Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Ardii kan qaxxaamuru Balastik Misaa'el maalidha?
Sadaasa 21, 2024, magaalaan Yukireen Diniproo jedhamtu haleellaa Raashiyaa qilleensaan wayita rukutamtu namoonni argan kan kanaan dura argamee hin beeknedha jedhan. Haleellaan raawwatame kun dho’insa osoo walirraa hin citiin sa’aatii sadiif turu uume jedhan.
Haleellaan humna guddaa qilleensarraan dhufe kun misaa’ela humna guddaa qabu ture.
Haleellaa kana booda aanga’oonni Yukireen akka jedhanitti haleellaan kun amala baalastik misaa’el ardii qaxxaamuru (ICBM) qaba.
Aanga’oonni biyyoota Lixaa ammoo haleellaan jedhame kun US keessatti akeekkachiisa niwukilaraa kaasisuu qaba ture waan jedhaniif waan kana mormuun yeroo isaanitti hin fudhanne.
Haleellaan kun raawwatamee saatiiwwan muraasaan booda, Pirezidantiin Raashiyaa Vilaadmiir Puutin ergaa karaa TV dabarsaniin, Raashiyaan misaa’ela “idilee haaraa fageenya giddu-galeessa jedhamuun ol [intermediate-range] deemu” maqaa Oreshnik jedhamuun moggaafame dhukaasteetti jedhan.
Oreshnik, jecha afaan Raashiyaa yoo ta’u, hiikni isaa biqiltuu (muka) Raashiyaa keessatti beekamudha.
Puutin akka jedhanitti, meeshaan kun sekondii tokko keessatti kiiloomeetira 2.5 hanga 3 deema jedhan. Kana jechuun ammoo saffisa sagalee dachaa kudhaniin caala jechuudha.
“Ammatti meeshaa kana karaan ittiin qolachuun danda’amu hin jiru,” jedhan Puutin itti dabaluun waa’ee meeshaa haaraa Yukireenitti dhukaasan kana ibsan.
Pirezidant Puutin akka jedhanitti, bakki industirii waraanaa ijoo Diniproo [kutaa Yukireen] misaa’elootaafi meeshalee waraanaa omishuuf oolu rukkutameera. Haleellaa kana sababa “bakka irratti xiyyeeffatame qaan qaqqabeef” yaalii “milkaa’aa” jechuun ibsan Puutin.
Guyyaa tokkoon booda qondaalota humna ittisaa olaanootti yeroo dubbatanitti “haalota waraanaa barbaachisoo ta’an keessatti dabalatee” misaa’eloota kana yaaluun itti fufa jedhan.
Puutin waa’ee meeshaa waraanaa haaraa fayyadamanii kanaa akkasitti haa ibsaniyyu malee, qabatamatti maal akka ta’e waliigalteen ifa ta’e waan jiru hin fakkaatu.
Intelejensiin waraanaa Yukireen gosti misaa’elii haaraa Balastik Misaa’el Ardii Qaxxaamuru (ICBM) kun Kedr (cedar) jedhamuun beekama jedhe. Bakka irraa dhukaafame naannoo Raashiyaa Astiraakhaan kan kiiloomeetira 1,000 ol fagaaturraa ka’ee Yukireen qaaqabuudhaaf daqiiqaa 15 itti fudhata jedhan.
Kana jechuun daqiiqaa 15 keessatti fageenya kiiloomeetira 1,000 ol deema jechuudha.
Misaa’eliin kun mataa baarudaa ja’a kan tokkoo tokkoon isaanii rasaa ja’a ja’a qabatan qaba jedhu.
Yaadni kun qorannoo viidiyoo bakka meeshaan kun haleelerraa fudhatee BBC Verify gaggeesseen wal deeggara.
Dimismisaa ykn qulqullina gaarii kan hin qabne ta’us, viidiyoorratti akka mul’atutti dhukaasni samii halkaniirratti rasaasa kallattii ja’aan finiine agarsiisa.
Bakki misaa’eliin kun haleele ammoo naannoo industirii kibba lixaa magaalaa Dinpirooti.
Saffisni maaliif barbaachisaa ta'e?
Yoo ibsi Puutin sirrii ta'e, misaa'elichi haypersoonik kan caalu ta'a jechuudha.
Saffisni barbaachisaadha sababiin isaa ammoo misaa'eliin yoo saffisaan kan deemu ta'e, bakka irratti xiyyeeffatamee irratti dhukaafame dafee qaqqaba.
Saffisaan bakka irratti xiyyeeffatame qaqqabuun ammoo carraan misaa'eloonni qolatan yookaan itti dhukaafamanii maseensan ni xiqqaata jechuudha.
Balastik misaa'el walumaagalatti bakka itti dhukaafame kan qaqqabu bifa gogolbatee (marfataa) yookaan ammoo jajallataa qilleensatti olba'a. Boodas haaluma walfakkaatuun bakka akka rukkutu filatamettis yeroo gadi deebiyu bifamu walfakkaatuun gagolbataa bu'a.
