Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.

Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi

Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf

Loltoonni Sooriyaa lammiilee nagaa 745 ajjeesuun himataman

Jaarmiyaan UK taa'ee haala mirga namoomaa Sooriyaa keessa jiru hordofu loltoonni Siiriyaa lammiilee nagaa hawaasa Alawite dhibbaan lakkaa'aman ajjeesaniiru jedhe.

Guduunfaa

  • Oduufi xiinxalaaf Chaanaalii WhatsApp akkasumas Facebook BBC Afaan Oromoo hordofaa
  • Loltoonni Siiriyaa lammiilee nagaa dhibbaan lakkaa'aman ajjeesuun himataman
  • Haleellaa Raashiyaan Yukireen irratti raawwatteen 25 ajjeefamanii hedduun madaa'an
  • Lammiileen Itoophiyaafi Ertiraa 32 Meditiraaniyaaniitii baraaraman
  • Xalayaan Zeleeniskiin Tiraampiif ergan maal hima?
  • Somaaliyaan gaaffii ulaa galaanaa Itoophiyaaf deebii kennuu dandeessii?
  • Itoophiyaa fi Ertiraan walitti bu'iinsatti qajeeluu maluu?
  • Ameerikaan hidhattoota Huutii tarree shororkeessaa jala keesse
  • Tamsaasa kallattii duraanii asii argattu

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Loltoonni Sooriyaa namoota nagaa dhibbaan lakkaa'aman ajjeesuun himataman

    Jaarmiyaan UK taa'ee haala mirga namoomaa Sooriyaa keessaa hordofu Syrian Observatory for Human Rights (SOHR) jedhamu haleellaa jumlaa loltoonni mootummaa hawaasa lakkoofsaan xiqqoo ta'an Alawite irratti Jimaataa fi Sambata raawwateen 745 ajjeefamuu gabaase.

    BBCn himannaa gareen mirga namoomaa kun mootummaa Sooriyaa irratti dhiheesse qaama walaba ta'erraa qulqulleeffachuu hin dandeenye.

    Hawaasi amantii Alawite hordofan lakkoofsaan xiqqoodha, ammaa biyyaa baqatee kan jiru Pirezidantiin duraanii Bashaar al-Asaad hundeensaanii bakka kana.

    Yeroo ammaa gosti isaa bakka kanaan dhibbaatamaan buqqa'aa jiru.

    Lakkoofsi namoota guyyoota lamaan darban ajjeefamanii 1,000 ni ga'a kan jedhe SOHR, kun erga Asaad Muddee darbe aangoorraa ari'amee haleellaa isa hamaadha jedhe.

    Walitti bu'iinsa kanaan loltoonni mootummaa 125 ta'anii fi hidhattoonni Asaad waliin michummaa qaban 148 ajjeefamuu SOHR ibseera.

  2. Tuuristoonni Israa'el Indiyaatti humnaan gudeedaman, tokko ajjeefame

    Namoonni kibba Indiyaa iddoo Hambaa Addunyaa ta'uun Unesco irratti galmaa'etti gudeedaman dubartoota, dhiirri tokko ni ajjeefame.

    Poolisiin Indiyaa Rooyitarsitti akka himetti gareen wanbadee sadi ta'uun gurmaa'anii haroo magaalaa Hempi, Karnataka, keessatti argamu cinaatti haleellaa kana raawwatan.

    Poolisiin akka jedhutti gareen kun tuuristoota kunneen laga Tungabhadra keessatti darbu dubartii tokko jalqaba gudeedan.

    Tuuristoonni kunneen dhiira sadii fi dubartoota lama turan.

    Dhiironni lama lubbuun yoo miliqan tokko lubbuun darbeera.

    Poolisiin garee yakka kana raawwatan keessaa lama to'achuu hime.

    Gareen wanbadee kun tuuristoota kunneen adamsaa akka turan akka shakku ibse poolisiin.

    Haleellaan akkanaa akkamiin raawwachuu akka danda'e qorataa jiraachuus ibse.

    Tuuristoota kunneen keessaa reenfi dhiira tokkoo boodarra bo'oo bishaanii bulchiinsa Karnataka Koppal keessatti argamu Tungabhadra keessaa argame.

