Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Uffannaan Zeleeniskii akkamiin Waayit Haawusitti mufii uumuu danda'e?
Yeroo pireezidantiin Yukireen Zeleeniskiin Waayit Haawusitti konkolaataa keessaa bu'an jechi jalqabaa Tiraamp dubbatan waa'ee uffannaasaanii ture.
''Har'a uffannaa tolfatteetta,'' jedhan Tiraamp yeroo harka isaan fuudhan.
Zeleeniskiin qomee gurraacha akkaataa wayyaa loltuutti tolfameefi faajjii Yukireen qabu uffatani.
Kora murteessaa hogganooti addunyaa irratti argaman irrattillee Zeleeniskiin suufii fi karabaataa beekuma hin keewwatan, kunis bara 2022 erga Raashiyaan Yukireen weerarteen asidha.
Hogganaan Yukireen kuni uffannaa loltuu keewwachuuf filachuunsaanii loltoota biyyasaanii dirree waraanaa irratti Raashiyaa lolan deeggaruuf akka tahe himaniiru.
Tahus dubbiin kuni kanneen deeggarsa US Yukireeniif taasistu morman biratti mufii kaasee ture.
Erga waggootaaf mata duree qeeqxotaa tahanii turan booda marii akkaan falmisiisaa Tiraampiifi Zeleniskiin Waayit Haawusitti taasisaniin xiyyeeffannoo addunyaa argate.
Gaazexeessaan Ameerikaa tokko suufii uffachuu dhiisuun sagantaa sanaaf kabaja akka dhorke itti dubbate jennaan faarri kuticha keessa ture battaluma geeddarame.
Daqiiqaa muraasaan booda dhimmi kabajaa guddaan ka'ee, atakaaroo pireezidantii Ameerikaa fi ittaanaan isaanii michuu isaanii Awurooppaa waliin taasisan foddaa TV addunyaan mul'ate.
Yeroo mariin hogganoota kunneenii gaaffiifi deebiif qophii tahu rippoortarri Waayit Haawus, miidiyaa warra aadaa duraanitti cichanii, Real America's Voice, Biraayaan Gileentu gaaffiif harka baase.
''Suufii maaliif hin uffattan?'' jedhe Gileen. ''Waajjira olaanaa biyya kanaa dhuftanii, suufii uffachuu hin feetan.
''Suufii immoo qabduu?'' jechuun itti fufe. ''Lammiileen Ameerikaa baayyee waajjira kana kabajuu dhiisuu keessaniin isin waliin rakkoo qabu.''
Gaaffiin miira makate kuni isa Zeleniskiin duraan haasaa nagaa gochaa taasisaa turaniifi haasaa Tiraamp kan nuffan fakkaatu jijjiirame.
''Yeroo waraanni kuni dhaabbatu koostiyuum uffadha,'' jedhan Zeleeniskiin (Afaan Yukireenii suufiin kostyum jedhama).
Kana booda pirezidantiin Yukireen gaazexeessichatti akeekaa dubbatan.
''Tarii waan akka ati uffatte wayii, ee. Kan isarras fooyya'e, hin beeku,'' yeroo jedhu waajjirichi koflaan guutame. ''Feetu waan isarraa rakasa ta'e.''
Gaaffiin Gileen deeggartoota Tiraamp Yukireen waggaa sadiif yeroo Ameerikaan deeggaraa turtetti Ameerikaaf kabaja hin kennine jedhaniif sagalee tahe.
Gileen rippootara duraanii TV Daalaas Tiraamp deeggaru yoo tahu, bara darbe miidiyaa Politikoo jedhamutti yeroo dubbatu, ''pireezidant Tiraampiifi ajandaa dursi Ameerikaaf jedhu %100 nan deeggara,'' jedhee ture.
Dubartiin kongireesii Joorjiyaa, Maarjoorii Teeyilar Giriin deeggaartuu Tiraamp yoo taatu jaalallee gaazexeessaa kanaati.
Gileen gaazexeessitoota Pireezidant Tiraamp sagantaafi marii garagraa yeroo qabaatan kanneen gabaasan keessaati.
Bulchiinsi Tiraamp gaazexeessitoota Waayit Haawusiif gabaasan waldaa gaazexeessitoota irraa fudhateera. Kunis gaazexeessitoota ''haaraaf carraa kennuuf'' jedhan.
Atakaaroo Waayit Haawusiin booda Gileen ergaa onlaayinii irratti maxxanseen ''rakkoo uummata Yukireen nan hubadha garuu Zeleeniskiin suufii uffachuu dhiisuun garuu of keessatti Ameerikaaf kabaja akka hin qabne agarsiisa,'' jedhe.
Deeggartoonni Zeleeniskii yeroo Waraana Addunyaa Lammaffaa suuraa hogganaa UK kan turan Winistan Charchiil wayyaa idilee uffatee agarsiisu maxxansaa turan.
Wiinistan Charchiil yeroos pireezidantii Ameerikaa Firaankiliin Roosveelt yoo dubbatan uffata danbii loltuu fa'i uffataa turan.
Gaaffii Gileeniin booda korri sun gara gaaffii Ameerikaan loltuu dabalataa gara Yukireen ergitii kan jedhutti ce'e. Gaaffiif deebii kennuun booda Tiraamp gara gaaffii suufiitti deebi'an.
''Uffannaa kee jaaladheera,'' Zeleeniskiitti quba qabaa, ''waan bareedaa uffate,'' jedhan.
Waltajjiin duuba ilaalchi Tiraamp isa mul'aturraan adda akka tahuu malu gaazexeessitoonni himu.
Miidiyaan oduu Ameerikaa Ashiyoos jedhamu, hojjettoonni Waayit Haawus Zeleeniskiin suufii akka uffatu gaafatanii yeroonni didu mufachuu himan.
Haa tahu malee, hogganooti biyyoota lameenii haala kabaja qabuun daqiiqaa 20f gaaffii fudhataa turan.
Boodarra garuu pireezidantii Ameerikaafi ittaanaan isaanii JD Vaans haasaa Zeleeniskii addaan kutuun atakaaroon uumamuu jalqabe.
Vaans irra deddeebiin dhimma ''kabajaa'' kaasaa turan.
Waayit Haawus dhuftee miidiyaa Ameerikaa duratti falmii kaasuun ''kabaja dhoowwachuu dha,'' jedhan.
Kana booda mariin dubbiitti geeddaramaa dhufe, Zeleeniskiin yeroosuma Waayit Haawusii akka bahu taasifaman.
Haala kanaanis hariiroon biyyoota lameenii sadarkaa gadi bu'aa jedhamurra gahe.
Odeessaafi xiinxala biroof BBC Afaan Oromoo Chaanaalii WhatsApp akkasumas Facebook irratti hordofaa.
Oduuwwan BBC Afaan Oromoo biroo dubbisuuf as cuqaasaa.