Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Tiraamp maaliif hanga ammaa waraana Yukireen dhaabsisuu dadhabe?
Tiraamp waraana Yukireen sa'aatii 24 keessatti akka dhaabsisu dubbatee ture. Dhugaan jiru garuu waraana kana dhaabuun baay'ee rakkisaa ta'uu argineerra.
Tiraamp erga aangootti deebi'ee amma ji'a lamaa ol jira. Walitti bu'iinsa hadhaa'aa fi walxaxaa ta'e kana salphaatti akka furuu hin dandeenye amma galeef fakkata.
Gaaffii fi deebii dhuma torban darbee taasiseen, pirezidaantiin Ameerikaa kun guyyaa tokkotti waraana dhabuuf waadaa galuunsaa ''qoosaa'' akka ture dubbate.
Akka gareen Tiraamp tilmaamanitti saffisaan milkaa'uu dhabuusaaniif sababoota hedduuti jira.
Tokkoffaa, pirezidaantichi hariiroo dhuunfaan dhimma dippilomaasii furuu danda'uu amanuunsaa bu'a hin buusne.
Yeroo dheeraf Tiraamp, hogganaa biraa waliin yoo taa'ee waliigaltee irra gahuun rakkoo idil-addunyaa kamiyyuu furuu danda'a jedhee amanaa ture.
Tiraamp Guraandhalaa 12 Vilaadmiir Puutiin waliin sa'aatii tokkoo fi walakkaa haasa'an. Haasaan sun "bu'a qabeessa" jechuun ibseera.
Hoggantoonni lamaan Bitooteessa 18 ammas dubbataniiru.
Garuu hasaan kun waliigaltee guyyoota 30'f dhukaasa dhaabuu Tiraamp battalumaatti barbaade mirkaneessuu hin dandeenye.
Wanti haasaa kan irra argame Puutiin haleellaa Raashiyaan dhaabbilee anniisaa Yukireen irratti raawwattu dhaabuuf waadaa galuu qofa ture. Waadaa kanas Raashiyaan sa'aatii muraasa keessatti cabsuu himan.
Lammaffaa, pirezidaantiin Raashiyaa ariitin marii irra gahuuf akka hin dhiibamne ifa godheera.
Puutiin waa'ee waliigaltee yeroo dheeraa haasa'uu dura tooftaa sadarkaa lamaa US dhukaasa yeroodhaaf dhaabuuf qabu akka mormu agarsiise.
Mariin kamiyyuu "hundee waraanaa kanaa" ifa godhu qaba jedha. Sodaan isaa gamtaan NATO babal'achaa jirachuu fi Yukireen akka mootummaa walaabaa jiraachuu ishee haala kamiinuu nageenya Raashiyaa irratti balaa ta'uu dubbatan.
Akkasumas waliigaltee kamiyyuu irratti waliigaluu osoo hin dandeenye gaaffii fi haal-duree bal'aa deebii argachuu fi guutamuu qabu kaa'eera.
Sadaffaa, tarsiimoon Ameerikaa xiyyeeffannoo jalqabaa Yukireen irratti qajeelchite akka yaadame hin taane. Waayit Haawus Pirezidaant Zeleniskiin gufuu nagaa ta'uu isaa amane ture.
Kana hordofee waajjira oovaalii keessatti Tiraamp fi itti aanaansaa JD Vaans, hogganaa Yukireen waliin dubbii falmii kaase taasisan.
Muddamni kun carraaqqii fi kaappitaala siyaasaa irratti dhiibbaa cimaa geesise. Akkasumas hariiroo Awurooppaa fi US rakkoo keessa galchee akka walitti gaarreffatan taasise.
Yeroo kana hunda Vilaadmiir Puutiin walitti isaan ilaalaa, gammadaa ture.
Afraffaa, waldheen kun baay'ee walxaxaa ta'unsaa furmaanni akka cimu taasisa.
Yukireen jalqaba irratti qilleensa fi galaana irratti dhukaasni akka dhaabatu yaadaa dhiheesitee turte.
Garuu marii torban darbe Jeddah keessatti geggeeffame keessatti, US dhukaasa dhaabuun kamiyyuu sarara fuulduraa kn 1200 ol ta'u kan Bahaa dabalatee akka ta'e cimsitee dubbatteetti.
Kunis loojistikii dhukaasa dhaabuu caalaatti walxaxaa taasise. Kanaaf, Puutiiniin fudhachuu dide.
Yaadadhaa: Yukireenii fi Raashiyaan waliin haasa'aa hin jiran. US isaan gidduu deemaa jira. Kun ammas yeroo itti dabala.
Shanaffaa, US lola xumuruu dura dhukaasa dhaabuu kana keessaa faayidaa dinagdee irratti xiyyeeffate.
Tiraamp dhaabbileen Ameerikaa albuuda murteessaa Yukireen akka argatan taasisu irratti yeroo dheeraa dabarse.
Gariin kun akka US egeree Yukireen irratti invast gochaa jirtutti ilaalan - kaan ammoo qabeenya uumamaa biyyattii saamuu jedhu.
Pirezidaanti Zeleniskiin jalqaba irratti yoo Ameerikaa Yukireeniif wabii nageenyaa galte qofa walii galuu akka danda'u ibse.
Waayit Haawus dhaabbilee fi hojjettoonni albuudaa Ameerikaa jiraachuun isaanii gahaa jechuun waadaa galuu dide.
Dhuma irrattis Zeleniskin mo'amee, wabii nageenyaa malee waliigaltee albuudaa akka seenu dubbate.
Garuu US ammallee waliigaltee kana hin mallatteessine.
Waraana dhaabuun walxaxaa fi yeroo kan fudhatu ta'uu danda'a.
Silaa osoo Tiraamp dhiibaa hin jiraatin sadarkaa kana hin geenyu, garuu kunis akka inni amanetti saffisaa ykn salphaa hin turre.