    Kanneen miidhaman hospitaala mootummaatti yaalamaa jiru jedhe poolisiin.

  3. Loltoonni UK nagaa Yukireen 'waggoota dheeraaf' eeguun isaan barbaachisuu mala - gorsaa nageenya biyyaalessaa duraanii

    Gorsaan nageenya biyyaalessaa duraanii, nagaa Yukireen eeguudhaaf loltoonni UK bobbaasuun ''waggoota dheeraaf'' turuu akka danda'u akeekkachiisan.

    Loord Maark Seedwiil, hogganaa tajaajila siiviilii duraaniis kan ta'an, Westminster keessatti gaazexaa 'BBC The Week'tti akka himanitti, UKn waliigalteen nagaa yoo uumame ''lammiilee Yukireenif [nageenyaa] isaan barbaachisuuf'' mirkana kennuudhaaf obsa tarsiimoo agarsiisuuf fedhii qabaachuu qabdi jedhan.

    UK fi Faransaay lamaan isaanii iyyuu waraana Raashiyaan Yukireen waliin taasiftu keessatti dhukaasa dhaabuu kamiyyuu kabachiisuuf akka hojjetaniif loltoota erguuf fedhii akka qaban dubbataniiru.

    Loord Seedwiil akka jedhanitti, Raashiyaan osoo loltoonni UK Yukireen keessatti bobbaafamanii jiran "nu eeguu" qofa akka dandeessu yoo amante, waliigaltee nagaa eeguuf carraaqqiin taasifamu kamiyyuu hin milkaa'u.

    "Kanaaf carraaqqiin akkasii kana itti fufsiisuuf fedhii yeroo dheeraa ta'uu danda'u qabaachuu qabna, waggoota dheeraa ta'uu danda'a," jechuun qondaalii duraanii kun dabalee dubbatan.

  4. 'Halkan gaddisiisaa biraa Yukireen keessatti' -jedhu MM Poolaandi

    Miniatirri Muummee Poolaandi Doonaald Tuusk haleellaa halkan tokkotti Yukireen keessatti raawwatameen yoo xiqqaate namoota 20 galaafatee irratti deebii kennan.

    Barreeffama fuula X isaanii irratti maxxansaniin akkas jedha: "Kun kan ta'u yoo namni tokko gara jabiinaa daangaa darbuudha. Boombii dabalataa, weerara dabalataa, miidhamtoota baay'ee. Halkan gaddisiisaa biraa Yukireen keessatti."

    Kaleessa Tusk dhiironni Poolaandi keessa argaman hundi leenjii waraanaa akka fudhatan beeksistee jirti. Kunis miseensa waraanashee gara kuma 200 irraa gara walakkaa miliyoonaatti guddisuu danda'a.

    Kanaanis humna eeggataa ''balaa dhufuu malu kamuu waliin wal madaaluu fi gahaa'' uumuu danda'ama.

    Yukireen waliin kan daangaa kan qooddattuu Poolaand, bara kana qabeenyaa dinagdee ishee keessaa %4.7 ittisa irratti baasuuf karoorfattee jirti. Kunis gamtaa Naatoo keessatti qooda olaanaadha.

  5. Hooggantoonni Awurooppaa waa’ee ittisarratti yeroo mar'ataniitti Zeleniskiin gara Sa’udii Arabiyaatti kan qajeelan ta’uu ibsame

    Waraanni Yukireen marii torban dhufurratti ajandaa dippilomaasii olaanaa ta'ee kan ta'u yoo ta'u, mariin sadarkaa olaanaa hedduun akka gaggeeffamus ni eegama.

    Marii Sa'uudii Arabiyaa keessatti gaggeeffamuuf jiru kanaan dhukaasa dhaabuu irra kaayyeffachuu dabalatee, ajandaa kana keessa wantoonni hedduun akka ka'an eegama.

