda cufte

    Israa’el ulaa deeggarsi Gaazaatti seenu mara cufte. Kunis, waliigalteen dhukaasa dhaabuu US akka dheeratu dirquufi.

    Marsaan jalqabaa waliigaltee dhukaasa dhaabuu guyyaa Sambataa xumurameera.

    Waajjirri Ministira Muummee Israa’el Benjaamin Netaaniyaahuu, Hamaas ammatti waliigalteen US dhiheessite akka dheeratu hin fedhu jedha.

    Yaada waliigaltee dheeressuu kana kan dhiheessan ergamaa Tiraamp kan ta’an Istiiv Witkoofidha.

    Dubbii himaan Hamaas ulaa deeggarsi Gaazaa itti seenu cufuun waliigaltee dhukaasa dhaabuurratti ‘’fonqolcha’’ gaggeessuudha jedhaniiru.

    Gartuun Filisxeem kuni marsaan lammataa waliigaltee dhukaasa dhaabuu akkaataadhuma dursa waliigalameen akka itti fufu barbaada.

    Kunis, kanneen uggure gadhiisuufi Israa’el akka namoota hiite gadhiistu akkasumas loltoonni Israa’el Gaazaa keessaa akka bahan jechuudha.

    Wabii US, Kataariifi Masriirraa argatan malee waliigalteen marsaa duraa akka dheeratu akka wal hin galle kana dura ibsee ture.

    Ibsi waajjira MM Israa’elii bahe kanneen ugguraman osoo hin gadhiisiin waliigaltee dhukaasa dhaabuu Israa’el hin eeyyamtu jedha.

    ‘’Hamaas yoo diduu itti fufe, rakkoo ni qabaata,’’ jedha.

  5. Falmii Tiraamp fi Zeleeniskii booda hiriirri Yukireen deeggaru US keessatti taasifame

    Erga Tiraamp fi JD Vaans Pirezidantii Zeleniskii waliin dubbii falmii kaase taasisan booda hiriirri Yukireen deeggaru US keessatti taasifame.

    Namoonni dhibbaan lakkaa’aman Niiw Yoork, Los Anjalas fi Boostanitti bahuun Yukireeniif deeggarsa kennan.

    Kanneen hiriira bahan alaabaa Yukireen mirmirsuun daandii qarqara Pirezidantiin I/Aanaa US, Vaans, maatii isaanii waliin argamu jedhame eegamu toora galanii eegan.

    Boodarra miidiyaan US akka gabaasetti garuu Vaans fi maatiin isaanii bakka biraa ammatti ifa hin taanetti geeffaman.

    Durumaa Wayitisfilditti hiriirri mormii bulchiinsa Tiraamp fi Vaans mormu yaadamee ture.

    Haa ta’u malee, wanti gaafa Jimaataa Waayit Haawusitti ta’e akka dafanii bahan dirquu hin oolle jedhameera.

    Guyyaa Jimaataa Tiraamp fi Zeleniskiin dubbii miira makate gochuu isaanii hordofee kaan mormanii, kaan deeggaranii yaada ibsataa jiru.

  6. MM UK Zeleeniskiif 'deeggarsa guutuu' kennan

    Pirezidantii US Donaald Tiraamp waliin kan waldhaban Pirezidantiin Yukireen Volodimiir Zeleeniskiin UK’tti deeggarsa argatan.

    Ministirri Muummee UK Kiir Istaarmar Zeleeniskiin ‘’UK guutuu keessatti deeggarsa qabu’’ ittiin jedhaniiru.

    Zeleeniskiinis biyyi isaanii ‘’michuu akkanaa’’ qabaachuu isheetiin gammaduu dubbatan.

    Zeleeniskiifi Kiir liqaa paawundii biiliyoona 2.26 waraana Yukireeniif oolu mallatteessaniiru.

    Liqaan kuni qabeenya Raashiyaa ugguramerraa bu’aa argamuun kaffalama jedhameera.

    Falmiin Tiraamp fi Zeleeniskii gidduutti Jimaata mudate ijoo dubbii addunyaa ta’eera.

  7. Ashamaa!

    Tamsaasni kallattii BBC Afaan Oromoo eegale.

    Akkuma yeroo hundaa Chaanaalii WhatsApp akkasumas Facebook gubbaa nu hordofaa.

    Ayyaanni Aduwaa guyyaa har'aa kabajamaa jira. Baga geessan.

    Lafa nagaa oolaa!

