Geemii(tapha) onlaayinii gubbaa dhiirotarra dubartoonni waliin dhahuun itti caalan

Tapha ykn Gemii keessatti warri guddaa argatan hatuuf dirqamu

Madda suuraa, Javier Hirschfeld/ Getty Images)

Ibsa waa'ee suuraa, Tapha ykn Gemii keessatti warri guddaa argatan hatuuf dirqamu

Tapha yookiin gemii keessatti tooftaan madaalawaa tahe akka hin jirre gaafa hubattu, gariin keenya seera cabsuu filanna.

Garuu tapha eegaltee haala taphichaa hubattee booda hatuutu tooftaa salphaa tahee argama. Kunis taphoota gemii onlaayinii gaggeeffaman keessatti jedha Wiiliyaam Paark. Itti dhihaadhaa!

Presentational grey line

Isinoo tapha kaartaa bal'inaan beekamu irratti mo'achuuf jecha ykn maallaqa qabsiiftanii mo'achuuf gowwoomsaa ykn hanna raawwattanii beektuu?

Amanamuu dhabuu fi hanna si'aayinaan gaggeessuu gidduu garaagarummaa ifa tahetu jira. Hatuuf yaada isaa qabaachuu baannus gatii kirayii sirra jiru kaffalachuu dhabuun miirri addaa akka sitti dhagahamu gochuu hin hafu.

Yeroo ayyaanaafaa irra darbee darbee maatii gidduutti walitti bu'insa kan uumu tahuun dabalata, hanni tapha keessaatti rakkoo isa guddaadha.

Gareen taphoota ykn gemii Coaches of Counter Strike esports,' taphoota burjaajessuun addabbiin irratti darbee ture.

Taphattootni garee geemii 'Top esports' jedhamu doolaara miliyoona hedduu argachuu danda'u. Garuu hanna gaggeessuufi dhiisuun isaanii haalaan qoratama.

Hanna taphaa ykn gemii irratti adunyaa irratti gareewwan hedduun miidhamaniiru.

Geemii pirofeshinaalaa ykn aadaan beekamu irratti taphicha dhaabuurra hanna raawwachuun waanuma baramedha. Dhugumas waan gaarii yeroo fiduus jira.

'Whyville' kaampaaniin gemii barnoota ijoollee umurii ganna saddetii olii bara 1999 hundaa'e. As keessatti hanna gaggeeffamu qorachuun waan hin danda'amne fakkaata ture.

Garuu hanni geemii eessattiyyuu ni gaggeeffama jette barreessituun kitaaba 'cheating' [hanna],- 'Gaining advantage in Vediogames,' pirofeesara qorannoo gemii fi komunikeeshinii yuunvarsiitii Konkoordiyaa, kan Kanaadaatti argamuu kan tahan Miyaa Konsaalvoo.

Taphattootni leenjii herreegaa fi saayinsii xumuruun ''clams'' ykn maallaqa dijitaalaa kaampaaniin Whyville fayyadamu argatu.

Maallaqni dijitaalaa 'Clams' jedhamu kun ammoo akkaawontii kee onlaayinii fuula haaraa, rifeensa haala itti sirreeffattu haaraatti siif fakkeessuun ykn jijjiiruun akka taphattootni gatii barbaadanitti akka gurguratan isaan gargaara.

Gemiin Whyville kun maallaqa dijitaalaa fayyadamuu fi dargaggoota hedduu hirmaachisuu isaan dinqisiifatameera.

Dubartootni baay'een saayinsii fi herreega keessatti akka hirmaatan taasiseera. Gemii kana taphachuuf leenjii herregaa fi saayinsii jajjaboo tahan fudhachuu qabda waan taheef.

''Yeroo gemiin kun dubartoota lakkuudhaaf qophaa'e jechuu dhagahe, warra hojjetaniin 'hanna waliin rakkoon isin hin mudatuu jedheen gaafadhe''' jette Konsaalvoon.

Qorannoo baay'een hanna gemii irratti gaggeeffame dhiirotni dubartoota caalaa tapha ykn gemii irratti akka hatan agarsiisa.

Namootni gemii Whyville hojjetan garuu fayyadamtootni isaanii %68 dubartoota tahuu fi hanni gemii akka malee guddaa tahuu bira gahan.

Dhiirota taphatan

Madda suuraa, Getty Images

Koodiin ittiin hatanii fi qajeelfamni akkuma gemii kaanii ni jira. Garuu taphattootnis akkaawontii wal jalaa hatu ykn cabsanii seenu.

Yookiin ammoo akkaawontii wal fakkaataa biraa banachuun maallaqa dijitaalaa 'clams' jedhamu walitti qabatu jedhe Yaasmin Kafaayi, yuunvarsiitii Peeniselvaaniyaa irraa.

Konsaalvoon tooftaan hannaa biraas akka jiru himte. Dubartootni gatii maallaqa isaanii dijitaalaa [clam] itti gurguratan irratti shira hojjechuun akka gatiin isaa ol ka'u waliif godhu.