    • Pirezidant Volodmiir Zeleniskiin Wiixata dhufaa gara Sa'udii Arabiyaa imaluudhaan mootii Mohaammad bin Salmaan waliin mari'achuuf akka jiran himaniiru.
    • Walgahiin isaanii kunis kan gaggeeffame qondaaltonni Yukireen Kibxata dhufu gita isaanii Ameerikaa waliin Jiddaatti marii haaraa gaggeessu jedhamee kan eegamuun guyyaa tokko dura yoo ta'u, bakka Raashiyaa waliin dhukaasa dhaabuu jalqabaa irratti mari'atamadha. Zeleniskiin marii kana irratti hin hirmaatu.
    • Awurooppaa keessatti ammoo, hoggantoonni Gamtaa Awurooppaa kanneen karoora baasuuf rakkachaa turan, yeroo deeggarsi Ameerikaa kufaa jiru kanatti akkamitti Yukireen akka deeggaranii fi ittisa Awurooppaa mataashee baay'ee laafattaa akkamitti akka guddisan irratti mari'atu.
    • Faransaay Kibxata dhufaa hoggantoota waraanaa kanneen biyyoonni isaanii waliigaltee nagaa waraana Raashiyaa waliin taasifamu kamiyyuun booda deeggarsa waraanaa Yukireeniif dhiyeessuuf qophaa'an waliin marii ta'u keessummeessiti.
  6. Haleellaa Raashiyaan Yukireen irratti raawwatteen baay'inni namoota ajjeeffamanii 25 gahe

    Akkuma gabaasaa turre, haleellaa Raashiyaan Yukireen irratti raawwatteen yoo xiqqaate namoonni 25 yoo du'an, daa'imman shan dabalatee hedduun madaa'an.

    Haleellaan kunis Dobropillya, naannoo baha Yukireen Donetsk keessatti argamutti kan raawwatame.

    Guutummaa naannichaa keessatti namoonni gara biraa jaha ajjeeffamaniiru jedhan bulchaan naannichaa Vaadim Filashkin.

    Kunis namni tokko Myrnograd keessatti, namoonni sadii Pokrovsk keessatti, namni biraa tokko ammoo Kostyantynivka keessatti fi nama biraa tokkoo Ivanopillya keessatti ajjeefaman jedhan.

    Magaalotaa fi gandoota sana hunda keessatti namoonni saddeeti kan biroo miidhamuu fi manneen jireenyaa, manneen daldalaa, gamoo bulchiinsaa fi sararri ujummoo gaazii hedduun miidhamuu isaanii Filashkin toora Telegramii irratti odeeffannoo haaraa baaseeniin dabaluun ibsan.

  7. Biyyoonni Awurooppaa jajjabboon karoora Gaazaa deebisanii ijaaruu biyyoonni Arabaa dhiyeessan deeggaran

    Biyyoonni Awurooppaa: Faransaayi, Jarman, Biriteenifi Xaaliyaanin fa'aa karoora Gaazaa deebisanii ijaaruu biyyoonni Arabaa dhiyeessan akka deeggaran beeksisan.

    Biyyoonni Arabaa Kibxata darbe Masiriitti wal-gahuun karoora Gaazaa deebisanii ijaaruu dolaara biliyeena 53 gaafata jedhan ifa godhanii turan.

    Karoora kana USfi Israa'el fudhatama dhabsiisanis, biyyoonni Awurooppaa gurguddoo ta'an karooricha akka deeggaran har'a karaa ministeerota dhimma alaasanii beeksisuu Rooyitars gabaase.

    Karoorri Gaazaa deebisanii ijaaruu biyyoonni Arabaa dhiyeessan jiraattonni Gaazaa osoo bakka biraa hin geeffamin kan hojiirra ooludha.

    Pirezidaantin US Doonald Tiraamp garuu Filisxeemota Gaazaa keessa jiraatan miliyeena 2 ol bakka biraa geessun Gaazaa dhuunfachuun akka misoomsu beeksisee ture. Israa'elis karoora Tiraamp kana deeggartee turte.

    Karoorri Masiriifi biyyoonni Arabaa Gaazaa ijaaruf baasan Gaazatti koreen bulchiinsaa walabaa, beektota Filisxeemirraa walitti babaheefi garee Hamaasis of keessatti hammateen akka hojiirra ooludha.

    Korichi hundeeffamu hojiiwwan deeggarsa namoomaafi bulchiinsa Gaazaa kan hogganu yoo ta'u gaggeessummaa Bulchiinsa Filisxeem Weest Baank bulchaa jiruun kan hogganamu ta'a.