  8. Faaraaj walitti bu'iinsi Waayit Haawus 'kan nama gaddisiisudha' jedhe

    Amma yaada haaraa hogganaa riiformii UK fi michuu Tiraamp kan ta'an Nijeel Faaraaj irraa kenname isin biraan geenya.

    Faaraaj toora X isaanii irratti barreeffama maxxansaniin, waldhabeen guyyaa Jimaata kaleessaa ''Waayit Haawus keessatti raawwatamee'' ''kan nama gaddisiisuu'' fi ''Puutiin akka mo'ataa ta'etti akka itti dhaga'amu kan taasisuudha'' jedha.

    Miseensi paarlaamaa UK kun itti dabaluudhaan, taateen kun “dhuma seenaa miti” haata’u malee, waliigaltee nagaa “wabii nageenyaa sirrii ta’een” Yukireeniif “murteessaa'' ta’uu dubbata.

  9. Puutiin taa'ee taateewwan raawwataman ilaaluu danda'a

    Diraamaan Jimaata Kaleessaa Waajjira Ovaal keessatti raawwatame hoggantoota addunyaa hedduu irraa deebii ariifataa kaaseera. Garuu Vilaadmiir Puutiin irraa miti. Hanga ammaatti yaada hogganaa Kiremliin irraa kenname hin jiru.

    Ammatti dhugumas homaa dubbachuun isarraa hin eegamu. Pirezidanti Puutiin taa'anii taateewwan raawwataman ilaaluu danda'u.

    Doonaald Tiraamp waldhabdee ummata bal'aaf ifa ta'e Pirezidanti Zeleniskii waliin taasisan dursaa Raashiyaatiif ''agarsiisa TV guddaa ta'uuf'' akka hin oollee kan tilmaaman yoo ta'u, Vilaadmiir Puutiin ''agarsiisa'' kana akka itti gammadan shakkiin hin jiru.

    Qondaaltonni Raashiyaa tokko tokko garuu taateewwan Waashingitan keessatti raawwataman kanarratti yaada kennaniiru.

    Pirezidantiin duraanii fi kan amma itti aanaa itti gaafatamaa mana maree nageenyaa Raashiyaa ta'an, Dimitirii Medvedev, miidiyaa hawaasaa irratti barrefaman maxxansa irratti, Pirezidanti Zeleniskiin ''Waajjira Ovaal keessatti kabllaa'' argachuu isaanii barreessaniiru.

    Ameerikaan gargaarsa waraanaa Yukireeniif taasiftu akka dhaabduuf gaafataniiru.

  10. 'Dhugumaan Tiraampiif galata galchuu qabna,' -Hogganaan Naatoo

    Barreessaa Olaanaa Nato Maark Ruute irraa dhageenyee jirra. Aanga'aan kunis walgahii Waayit Haawus hordofee pirezidantii Yukireen Volodymiir Zeleniskiin waliin yeroo lama akka dubbatan BBC'tti himan.

    ''Waan irratti Zelesinkii waliin mari'atame dubbachuuf bilisa akka hin taane'' kaasuudhaan, garuu waan Tiraamp hanga ammaatti Yukireeniif hojjete ''kabajuu qabna'' jechuun Zeleniskiitti himu kaasan.

    Aanga'aan kun BBC'tti wayita dubbataniitti, Zeleniskiin erga Doonaald Tiraamp waliin Waayit Haawus keessatti walitti bu'anii booda hariiroo gita isaanii Ameerikaa kana waliin qaban deebisuudhaaf ''karaa barbaaduu qaba'' jedhan.

    Itti dabaluudhaanis, bara bulchiinsa Tiraamp isa jalqabaa, bara 2017 hanga 2020 tureen, Ameerikaan gurgurtaa sirna misaa'ela farra taankii Javelin kan Yukireen bara 2022 yeroo Raashiyaan weerara guutuu jalqabde "ittiin ofirraa ittisuu" dandeessise raggaasifteetti jedhan.

    ''Dhugumaan Tiraampiif galata galchuu qabna,'' jechuun ture Ruute dabaluun kan dubbatan.

  11. Amma nu gahe, Jilli Yukireen Ameerikaatti erga mariin fashalaa'ee booda Landan qaqqabee

    Xiyyaarri jila Yukireen qabatee Ameerikaa ture erga mariin Tiraampii fi Zeleniskii jidduutti adda citeen booda, har'a Landan Buufata Xiyyaara Istaansteed keessa qubateera.

