Araada geemii ijoollee maatiifi hawaasarraa adda baasaa, rakkoo fayyaa yaadddessaa ta'aa jiru

Ijoollee geemii taphachaa jiran

Madda suuraa, Getty Images

'Gaming Addiction Disorder' jedhamee Dhaabbata Fayyaa Addunyaa(WHO)tiin akka dhukkuba tokkootti bara 2020 irraa kaasee ramadamee xiyyeeffannaan malu akka kennamuuf godhameera.

'Gaming Addiction Disorder' jechuun ammoo araada geemii viidiyoo rakkoo fayyaa ta'e jechuudha.

Labata dijitaalaa kana keessatti carraan gaariin dhalootaaf jiru bal'aadha. Ta'us garuu carraan dijitaalaa kun miidhaa inni qabaatus dagatamuu hin qabu.

Geemiin viidiyoo guutummaatti miidhaa fida osoo hin taane, yeroo araada ta'ee of to'achuurra darbuufi waan hundarra gara isa filachuutti ce'amedha rakkoo kan tahu.

Yeroo barnootaa caalaa geemii; yeroo maatiifi hiriyyoota waliin dabarsan caalaa geemii, walumaagalatti mallattoo qalbiifi miira dhuunfachuun yeroo mul'atuti gara dhukkubaatti jijjiirameera jedhanii amanu warri dhimma kanarratti qoratan.

Guddina qaam-qalbii, hariiroo hawaasummaafi umurii barnootaa ijoolleerratti yaaddoo fidee dhufe qaba. Keessumaa, ijoollee ol adeemoo biratti geemiin sadarkaa araada ta'uurra gahee jennaan maatiirra darbee yaaddoo hawaasaa ta'a.

Maatiin ijoolleen araada geemiin qabamuurratti maal jedhu? Araadni geemii kun yoo sadarkaa maaliirra gahe akka dhukkubaatti ilaalalla? Warra dhibee araada geemiin miidhame akkamiin wallaanuun danda'ama?

Lamlam Dastaa dubartii umuriin ishee wagga 40tti siqeerudha. Ilmi ishee hangafaa, Henook Balaachoo, umuriin isaa wagga 15 yoo ta’u bara darbe kutaa 9 barataa bahee gara kutaa 10tti darbeera.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Henook sadarkaa tokkoffaa irraa kaasee hanga kutaa 7tti barataa cimaa ture.

Qormaata kutaa 8ffaa garuu qabxii gadi aanaa fiduun balbala sagal seene.

Akka haati Henook, Lamlam jettutti ilmishee yeroo kutaa saddeti seenutti araandi geemii qalbiisaa hatuu jalqabe.

“Osooma kutaa 8 keessa jiruu amala duraan hin qabne agarsiisuu jalqabe. Guyyaa barnoonni hin jirreefi barumsaan booda [shulluk] jedheema bada.

Booda abbaan yeroo hordofee argu hiriyyoota isaa waliin mana geemii deemu,” jechuun ibsiti haati Henook.

Abbaan isaa rakkoo ilmisaanii qabu irra gahee gorsus yeroof malee amala isaa kana dhiisuu hin dandeenye. Henook ija namaa eeggatee, keessumaa yeroo maatiin hojii ykn dhimma hawaasaaf bakka gara garaa deeman mana geemiitti of arga.

“Guyyaa tokko barsiisonni walga’ii waan qabaniif barumsi guyyaa guutuu hin turre. Waareema dura ijoollee gadhiisan. Henook garuu hiriyyoota isaa lama waliin namuma guyyaa guutuu barumsa oole fakkaatee galgala gale. Waaree booda garuu mana geemiitti dabarse.”

Geemiin sammuu ijoollee ni qara yaada jedhuun, akkasumas ilma isaanii gandarra deemuun mana geemii oolu hambisuuf jecha maatiin birrii kuma 30 baasuun geemii manatti akka bitaniif dubbatu.

Wanti maatiin fala ta’a jedhan kun ammas fala hin taane. Dubbichi ‘harkaan hidhanii ilkaaniin hiikkaa dhaqu’ isa jedhan ta’e.