    Biyyoonni Awurooppas karoorri Gaazaa deebisanii ijaaruu biyyoonni Arabaa qopheessan fudhatama kan qabuudha jechuun deeggarsa isaanii ibsanii jiru.

  8. Raashiyaan nagaa buusuf fedha hin qabdu- Gamtaa Awurooppaa

    Raashiyaan nagaa buusuf fedhii hin qabdu jedhan jedhan gaggeessaa tarsiimoo alaa Gamtaa Awurooppaa kan ta'an Kaajaa Kaalas.

    Kana kan jedhan Raashiyaan kaleessa haleellaa cimaa Yukireen irratti gaggeessuu hordofeeti.

    Qondaalli Gamtaa Awuroopppaa kun fuula X gubbaatti "Misaa'elliwwan Raashiyaa Yukireen haleeluu itti fufaniiru, du'aati fi mancaatii dabalataa qaqqabsiisaa jiru," jedhan.

    Dabaluunis, Puutin irra deebin nagaaf fedhii akka hin qabne agarsiisaa jira," jedhan.

    Kaajaa Kaalas Ministiira Muummee duraanii Istooniyaafi pirezidaantii itaantuu Komishinii Awurooppatti.

    "Deeggarsa waraanaa taasifnu yoo jabeessine malee lammiilen Yukireen aarsaa guddaa baasuu ituma fufu," jedhan.

  9. Haleellaa diroonii Yukireenin gaggeessiteen buufanni boba'aa guddichi jalaa miidhamuu Raashiyaan beeksifte

    Haleellaa diroonii Yukireen gaggeessiteen taankariin buufata boba'aa guddicha Kiriishii miidhamuu Raashiyaan beeksifte.

    Bulchaan bulchiinsa Leeniingiraad Kaaba Lixaa fuula Telegiraamii irratti akka beeksisetti, caccabaan diroonii rukutamee kufee miidhaa geessiseera.

    Ykireen buufata boba'aa guddicha kanarratti qiyyaafachuun haleellaa gaggeessitus dirooniwwan dhukaafaman lachuu rukatamanis caccaabaansaa miidhaa geessiseera.

    "Humni ittisa haleellaa qilleensarraa dirooniin tokko osoo dhiyaataa jirtuu rukutee yoo kuffisu, tokkommoo barbadeessera," jechuun caccabaan diroonichaa miidhaa geessisuu barreesse bulchaan naanichaa Aleeksaandar Diroozdeenkoo.

    Buufanni boba'aa guddichi Kiriishii, baka boba'aan Raashiyaa itti calalamuufi boba'aa dizilii Raashiyaa 16.3% kan calaluudha.

  10. Tiraamp waliin atakaaroo keessa seenuu hin barbaannu- Afrikaa Kibbaa

    Mootummaan Afrikaa Kibbaa pirezidaantii US Doonald Tiraamp wajjin atakaaroo keessa seenuu akka hin barbaanne beeksise.

    Biyyattiin kana jette Tiraamp irra deebin Afrikaan Kibbaa warra adiirraa lafa fudhataa jirti jechuun miidiyaa hawaasaa gubbaatti barreesuu hordofeeti.

    Kanaan duras Afrikaan Kibbaa namoota adiirraa lafa osoo beenyaa hin kaffalin humnaan fudhataa jiraachuu ibsuun 'warri adiin Afrikaa Kibbaatii baqatanii US yoo deemuu barbaadan iddoo jireenyafi lammummaa akka kennuuf' ibsee ture.

    Yeroo sana mootummaan Afrikaa Kubbaa "Tiraamp waa'ee seera lafaa akka hin taanetti hubate" jechuun Elon Maask jaarsummaa itti ergee ture.

    Dureessi addunyaa Elon Maask dhalataa Afrikaa Kibbaati. Haa ta'u garuu Tiraamp didee deeggarsa maallaqaa Afrikaa Kibbaf taasifamu irraa dhaabe.

    Tiraamp ammas irra deebin "Piritooriyaan lafa warra adii beenyaa malee irraa fudhataa jirti" jechuun barreesse.

    Mootummaan Afrikaa Kibbaa dubbii Tiraamp alanaa kanaaf deebii yoo kennu Tiraamp waliin falmii keessa galuu akka hin barbaanne ibse.