Yeroo namni tokko akkaawontii isaa guddisate gurgurachuuf jedhu hamma kana sii kaffala jedhanii sobanii ol kaasuun akka taphattootni kaan gatii guddaa sana caalu kaffaluun bitatan godhu jette Konsaalvoon.

''Waan gaariidha mitii?'' jette Konsaalvoon. Gemii keessatti ''waan tahuuf jedhu tilmaamuu hin dandeessu. Waan haaraa fi namatti tolu dhufuu danda'a.''

Maaliif hatu kan jedhu kitaaba ishee keessatti yaadicha ''gaming capital'' jechuun ibsite. Gemii irratti ciminakee agarsiisuun hawwaasa keessatti maqaa guddaa akka qabaattu taasisa.

Taphattoota ciccimoo gemii namootni tahan beekamtii isaanii guddifachuun ogeessota tahanii itti fufuu waan barbaadaniif jechuun ibsite.

''Gemii ykn tapha tokko iratti xiyyeeffachuun taphachuudhaan beekumsa ati argattu jira. Kana ammoo namoota kaaniif qoodda,'' jette Konsaalvoon.

''Yaadni kun ammoo akka kaappitaala hawwaasa keessatti qabaachuutti ilaalama.''

Kana itti fufsiisuuf jecha taphattootni yeroo tokko tokko ni hatu. Waan guddaa argachuu caalaa taphattoota kaaniin caalama sodaa jedhu irraa ka'uun gara hannaatti akka galan himti.

Gemii keessatti mo'amuun miira dhugumaan namatti dhagahamu waan qabuufi. Beekumsii fi dandeettiin gemii kee nama biraan sirraa fudhatamuu ykn caalamuun dhugumaan si miidha.

Irratti ammoo maallaqa dijitaalaan argattu ykn doolaara dhabda.

Keerii Riichii, yuunvarsiitii Guulpi [Guelph] Ontaariyoo Kanaadaa keessatti akkamiin barnoota fooyyeessuun danda'ama kan jedhu irratti qorannoo hojjetti.

Hanni barnoota keessatti mudatu irra caalaan isaa barattoota qabxii guddaa galmeessaniin akka raawwatu agarsiifte. Hanni %60 raawwatu barattoota qabxii %80 ol galmeessaniin tahuu himte.

Hanni barnoota keessaa akka kan isa yeroo taphaa tahuu baatus, waan wal isaan fakkeessu garuu taphattootni qaxalee tahan maqaa isaanii fi qabxii isaanii ittiin beekaman eeggachuuf jecha dhiibbaa keessa waan galaniif hanna raawwachuu isaaniiti.

Gemii keessatti mo'achuun kabaja guddaa hawwaasa keessatti kennuuf qaba

Madda suuraa, Getty Images/ avier Hirschfeld

Ibsa waa'ee suuraa, Gemii keessatti mo'achuun kabaja guddaa hawwaasa keessatti kennuuf qaba

Garuu wantootni akka taphattootni gemii irratti akka hatan godhan qabxiileen lama jiru.

''Tokko yoo taphataan gemii sun hiriyyoota hatan qabaate, dhiibbaa hawwaasummaa irraa kan ka'e fuulduratti hanna wal fakkaataatti galuu danda'a.

Amala keenyaa dhiisnee amala hiriyyoota keenyaa akka hordofnu dhiibbaa gochuu danda'a. Kan biraan ammoo ''namootni kaaniyyuu ni hatu mitii, anis hateen faayidaa jiru argadha jedhanii yaaduudhaani'' jette Konsaalvoon.

Hanni kun akka gareetti isaan mataa isaanii ykn nama biraaf faayidaa kan qabaatu yoo tahes akkasuma hanna gemii onlaayinii kana irratti akka hirmaatan qorattootni kunneen himaniiru.

Akkasumas hanni gemii onlaayinii miidhaas ni qabaata. Shamarreen ganna 12 Zoyii jedhamtu tokko onlaayinii akkaawontii ishee jalaa hatamee maallaqa isheen dijitaalaan kuufatte jalaa hatamnaan bultee isheenis akkasuma goote.

Torban lamaan booda garuu gemii taphachuu guutummaatti dhaabde. Galii irraa argataa turtes ni hafe jechuun qorattootni lameen Kafaayii fi Fiildi himan.

Kanaafuu hanni gemii keessattri raawwatu irratti miidhaa akkamii akka qabu ijoollee barsiisuun akka barbaachisuus himaniiru. Hanni gemii onlaayinii kun akka gowwoomsaa saayiberiittis ilaalama.

Gemiin gara sadarkaa guddaatti ce'uuf gulaantaalee hunda taphachuu barbaada.

Kun ammoo akka fuula kitaabaa gaafa dubbisuu jibbitu irra utaaluun gara kutaa itti aanuutti seentuu miti.

Kanaaf taphattootni gemii isaan jibbisiisu irratti tooftaa hanna kanaan kan namoota kaanii cabsanii fudhachuun kan dhuunfaa isaanii godhachuun ittiin taphatu jette qorattuu Konsaalvoon.