    Xiyyaarri kun pirezidantii Yukireen Volodmiir Zeleniskii qabachuu akka hin oollee yaadama.

    Zeleniskiin boru Ministira Mummee UK Sir Kiir Istaarmar waliin mari'achuufi yaa'ii dureewwan Awurooppaa Landaniitti gaggeeffamurratti akka hirmaatan eegama.

    Xiyyaarri kun akkuma qubateen daqiiqaa muraasaan booda daandii balaliirratti konkolaattoonni keessummaa simatan hiriira galuudhaan xiyyaricha bira gahan.

  12. Amma nu gahe, Mariin ture cimaa ta'ulleen, michuu tarsiimoo taanee itti fufna - Zeleniskii

    Pirezidantiin Yukireen Volodmiir Zeleniskiin turtii Waashingiteniin booda buufata xiyyaaraa Landan Stansted qubateeera jedhamee amanama. Pirezidant Zeleniskiirraa ammallee waan dabalataa dhaga'aa jirra.

    Prezidantiin Yukireen maxxansa fuula X isaanii irratti baasaniin, "Gargaarsi Ameerikaa lubbuun akka jiraannu nu gargaaruu keessatti murteessaa ture, kanaafis beekamtii kennuun barbaada."

    "Mariin ture cimaa ta'ulleen, michuu tarsiimoo taanee itti fufna. Garuu galma waliin qabnu dhugaadhaan hubachuudhaaf amanamummaa fi waliif ifa ta'uu qabna."

    Itti dabaluun, Yukireen deeggarsa Ameerikaan taasifteef hundaaf, keessumaa waggoota sadan weerara guutuu ta'e keessatti, "baay'ee galateeffachuu" akka qabdu, akkasumas Pirezidanti Tiraampiif galata isaa ni galchinaaf

    "Ameerikaan ammas caalaatti maddii keenya akka dhaabbattu nan barbaada," jedhan.

  13. Aarii Waayit Hawusitti tureen booda Awurooppaan Zeleniskii waliin hiriiran

    Miira aarii addaatiin walitti dubbachuun ykn fajoon Waashigiteen, Waajira Ovaal keessatti Jimaata ture gaggeessitoonni Awurooppaa deebii hatattamaa wal walirratti akka kennan kakaaseera.

    Kan isaan jedhan kunmooti:

    • Pirezidantii Faransaay Emaaanu'eel Maakroon-Torban darbe Tiraamp waliin kan wal arganii ture Emaaanu'eel Maakraaon akkas jedhan: "Weerara kan gaggeeesse jira. Innis Raashiyaa. Kan weerarame ykn miidhame jira. Innis Yukireen. Kanaaf, waggaa sadii dura Raashiyaarra qoqqobbii keenyee Yukireeniin deggeruu keenyaaf nuti sirriidha. Ammas kana itti fufunee goona."
    • Chaansilara Jarmanii Olaaf Shoolz- Akkas jechuun fuula X isaarratti barreesse: "Hanga warri Yukireen nagaa barbaadan eenyuyyu nagaa hin barbaadu. Yukireen Jarmaniifi Awurooppaa abdachuu ni dandeessi," jedhe.
    • Meloni Ministira Muummee Xaaiyaan Jiyoorjiyaa Melonii- Akkas jette: "Waraana Yukireen keessa jirurratti mariyachuudhaaf US, Awurooppaafi michoota gidduutti korri ariifachiisaa" barbaachisaadha.
    • Ministira Muummee UK Sir Kiir Istaarmer- Hanga ammaatti yaada hin kenniin jira garuu dubbi-himaan No 10 akka jedhetti MM Istaarmer Tiraamp fi Zeleniskii waliin dubbachuufi Yukireeniif deeggarsa hin jijjiiramne akka qabu himeera. Kana malees, karaan nageenya waaraa ittiin dhufuu danda'urratti wanta gochuu danda'u hunda akka godhus waadaa galeera MM UK kun.
    • Gaggeessaan Yukireen gaggeessitoota EU buleeyyiirraas deeggarsa argatateera. Pirezidantiin Komishinii Awurooppaa, Ursulaa Voon Der Leeyen- Akks jetteen: "Kabajamoo pirezidantii tasa qofaa keessan miti. Nageenya haqa-qabeessaafi waaraa fiduudhaaf si waliin hojjechuu itti fufna."

    Zeleniskiin hoggantoota Awurooppaa isa cinaa jiraachuu isaanii dubbataniif galata qaban ibsaniiru.