    Afrikaan Kibbaa Tiraamp waliin walitti dhufeenya diinagdee, dippilomaasiifi kan siyaasaa biyyoota lamaan fayyadu Tiraamp waliin qabaachuu akka barbaadu beeksifte.

    Seerri waa'ee lafaa Afrikaan ji'a Amajjii keessa raggaasifte, lafa osoo hin misoomin warra adiin qabameefi hawaasarra miidhaa geessisu akka irraa fudhatamu kan hayyamuudha.

    Tiraamp garuu kuni warra adiirratti loogii uumudha jechuun Afrikaa Kibbaarra qoqqobbii kaa'e. Warri adiin achii bahuun gara UStti akka baqataniifis affeerraa godheef.

    Jimaataa kaleessaa, "qotee bulaan adiin kamuu, Afrikaa kan hin taane [Afrikaa Kibbaarraa] gara US dhufee jiraachuu ni danda'a" jedhee ture.

    Afrikaan Kibbaa gita bittaa jalaa erga baatee waggaa 30 booda, dhimmi abbummaa lafaa ammayyuu falmisiisadha. Sababni ammoo lafti qonnaa biyyattii harki 70 ol harka warra adii jira waan ta'eef.

  11. Haleellan Raashiyaan Yukireen keessatti namoota 11 ajjeese

    Haleella Raashiyaan magaalaa Dobroopilyaa irratti raawwateen namoonni 11 du’uu fi hedduun ammoo madaa’uu isaanii aangawoonni Yukireen himaniiru.

    Magaalattiin kun Kaaba-Lixa magaalaa Donetskiitti argamti.

    Haleellaa kanaan gamoolee mana jireenyaa saddeet fi gamoo bulchiinsaa miidhamaniiru.

    "Raashiyaan namoota nagaa ajjeesti," jechuun itti gaafatamaan naannoo Donetsk Vadiyiim Filashikiin ganama har'aa Telegiraamii irratti barreessan.

    Namoonni naannoo Donetsk keessatti ajjeefaman Jimaata darbe gara 20’tti ol guddachuu fi kanneen madaa’an ammoo 43 ta’uu dubbatan.

  12. Lammileen Bulgaariyaa UK keessatti Raashiyaaf basaasuun yakkamoo ta'an

    Lammileen Bulgaariyaa sadii UK keessatti Raashiyaaf basaasuun yakka raawwatan. Gochi kun UK keessatti oppereeshinii basaasaa "gurguddoo keessaa isa tokkodha" jechuun ibse poolisiin.

    Namoonni maqaafi umuriin isaanii: Vaaniyaa gaaberoov, 30, Kaatriin Ivaanovaa, 33, akkasumas Tihoomir Ivaanchev, 39 hundi isaanii Landan keessa jiraatu. jarru kun qaama garee bara 2022 hanga 2023 namaafi bakka gara garaatti hordoffii taasisaniidha.

    Hojii mana bareedinaa, hojii kunuunsa fayyaa keessa kan hojjetan ta'ulleen garuu dhoksaadhaan ammoo gaazexeessummaa qorannoo gaggeeffaman hordofuufi buufata waraanaa US Jarman jiru basaasaa turaniiru.

    Tooftaa isaan fayyadamanis wantotuma namni "asoosama basaasaa keessatti argina jedhanii eeganidha" jedhe poolisiin Metiroopolitaan Doominik Marfii.

  13. Doonaald Taask dhiirota Polaand hundaaf leenjii loltummaa kennuuf karoorsuu beeksisan

    Dhiironni Plaand hundisaanii leenjii waraanaa akka fudhatan gochuuf hojiin hojjetamaa jiraachuu Ministirri Muummee Plaand Doonaald Taask beeksise.

    Haasaa paarlaamaa Polaandiif taasiserratti, mootummaan dhima kanarratti ji'oota ittaaanu keessa ibsa bal'aa akka kennu dubbate Taask.

    "Polaand keessatti leenjiin loltummaa sadarkaan isaa guddaa ta'e dhiirota Polaand keessa jiran hundaaf kennuuf" carraaqqiin tasifamaa jira jechuun dubbate.