Yeroo samiirraa bu'aa deemutti, saffisni isaa dbalaa deemee humna(annisaa) kaayinetik jedhamu argataa dhufa. Humna (annisaa) kaayinetik hanguma argataa deemeen ammoo filannoowwan dabalataa isaaf dabalaa deema.
Kun ammoo yeroo bakka rukkutuuf ergametti dhiyaataa deemutti, akka dadacha'uu ta'uun boca salphaatti hin rukkutamne qabataa deema. Akkas ta'uun isaas sistemoonni misaa'elaa qolachuuf lafarraa gara qilleensaatti yeroo itti dhukaafaman (fakkeenyaaf sistemni ittisa qilleensaa Yukireen US hojjette Patriot jedhamu) salphaatti argachuu hin danda'u.
Waraana keessatti haaraa miti, yeroo meeshaan yaaddoo uumu akka kanaa jiraatu ofirraa qulachuuf yaaliin taasifamu ni jiraata, garuu hanguma saffisni meeshaa dhukaafamuu cimee ta'aa deemu ofirraa ittisuun ykn qolachuun isaas rakkisaa ta'a.
Kanaafidha Puutin kan inni yeroo misaa'ela haaraa kana beeksisetti saffisa isaarratti xiyyeeffachuun dubbates.
Misaa'eloota Raashiyaan dhukaaste keessaa %80 kan ta'an Yukireeniin qolatamaniiru. Kun ammoo humna ittisa cimaa adda ta'edha. Haata'u malee, balastik misaa'eloonni saffisa cimaa qaban kunneen carraa ofirraa ittisuu ykn qolachuu kana hir'isuuf yaadameeti.
Misaa'eliin haaraa kun fageenya hangamii deema?
Ogeessi waraanaa Raashiyaa Ilya Kramnik gaazexaa deeggaraa Kireemiliin ta'e Izvestiya jedhamutti akka dubatetti, misaa'eliin haaraa hojjetamaa jiran kun ammatti fageenya giddu-galeessa ta'an kan qaban xiqqoo warra caalan keessatti ramadama.
"'Misaa'eloota dhaloota haaraa Raashiyaa fageenya giddu-galeessaa jedhaman caalan kiiloomeetira 2,500-3,000 deeman hojjechaa jirra. Kun ammoo hanga fageenya kiiloomeetira 5,000 qaqqabutti guddachuu danda'a, garuu kan ardii qaxxaamuru miti," jedhe.
Kun ammoo guutummaa Awurooppaa kan qaqqabuu danda'u yoo ta'u, US garuu hin qaqqabu.
"Yuunitii mataa isaatiin kan qajeelfamu ta'ee baaruda mataasaa akka qabaatutti hojjetame," jedha aanga'aan Kireemiliin kun.
Aanga'aan kun misaa'elii Yars-M kan ICBM ta'erraa hir'ifamee hojjetame.
Raashiyaan gosa misaa'ela haaraa kana omishuu kan jalqabde bara darbe akka ta'e gabaafameera.
Ogeessi biraan Dimiitirii Korveev gaazexaa kanatti akka dubbatetti, Oreshnik misaa'ela fageenya gabaabaa Iskander jedhamu kan baayyinaan Yukireen ittiin haleeluuf gargaaramaa jirturratti hundaa'uun hojjetamuu hin oolle jedha.
Misaa'eliin Kamisa Yukireenitti dhukaafames bakkuma wal fakkaaturraati.
Hangam milkaa'aadha?
Xiinxalaan waraanaa Vilaadislaav Shurgiin gaazexaa Izvestiya jedhamu kanatti akka himetti, Oreshnik sistemoota ittisa misaa'elaa ammayyaa amma jiran kamiyyu caaluu danda'a ykn dandamachuu danda'a.
Osoo baaruda Nukilaraa hin fayyadamuun kuusaa eegumsi sirriin taasifamuuf hudeetti gadi fageessee haleeluu danda'a jedha.
Haata'u malee, dhaabbanni ykn kuusaan lafa jalaa Wiirtuu Dinpirootti meeshaa kanaan barbdaa'e hanga ammaatti ragaan mirkanaa'e hin jiru.
Xiinxalaan Raashiyaa biraa Igor Korotchenko ejensii oduu Tass jedhamutti akka dubbatetti, misaa'eliin kun baarudawwan qofaa qofaatti of danda'anii qajeelfaman baayyee qaba. Kana malees, akkaataa baarudawwan kunneen bakka irratti xiyyeefatamee dhukaafametti qabatamaan walitti aansuun irra bu'anis" baayyisee bu'a qabeessadha jedha itti dabaluun.
Hoji-gaggeessaafi hundeessaan kampanii gorsa yeroo balaa Sibylline jedhamuu Jastiin Kiraamp BBC Verify'tti akka himetti, misaa'eliin kun humna ittisa qilleensaa Yukireeniif baayyee rakkisaa ta'u qaba jedha.
"Balastik misaa'eliin Raashiyaa kanaan duras waraana Yukireen keessatti yaaddoo hamaa kan turedha," jedha. "Caalaa saffisaa, sisteema fooyyaa'aa akka qabaatu gochuun ammoo caalaa cimsa."