  14. Kabaja nama gammachiisurraa kaasee hanga quba raasuutti: Walgahiin Tiraamp fi Zelensky akkamitti akka hammaate

    Walga'ichi waraana Yukireen keessa jiru akkaataa goolabamuun danda'urratti mariyachuuf kan yaadame ture.

    Jalqaba ji'a kanaa waraana jechuun gaggeessaa turaniin booda, korri kun gara hariiroo pirezidantii Yukireen Voloodmiir Zeleniskiifi fi Pirezidantii US Donaald Tiraamp gidduu jiru gara fooyyaa'uutti deema jedhanii kanneen abdatan jiru. Namoonni muraasni garuu Waajira Ovaal kessatti dubbiin hammaatee walitti bu'insi dhalachuu danda'a jedhanii tilmaamaniiru.

  15. Hundi isaanii Raashiyaaf gaarummaa agarsiisan, pirezidantii keenyatti ammoo mangaagaa jabaatu - Miseensa Paarlaamaa Yukireen

    Miseensi Paarlaamaa paartii mormituu Yukireen Zeleniskiin Waayit Hawus keessatti Tiraamp waliin wal dhabuu hordofee sagalee deeggarsaa dhageessisan.

    Miseensa Paartii Holos kan taate, Innaa Sovsuun BBC Radio 4 irratti akka dubbattetti, pirezidantiin Yukireen pirezidant Tiraamp fi itti-aanaa isaatiin "miidhaan irra gaheera" jechuun, "namatti darbuu akka kanaa ni ta'a jedhee tilmaamee hin beeku," jette.

    "Pirezidantichi Yukireenota hunda bakka bu'un dubbachaa turan," jette Soovsun. Tiraamp fi Vaans "isa gaddisiisuuf ifatti yaalaniiru," jette itti dabaluun.

    "Waraanni kun kan gaggeeffamaa jiru rakkoo inni uumeen jechuun ifatti quba itti qaban. Kun garuu gonkumaa waan jedhamuu hin qabne," jette.

    "Wanti addatti na rifaasise, torban tokko dura gareen Ameerikaa wayita Raashiyaa waliin marii araaraa taa'anitti bakka bu'oota biyyattiitiif gaarummaa agarsiisaa turan, kabaja malus kennaafiif turan. Kana kan godhan ammoo biyya weerartuu taateefi haleellaa gaggeessiteefidha. Pirezidantii biyyi isaa weeeraramteefi haleelamte waliin yeroo dubbatan garuu mangaagaa jabaachuufi miira fudhatama hin qabneen itti dubbatan," jetti.

  16. Ajajaan waraanaa Yukireen Zeleniskii deeggaran

    Ajajaan waraanaa olaanaa Yukireen Oleksaandr Siiriskiin, pirezidntiin biyyasaanii Zeleniskiin erga Waayit Haawus keessatti Tiraamp waliin wal dhabaniin booda ifatti dursaa isaanii deeggaran.

    Siiriskiin barreeffama fuula Telegraamiirratti maxxansan irratti akka jedhanitti, "humnoonni biyyattii hidhate Yukireen waliin jira, ummata waliin jira, ajajaa olaanaa Zeleniskii waliin jirra" jechuun barreesse.

    "Humni keenya tokkummaa keessa jira" jechuun dubbatan jeneraal waraanaa kun.

  17. Zeleniskiin lammiileen Yukireen ''nagaaf qophiidha'' jedhan

    Pirezidantiin Yukireen Zeleniskiin erga aariin Tiraamp fa'i waliin walitti dubbachuun mariinsaanii adda citeen booda, Fox News haasaa taasisaniin. TV kanumarratti xiqqoo dursee Doonaald Tiraamp ammoo Zeleniskiin ''lola, lola, lola'' barbaada jechuun dubbatee ture.

    Zeleniskiin kanaan akka walii hin gallee kaasuudhaan, lammiileen Yukireen ''nagaaf qophiidha'' jedhan.

    Itti dabaluun, sababii kanaatiif daawwannaa Waayit Haawusiif akka dhufe kaasuudhaan, haata'u malee, biyyisaa ''wabii nageenyaa'' barbaaddi jedhaniiru.

    "Akkasumatti dhaabbadhu jechuu hin danda'u. Nagaa fi nagaa waaraa barbaanna'' jedhe.

    "Lammiileen Yukireen Ameerikaan akka nu maddii dhaabbattu dhagahu barbaadu'' jedhan.