    "Dhiironni Polaand keessa jiran hunduu leenjii waraanaa akka argatan gochuuf dhuma waggaa kanaarratti moodeel isaa qopheessuuf ni yaalla. [Humna leenji'a] kana yeroo qabaannutti ammoo sodaafi yaaddoo jiru waliin bifa dorgomaafi gahaa taeenidha."

    Taask akka jedhetti, Yukireen loltoota 800,000, Raashiyaan ammoo miliyoona 1.3 waan qabaniif, nutis warra eeggataa ta'an dabalatee baayyina loltoota Polaand guddisuu barbaadna.

    "Warra eeggataa ta'anii taa'an dabalatee Polaan keessatti loltoota miliyoona walakkaa ta'an qabaachuurratti dubbachaa jirra," jedhe.

  14. Tiraamp Raashiyaarra qoqqobbii cimaa kaa'uf dhaadate

    Pirezidaantin US Doonaald Tiraamp Raashiyaarra qoqqobbiifi qaraxa guddaa kaa'uf yaadaa jiraachuu beeksise.

    Halkan edaa Raashiyaan haleellaa misaa'elaa guddaa Yukireen irratti gaggeessuu hordofee Tiraamp Raashiyaatti dhaadate.

    Tiraamp Raashiyaa waliin hariiroo cimasachuuf marii eegaluu hordofee torbanoota darban Yukireen qoollifateera jedhamuun komatamaa ture.

    Erga aangotti dhufee har'a yeroo duraaf Raashiyaaf akeekkachiisa cimaa kenne.

    "Raashiyaan amma adda waraanatti akka malee Yukireen haleelaa waan jirtuuf, hanga dhukaasi dhaabatuttiifi nagaa buusuf waliigalteen dhumaa irra gahamutti, qoqqobbii Baankii, Qoqqobbiiwwan garaa garaafi taarifa cimaa ta'e Raashiyaarra kaa'uf yaadan jira," jechuun fuula miidiyaa hawaasaa kan ofiisaa Truth jedhamurratti barreesse.

    Dabaluunis, "Raashiyaafi Yukireen booddee osoo hin gaabbin amma taa'aa mariyadhaa. Galatoomaa!!!" jechuun barreesse.

  15. 'Aanga'oonni siyaasa Itoophiyaa olola waraanaa hafarsuu itti fufaniiru'- Ertiraa

    Aanga'oonni siyaasaa Itoophiyaa dibbee waraanaa rukkutuu itti fufaniiru jechuun qondaalli olaana mootummaa Ertiraa ibsan.

    Minsitiirri Odeeffannoo Ertiraa Obbo Yamaanaa Gabramasqal, "qondaalonni siyaasaa Itoophiyaa tokko tokko dheebuu waraanaa qaban" agarsiisaa jiraachuu fuula X gubbaatti barreessan.

    "Rakkoon fayyaa sammuu dheebuu waraanaa qabaachuu namoota siyaasaa Itoophiyaa tokko tokko qabatee jiru dhugumatti kan nama ajaa'ibuudha," jedhan.

    Dabaluunis, Itoophiyaan guyyaa guyyaan seenaa jallisuun seenessa haaraa uumaa jiraachus ibsan.

    "Seenaa naannichaa kan durii, kan bara giddu-galeessafi ammayyaa jallisuun haaressanii dhiyeessuu guyyaa guyyaan argaa jirra," kan jedhan Obbo Yamaanaa Gabranasqal, seerri idil-addunyaas cabaa jiraachuu X barreessan.

    "Seera idil-addunyaa diduufi piroppagaandaa nama tuttuquu hafarsaa jiraachus [argaa jirra," jedhan.

    Namoonni siyaasaa Itoophiyaa kana mara gochaa jiraachunsaanii waanta seera qabeessa hin taaneefuu naannicha jeequmsatti galchuu seera qabeessa fakkeessuuf ta'uus himan.

    Aanga'aan Ertiraan kun aanga'oota Itoophiyaa olola waraanaa hafarsuun duunyaadhumatti himatan malee, adda baasanii hin himanne.

