Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Icciitiin qurxummii 'Raashiyaaf basaasu' akkamiin barame?
Waggoota shan dura ture sanyiin qurxummii Belugaa ta’e qarqara galaana Norweeyitti mul’achuun ijoo dubbii kan ta’e.
Qonnaan bultoonni qurxummii adii kana Vaaldimiir jedhanii moggaasan. Miidiyaaleen immoo ‘’basaastuu Raashiyaati’’ jedhanii ijoo dubbii godhatan.
Eenyummaan qurxummii kanaa hibboo namatti ta’ee ture amma barameera fakkaata.
Ogeessi tokko qurxummiin kuni miseensa waraanaa ture jedhaniiru. Humna galaanaa naannawa Arkitiik jiruutii miliqe jedhan.
Dr Olgaa Shipaak garuu isa basaastuudha jedhu nan amansiisu jedhu. Belugaan kan leenji’e humna galaanaa balaarraa ittisuufi jedhanii amanu.
Waan ‘’rakkisaa’’ ta’ef hojicha dhiisee miliqeera jedhan.
Qurxummiin kuni humna galaanaa isheetiin leenji’uu isaa Raashiyaan hin mirkaneessine. As baatee dogongortaniittus hin jenne.
Dr Shipaak bara 1990 keessa eegalee Raashiyaa keessa tajaajilaniiru. Bara 2022 gara Yukireen hanga deebi’anitti qurxummiileerratti qorannoo taasisaniiru.
‘’Ani dhibbaan dhibbattii ittin amana,’’ jedhan.
Kana kana jedhanis hiriyyoota isaanii Raashiyaa turaniifi hojjettoota duraan beekan waliin erga mari’atan boodadha.
Kunis, dokimantarii BBC ‘’Secrets of the Spy Whale’’ keessa ibsame.
Qurxummiin kuni Kaaba Norweeyitti kanneen qurxummii kiyyeessan erga argan booda ijoo dubbii ta’e.
‘’Qurxummichi bidiruutti of buuse,’’ jedhu kanneen qurxummii kiyyeessan keessaa tokko Joor Hestan.
Gargaarsa namaa waan barbaadu itti fakkaate. Taateen kuni waan hin baramnes ture.
Belugaan gama kibbaa baay’ee hin mul’atu ture. Qabattoo kaameraa baachuuf olu ofirraa qaba.
Irrattimmoo, ‘‘meeshaa Sent Pitarisbarg‘‘ jedhamee Afaan Ingiliziin irratti barraa’eera.
Heestan qabattoo irra jiru hiikeef. Qurxummichis qarqara galaana Hamarfestittis imale. Achis ji’ootaaf jiraate.
Daawwattoonni isa daawwatu turan. Kaameraa suuraa kaasan gaafa itti qaban sochii gammachuu mul’isa.
Bilbilli isaaniis bishaan keessaa jalaa bu’ee yeroo tokko deebiseeraaf.
‘’Qurxummiin kuni funyaan isaa gara meeshaalee keessa seensisuun isaa waan kana irra deddeebiin gochaa akka ture kan agarsiisudha,’’ jedhu dhaabbata Sarveey Orkaa Norweey keessa kan qoratan Iiv Jordaayin.
‘’Dhaabbata maal keessa akka ture hin beeknu. Kanaaf leenjii akkamii akka argate hin beeknu.’’
Waa’ee qurxummii kanaa baruu kan feete Norweey Beelugaa sooruuf karoora baafatte.
Qurxummiin kuni jechoota Vaal fi Vilaadmir jedhamanirraa maqaan Vaaldimir jedhamu mogga’ef.
Afaan Norweeyin Vaal jechuun morma raasuudha. Vilaadmir jechuun immoo maqaa pirezidantii Raashiyaati.
Dr Shipaak nageenya isaaniif jecha maddeen isaanii Raashiyaa maqaan dhahuu hin feene.
‘’Odeeffannoo hakiimota fayyaafi leenjistootarraa dhufen immoo Beelugaan Andiruhaa jedhamu badeera,’’ jedhu.
Akka qorataa kanaatti gosi qurxummii ijoo dubbii ta’e kuni yeroo jalqabaaf bara 2013 galaana Raashiyaa Okihootisk jedhamu keessaa qabame.
Waggaa tokko boodammoo dhaabbata waraanaa bakka tursiisa qurxummiilee gurguddaa qabuufi magaalaa Seent Piitarisparg argamutti geeffame.
Kanneen qurxummii kana leenjisaniifi ogeeyyiin fayyaa wiirtuu kanatti argamu.
‘’Bineelda kana amananii bishaan dhorkaa hin qabne keessaa yeroo hojjechuu eegalan bineeldichi abdii kutatee akka miliqe nan amana,’’ jechuun dubbatu.
Dr Shipaak akkan dhagahe jedhanitti taanaan qurxummiin kuni gamnadha.
‘’Sababa kanaaf leenjiif filatame. Hanguma sanammoo jabaa waan tureef bidiruu isaanii hordofuu dhiisee lafa barbaaduu deemuun isaa isaan hin dhibne,’’ jedhan.
Suuraa saatalaayitiidhaan fayyadamuun buufata humna galaanaa Raashiyaa bakka kana dura Vaaldimiri/Andiruhaan keessa jiraatu ilaaluuf yaalameera.
Bishaan naannicha argamu keessatti wantoonni qurxummii adii fakkaatan ifatti mul’atu.
‘’Qurxummiiwwan Beelugaa dhiheenya dooniiwwan bishaan jala deeman jiranitti waan argamaniif hojii eegumsaa akka hojjetan nutti himuu mala,’’ jechuun himu.
Vaaldimir/Andiruhaa waraana biyyattiin leenji’uu isaa isa dubbatamuurratti Raashiyaan ifatti dubbattee hin beektu.
Raashiyaan bineensota bishaan keessaa leenjisuun waraanaaf itti dhimma bahuu garuu yeroo dheeraa dura eegalte.
Kana dura miseensa eeggataa waraana Raashiyaa kan ta’an Koloneel Viktoor Baaraanetis akkana jedhanii gaafatan. ‘’Bineelda kana basaasaaf kan itti fayyadamnu yoo ta’e ‘maaloo kanaan bilbilaa’ ergaa jedhu waliin lakkoofsa bilbilaa kan keenyu isinitti fakkaataa?’’.
Seenaan hawwataa Vaaldimir/Andiruhaa garuu xumurri isaa nama gaddisiisa.
Erga ofiisaa of sooruu bare booda qarqara galaana Noorwey waggoota heedduu jiraateera. Caamsaa bara 2023 immoo qarqara galaana Siwiidinitti mul’ate.
Fulbaana 1 bara 2024 garuu kibba lixa Noorwey qarqara magaalaa Barisaavikaatti reeffisaa argame.
Dhaabbileen mirgaa qurxummiin kuni rasaasaan rukutamuu ibsanis, poolisiin Noorwey garuu yaada kana morma.
Erga reeffi isaa qoratamee booda sababiin du’a isaa barameera.
Kunis harka namaan du’e osoo hin taane Vaaldimir/Andiruhaan afaan isaa keessa mukni erga itti dirame booda lubbuun isaa darbe.