    “Wabii nageenyaa malee dhukaasa dhaabuu qofa miti dhimmisaa. Kun ummata keenyaaf miira namaa kan kakaasudha,” jechuun itti fufuun.

    Aniifi lammiileen Yukireen biroo “Ameerikaan Raashiyaa waliin osoo hin taane nu waliin akka turtu dhaga’uu arguu barbaadu” jedha.

    Pirezidaantiin Yukireen yaada isaanii kennuu itti fufuudhaan, ''tuffiin akkanaa gama lachuutiif gaarii miti,'' jedhan.

    “Ani nagaadhaaf baay’ee banaadha, garuu ilaalcha nuti warri Yukireen Raashiyaa irratti qabnu jijjiiruu hin danda’u.”

  18. Namni siyaasaa Yukireen Tiraamp Zeleniskiirratti 'haleellaa raawwateera' jette

    Dubbii aarii addaa Tiraampii fi Zeleniskii gidduutti taasifameef irratti lammiilee Yukireen irraa deebii tokko tokko argachaa jirra.

    Sagantaa BBC World Tonight waliin haasawa kan taasisan, miseensi paarlaamaa paartii mormituu Yukireen tokko, Zeleniskiin har'a Waayit Haawus keessatti Tiraampii fi Vaansiin "haleellaan irratti raawwatamee jira" jette.

    Miseensi paarlaamaa, Innaa Sovsuun Sagantaa Raadiyoo 4'tti akka himanitti, Zeleniskiin "dheekkamsa sadarkaa sanaa jiraachuu tilmaamu hin danda'u ture".

    ''Pireezidantichi bakka ummata Yukireen hunda bu'uun dubbataa akka turan nan amana,'' jetteetti.

    "Fudhatama hin qabu jedheen yaada, waan achitti isa mudate," jechuun dabalte taatee Zeleniskii fi garee Tiraamp jidduutti mudate kaasfti namni siyaasaa tun.

  19. 'Diraamaa' daawwannaa Zeleniskii Waashigitanitti taasise tamsaasuu itti fufneerra

    Daawwannaan pirezidantiin Yukireen Volodmiir Zeleniskiin Waashingitanitti taasisan 'diraamaa' fakkaata. Nutis kallattiin isiniif dhiyeessuu itti fufneerra.

    Daawwannaan hariiroo dippilomaasii cimsuuf waliigalteen albuudaa ni mallatteeffama jedhamee eegame sababa Waajira Ovaal keessatti aariin walitti dubbachuu fi fajoo tureen hin milkaa'iin hafeera.

    Gama tokkoon Zeleniskiin, gama kaaniin ammoo pirezidant Tiraamp fi itti-aanaa isaa JD Vaans ta'uudhaan miira aariin walitti dubbachaa turan.

    Yeroo isaan wal fajaa turan ammoo kutaadhuma sana keessa fuuldura isaanii miidiyaan guuteee ture waan ta'eef namoonni yeroo jarri sadan aariin wal falmaniifi dubbii afaanitti walqaban daawwatanii hedduu rifatan.

    Waliigalteen albuudaa mallattaa'es hin jiru. Zeleniskiin ammoo akka Waayit Hawus gadhiisee ba'u itti himameera.

    Boodarra ammoo Tiraamp Zeleniskiin nagaa barbaada jedhee akka hin yaadne rippoortarootatti himuun, hogganaan Yukireen kun akka nama humnaa ol ofitti amaneetti harka isaa humnaa ol sochoosaa dubbata jechuun dubbate.

    Osoo xiqqoo hin turiin ammoo Zeleniskiin TV Neetiwoorkii US Fox News irratti dhiyaachuun, akkaataa walga'iin sun itti gaggeeffamerratti gaabbii akka qabu himuun, garuu hariiroon jiru baraaramuu danda'a jedhe.

  20. MM UK Tiraamp fi Zeleniskiitti dubbate, Yukireeniif ammoo deeggarsa cimaa qabaachuu hime

    Ministirri Muummee UK Sir Kiir Istaarmer Pirezidant Tiraamp fi Prezidant Zeleniskii waliin dubbataniiru. Yukireeniif ammoo deeggarsa hin mittiiqne isiniif qabna jechuun dubbate.

    Kana malees, birmadummaafi wabii nageenyaa Yukireen karaa eegeen karaa nagaan waara'aa itti argamuurratti wanta danda'u hunda akka godhus hime.