    Torbanootan dura pirezidaantiin duraanii Itoophiyaa Dr. Mulaatuu Tashoomaa "Ertiraan Kaaba Itoophiyaatti waraana bifa haaran eegaluuf jetti" jechuun Aljazeeraa irratti barreessuu hordofee qondaalli olaanan Ertiraa kun deebii kennanii ture.

    Inumaayyuu "Itoopihyaatu dheebuu waraanaa qaba" jechuun Itoophiyaan rakkoo keessooshee furachuu dadhabdee Ertiraatti quba qabaa akka jirti jedhanii ture Obbo Yamaabaa Gabramasqal.

  16. Israa’el seera Ertiraanota biyyasaaniitti deebisuu hayyamu baaste

    Paarlaamaan Israa’el wixinee seera Ertiraanota kolu-galtummaa gaafatan garuu “bulchiinsa biyyasaanii” deeggaran biyyatti deebisuu hayyamu ilaalchisee qophaa’e marsaa duraa dabarsite.

    Akka miidiyaaleen gabaasanitti, Paarlaamaan Israa’el Ertiraanota dabalatee namoota kolu-galtummaa gaafatan garuu “mootummaa biyyasaanii deegaran” biyyatti deebisuu ji’a dabre ture kan raggaasise.

    Akka labsii kanaatti, Ministeerri dhima biyya keessaa gabaasa poolisiifi abbaa taayitaa immigireeshinirraa argatuun warra kolu-galtummaa gaafatan biyyatti deebisuuf aangoo qaba.

    Kaayyoon seera kanaa namoota dhugumatti miidhaafi hacuuccaa biyyatti isaanirra gahu jalaa baqataniifi warra ammoo mootummaa biyyasaanii deeggaran adda baasuun biyyatti deebisuufidha.

    Seera-baastonni wixinee kana deeggaran walitti bu’insa Ertiraanotaa deeggartoota mootummaafi mormitoota gidduutti Tel Aviiv keessatti uumamee namoonni baayyee akka du’aatiifi madaa’an sababa ta’e kaasuun ture.

  17. Yeroo jalqabaaf xiyyaarota waraanaa Faransaay bobbaafne- Humna Qilleensaa Yukireen

    Yuukireen haleellaan halkan Raashiyaan raawwatte gidduugala oomisha Gaazii irratti jette.

    Misaa'eloota 67 [Kiruuz misaa'elii 43, baalistik misaa'elii Kaalibir sadii fi misaa'ela kh-59/69 jedhaman saddet] fayyadamuun Raashiyaan haleellicha akka raawwatte himte.

    Humni qilleensichaa itti dabaluun, diroonii 194 tahanis Raashiyaan halkan tokkotti akka fayyadamte ibse.

    Isaan keessaa Kiruuz misaa'elii 33, misaa'ela kh-59/69 tokkoo fi diroonii 100 rukutamuu ibse.

    Haleellaa kana ofirraa qolachuuf xiyyaarota waraanaa F-16 fi xiyyaarota waraanaa Faransaay [Mireej] jedhaman fayyadamuu ibsan.

    Ji'a darbe erga xiyyaarota Faransaay fudhattee booda Yuukireen yeroo jalqabaaf itti fayyadamuu ishee ibsite.

  18. Raashiyaan Yukireen irratti haleellaa jabaa gaggeessaa bulte

    Raashiyaan halkan edaa Yuukireen irratti haleellaa diroonii guddaa gaggeesite.

    Haleellaa Yuukireen kanaan ijoollee afur dabalatee namoonni 18 madaa'aniiru.

    Erga Ameerikaan deeggarsa waraanaa Yuukireeniif gootu irraa kuttee haleellaa jabaa akkasii Raashiyaan yoo gaggeesitu kun kan jalqabaati.

    Ministirri Aannisaa Yuukireen akka jedhetti, Raashiyaan gidduugala aannisaa biyyattii irratti qiyyeeffachuun haleellicha raawwatte.

    Magaalaa guddoo lammaffaa Yuukireen Karchiiv keessatti namoonni saddet madaa'aniiru.

    Bu'uuraaleen misoomaa murteessoo fi manneen jireenyaa miidhamaniiru.

    Baha Shaaktaar magaalaa Isloovaaniskii keessaa haleellaa boombii lamaan namoonni torba madaa'uu hogganaan waraana magaalichaa himeera.