Henook isa gandatti barbaacha deemu manatti argatee hanga irriba dhiisuurra gahe. Geemii araada itti ta’ee mana barumsaa deemuullee isa jibbisiise. Maatii waliin yeroo dabarsuu dhiisee qofummaa filata.

Akka qorannoo bara 2015, waggaa saddet dura Obbo Bafiqaaduu Wandimmuu qoratetti magaalaa Finfinnee keessatti barattoota mana-barumsaa sadarkaa lamaffaa baratan keessa parsantaan 64 geemii viidiyoo ni taphatu.

Akka qorataan kun waraqaa qorannoo isaa ’The Influences of Electronic Media on the Academic Performance, Behaviour & Social Interactions of Students of Secondary Schools in Addis Abeba City Government," jedhu keessatti agarsiisetti, fedhiin geemii haalaan waggaa waggaatiin dabalaa deema.

Kanaaf, rakkoon araada geemii ijoollee ol adeemoo miidhaa jiru kan Henook fi maatii isaa qofa miti. Rakkoo barattootaafi maatii Itoophiyaa hedduu ta'eera.

Keessumaa mobaayila, taableetii, TV fi meeshaalee elektirooniksii biroo akkasuma ammoo intarneetii argachuun carraan bal'achaa deemuun isaa araadni geemii kun akka haalaan dabalaa deemuuf sababa jedha qorataan kun.

Ijoolleen, keessumaa dhiironni araada geemii viidiyootiin butamuun rakkoo biyyoota addunyaati. Biyyoonni tokko tokko rakkoo kana dura dhaabbachuuf hanga imaammata baasutti gahaniiru.

Biyyoonni guddatan tajaajila gorsaa, barnootaafi wallaansa fayyaa rakkoo kana dandamachiisuuf malu mijeeffataniiru.

Chaayinaan bara 2021 irraa kastee seera geemii ilaalchisuun baasteetti. Ijoolleen sa'aatii sadii caalaa geemii irratti yeroo akka hin dabarsine dhorkaa keesse.

Ijoollee geemii viidiyoo taphataa jiran

Madda suuraa, Getty Images

'Gaming disorder' [dhibeen araada geemii] maali?

Akka Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa kaa'etti, Gaming disorder ykn rakkoon fayyaa araada geemii geemiiwwan dijitaalaa ykn viidiyoo taphachuun yeroo fedhiin isaa humnaan ol ta'ee of to'achuun dadhabamu kan uumamudha.

Gabaabaadhumatti dhukkubadha. Dhukkbni kun jiruufi jirenya keessatti hojii kamiyyuurraa caalsisanii geemii filachuudha.

Mallattoon dhibee kanaa ammoo jijjiramoota amalaa walitti fufinsaan mul'atu ta'ee, jiruu keessatti ofiifis, maatiifis, hawaasummaafis, barnootaafis ta'e dhimmoota barbaachisoo dhala namaa keessatti bakka kennuu dhabuudha. Mallattoonni akkasii kunneen yoo xiqqaate ji'oota 12 keessatti of mul'isaa deemu akka qorannoon agarsiisutti.

Mallattoowwan hedduu keessaa humnaa ol tapharra turuu ykn baayyisanii taphachaa ooluu; of gatuun kunuunsa ofiif gochuu dhiisuu; akkasumas hariiroo hawaasummaaf bakka kennuu dhabuun muraasa.

Namni mallattoowwan kanneen ji'oota 12 ofirratti arge dhibeen kun isa qabateera jechuun ni danda'ama.

Ijoolleen geemii taphatan jechuun garuu araada ykn dhibee kanaan qabamu jechuu miti.

Fakkeenyaaf, waggoota muraasa qorannoon Ameerikaatti gaggeeffame akka mul'isetti ijoollee ol adeemoo ta'an keessaa %90 kan ta'an geemii ni taphatu. Isaan keessaa garuu %10 kan ta'an mallattoo geemiin araada ykn dhibee itti ta'uurra gahaniiru.