    Gamoo adda addaa 30 irras miidhaan dhaqabeera. Kun yeroo Tiraamp waraana dhaabuufi marii nagaa jalqabuuf Zeleniskii fi Putiin waliin dubbataa jirutti raawwate.

  19. Sudaan UAE 'duguggaa sanyii deeggaruun' mana murti idil-addunyaatti himatte

    Sudaan Yunaayitid Arab Emireet (UAE)n walwaraansa biyyattii keessatti gaggeeffamaa jiru keessatti Humnoota Deeggarsa Saffisaa (RSF) Sudaan gargaaraa jirti jechuun, Mana Murtii Haqaa Idil-addunyaa (ICJ)tti geessuun himachaa jirti.

    Kaartuum gocha duguuggaa sanyii hawaasa Masalit, kan Lixa Daarfuuri keessatti argaman irratti raawwatme keessatti UAEn deeggarsa waraanaa, maallaqaa fi siyaasaa RSF'f kennuun ''duguuggaa sanyii irratti hirmaatteetti'' jechuun falmiti.

    Deebii kanaatiif, UAE himannaa Sudaan kana cimsitee waakkachuun, dhimmichaan ''xiyyeeffannoo ummataa jijjiruuf kan itti yaadamee dhiyaateedha'' jechuun, hatattamaan akka diigaman akka barbaaddu dubbatteetti.

    Erga waraanni Sudaan Ebla 2023tti jalqabee as RSF fi waraanni Sudaan lamaan isaaniiyyuu gocha mirga namaa sarban raawwachuu isaaniitiin himatamaa turan.

  20. Humnoonni Asaadiif amanamoo ta'an waraana biyyattiin walitti bu'uun hedduun du'an

    Humnoonni waraanaa bulchiinsa haaraa Siiriyaa fi hidhattoonni pirezidantii duraanii Bashaar al-Adaaduuf amanamo ta'an waraana walitti banuun lubbuun namoota hedduu darbeera.

    Erga Muddee darbe Asaad biyyaa ari'amuun mootummaan ce'umsaa hundaa'ee kun lola isa hamaadha.

    Qaamni UK taa'ee haala mirga namoomaa Siiriyaa keessa jiru to'atu Syrian Observatory for Human Rights jedhamu namoonni 70 caalan ajjeefamuu gabaase.

    Iddoowwan lolli keessatti gaggeeffame, magaalota Latakiyaa fi Tartuus, keessatti sochiin daangeffameera.

    Waraana kanaaf ka'umsi humnoonni mootummaa wayita Latakiyaa keessatti oppireeshinii gaggeessan butamuudha.

    Taatee kana hordofee mootummaan humna dabalataa wayita bakka kanatti ergu dhukaasi hamaan eegale.

    Iddoowwan daangaa biyyattiirratti argaman kunneen iddoo qubsuma hawaasa Alawite jedhamanii fi qe'ee maatii Bashaar al-Asaad.

    Maatiin al-Asaad gosa Alawite.

    Lakkoofsi namoota ajjeefamanii meeqa akka ta'e BBCn madda walabaarraa hin mirkaneeffanne.

    Miidiyaan Siiriyaa Step jedhamu ammoo humnoonni nageenyaa mootummaa hidhattoota duraanii 70 ta'an ajjeesuu gabaase.

    25 kan ta'an ammoo naannawa Jableh jedhamutti booji'amuu gabaase maddi oduu kun.

    Magaalota ijoo Siiriyaa kanneen akka Hooms fi Aleppoo keessattis walitti bu'iinsa gurguddaatu deemaa jira.

    Dubbi himaan Ministeera Ittisaa Siiriyaa Koloneel Hasan Abdul Gaanii hidhattoonni Asaadiif amanamoo ta'an ''meeshaa lafa kaa'uun akka nagaan jiraatan yookiin carraansaanii irbaata rasaasaa akka ta'u,'' akeekkachiisan.

    Keessattuu sochiin hidhattoonni kunneen Latakiyaa keessatti taasisan bulchiinsa yeroo pirezidanti Ahmad al-Shaaraatti qormaata jabaa ta'aa jiraachuu ibsan dubbi himaan kun.