Mallattoolee dhukkubichaa

Maatiin mallattoo akeekkachiisaa kanneen ijoolleerratti yeroo argan fala barbaaduu qabu:

  • Ijoolleen osoo na gahe hin jedhiin sa'atii dheeraa geemii tapachuurratti yeroo dabarsan suuta suutaan araada keessa galaa jiru. Daa'imni duraan sa'atii tokkoof taphatu yoo dachaa sadiitti baayyise furmaata akka barbaadu agarsiisa.
  • Dheengaddarra kaleessa, kaleessarra ammoo har'a daa'imman taphaan hawwatamaa deemanii wantota biroo jireenya isaanii keessatti barbaachisoo ta'an dhiisaa yeroo deeman sarara diimaarra gahaniiru.
  • Yeroo baayyee geemiirraa ka'uu dhiisanii sa'atiin hirribaa isaanii kan duraan barameen ala yeroo ta'u. Kana malees, daa'imni keessan amala duraan hin qabne ganama hirribaa ka'uu yeroo dadhabu mallattoowwan araada geemii ta'uu malu.
  • Qorannoon akka agarsiisutti, araada keessa galaniiru taanaan daa'imman yeroo geemii taphachuurraa dhorkamanitti amaloonni akka sodaachuu ykn dhiphachuu, boqonnaa dhabuu, aaruu, dhedheekamuufi mukaa'uun irratti mul'ata.

Rakkoo kana keessaa akkamiin baasu?

Araada geemii keessaa daa'imman baasuudhaaf wanti dura ta'uu qabu karoora sirriitti caaseffame baafachuudha.

Karoorri kun ammoo ce'umsa daa'imman addunyaa verchuwaal ta'e irraa bilisa ba'anidha.

Qabxiiwwan ijoo sadii karaa ittiin daa'imman maraamartoo araada geemii keessaa cabsanii baasan:

1. Yeroo Daa'imni kee Geemiirra Turu Hordofi:

Daa'imni kee dhibee araada geemii qabaates, hin qabu ta'es sa'atii hangamii akka geemii irratti dabarsu hordofuu qabda. Kana shallaguuf ammoo carraa teekinooloojiitti fayyadamaa.

Meeshaaleen elektirooniksiin hedduun sa'atii taphatame kan lakkaa'u ofumarraayyu ni qabaatu waan ta'eef isaan hordofi.

Kana gochuun ammoo mallattoowwan araadatti jijjiiramuu osoo baayyee hin turiin jalqabarratti bira geessee tarkaanfii barbaachisu fudhachuuf gargaara.

2. Daangaa Yeroo Geemii Addatti Beekamu Kaa'i:

Torban keessatti daa'imni kee yeroo hangamiif akka geemii taphachuu qabu adda baasii murteessii kaa'iif. Kana ammoo sagantaawwan hojii, qu'annaa, tapha biroo, boqonnaafi kaan keessatti yeroo geemii akka tokkootti qofa sa'atii murteessii keessa galchi. Fakkeenyaaf, guyyoota dhuma-torbeerra saatii 1-3 taphachuu danda'u, guyyoota hojiirra garuu 'hin hayyamamu' jedhi.

Kana to'achuudhaaf ammoo tekinooloojii fayyadamuu dandeessa. Fakkeenyaaf meeshaalee elektirooniksii akka mobaayilaa, taabiletii, TV ykn kan biroo cuftuu itti tolchuun to'achuu dandeessa. WiFi ammoo akka hin arganne sa'atii hayyamameen alatti cufuu dandeessa.

Yeroo seera kana hojiirra oolchitu ammoo cichoominaan osoo hin cabsiin raawwachiisi. Yoo kan jedhame cabsan ammoo adabbiifi itti-gaafatama akka hordofsiisu hojii qabatamaan barsiisi.

3. Gochaawwan Biroo akka Filannootti Dhiyeessiif:

Waantota iskiriiniirra jiraniin ala kan isaan bohaarsu, sammuu isaanii hawwatu mooraa keessaafi alatti qopheessuu. Taphawwan qaamaan socho'anii, fiiganii, utaalanii, akka dhokachoofaa, jimmaa jimmiiteefaa, hibboofi hibbon teeteefaa, waliin taphachuun dabarsuudha.

Ijoolleen keessan waan osoo raawwatanii jaallatu jettu adda baafachuun, fakkeenyaaf, kubbaa taphachuu, bishaan daakuu, taphawwan biroo irratti jajjabeessi.

Daa'imman waan jaallatan yoo argatan geemiin dagatamaa deema jechuudha.