Yakkamtoota suuraalee qullaatiin doorsisuun maallaqa gaafatan

Madda suuraa, Getty Images
Suuraalee ykn waraabbii viidiyoo qabiyyee quunnamtii saalaa qaban akka dorsiisaatti itti fayyadamuun, yakkamtoonni attamiin maallaqni namootarraa akka argatamun danda'amuurratti qajeelfama miidiyaa hawaasummaa gubbaatti gurguran jiraachuu BBCn saaxile.
Qajeelfamoonni kunneenis miidiyaalee hawaasummaa adda addaa irratti dubartoota shammarran fakkaachuun attamiin namootatti akka dhiyaatan, suuraalee ykn viidiyoowwan qabiyyee saala quunnamtii qaban akka erganiif gowwomsuun dhumarratti ammoo sana attamiin akka doorsisaatti itti fayyadamuun akka danda'amu odeeffannoo kan qabatedha.
Baatii Caamsaa darbe namni Olaamiidee Shaanuu jedhamu tokko dhimma kanaan wal qabatee himannaa irratti banamuun mana murtii Yunaayitid Kingidam kan Landaniitti argamutti dhiyaatee ture.
Nammni kunis miseensa garee wanbadootaa intarneetiitti fayyadamuun daa'imman dabalatee namoota dorsiisuudhaan paawundii gara miiliyoona 2 argatan jedhamu akka ta'e amanama.
Dhiheenya kanas Ejansiin Qorannoo Yakka Biyaaleessaa Yunaayitid Kingidam, malli Afaan Ingilizitiin 'Sextortion' jedhamuufi qabiyyeewwan quunnamtii saalaa qabaniin sodaachisuun maallaqa ittiin gaafatan balaansaa dabalaa dhufuu ibsuun, manneen barnootaa guutuu UKtti argamaniif akeekkachiisa kenneera.
Ijoolleen gareewwan bu'uurasaanii Afrikaa Lixaa keessumaa Naayijeeriyaa taasifataniin saaxilamtoota ta'anii haalaan dabalaa jiraachuu dubbatu oggeessonni.
UKtti ijoolleen lama sababii qabiyyee saal-qunnamtii qabaniin dorsiifamuutiin wal qabate lubbuusaanii dhabaniiru.
Ogeessi nageenyaa fi dhimma kanarratti muuxannoo bara dheeraa kan qaban, Pool Raafiil dhimmi qabiyyeewwan saal-quunnamtiin dorsiisuun maallaqa argachuu kun 'balaa cimaa' daa'imman mudatu ta'u ibsan.
''Waggoottan darban lama keessatti, kanneen karaa intarneetiin nama gowwoomsan mala kanatti fayyadamuun, saffisaan qabeenya horachaa jiraachuun bira gahameera. Kanaan ammoo daa'imman miidhamoodha'' jedhan.

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Kanaan dura yakka kanaan saaxilamtoota kan turan gaheessoota ta'usaanii kan dubbatan ogeessi nageenyaa kun, yeroo ammaatti ijoollee umuriinsaanii waggaa kudhanoota keessatti keessattuu ijoolleen dhiiraa baayyeen saaxilamoo ta'aniiru jedhu.
Yakkamtoonni kunneen, ''miidiyaalee hawaasummaa irratti manneen barnootaa sadarkaa lammataa fi gareewwan ispoortii guddattootaa irratti xiyyeeffachuun saaxilamtoota argataa jiru'' jedha.
Qajeelfamoota qabiyyeewwan saal-qunnamtii qaban kanneeniin doorsisuudhaan maallaqa ittiin argachuuf dandeessisan karaa viidiyoowwan intarneetii irratti maxxanfameetiin akka gurguraman BBCn irra gaheera.
Qajeelfamoonni kunneenis attamiin lakkoofsa bilbilaa hordoffiin irratti hin taasifamne baasuun akka danda'amu, toora miidiyaa hawaasummaa sobaa baasuu fi attamiin malawwan kaffaltii nageenyummaan isaanii eegameetti fayyadamun akka danda'amu bal'inaan ibsa.
Tokko tokko miidiyaalee hawaasummaarratti attamiin wantoota kanneen fayyadamuun namoota meeqa akka gowwoomse kan ibsan boonaatiidha.
Isaan keessaa tokko guyyaa Jimaataa torban tobaniin nama kanfalchiisu akka qabu barreesseera.
Dubartiin Luusii jedhamtu tokko mucaanshee kan waggaa 14 gareewwan gochaa kana raawwataniin kanneen saaxilamoo ta'an keessaa tokko akka ture himti.
Mucaan ishee suuraa mataasaa erguu baatulleen, namoonni suuraa gulaaluudhaan barreeffama keessa gochuun interneetii irratti qoodna jechuun dorsisan.
''Yoo sa'aatii 24 keessatti maallaqa nu hin kanfallee ta'e, namoota suuraa kana beekaniif ergina'' jechuun mucaashee akka dorsiisan haatiisaa BBCtti himte.
''Baayyee nahee ture. Qaamsiisaa rommaaa ture'' jechuun haala ture yaadatti.

Namoota isa dorsiisaniif paawundii 100 kanfalee kan ture yoo ta'u, gargaarsa maatii isaatiin erga bilbilaafi akkaawuntii isaa cufeen booda namoonni isa doorsisan dhaaban.
''Guyyaa san ganama osoo waliin mana keessa hin jiraanne ta'e, waan mudatees natti hin himne ta'e maal mudachuu akka danda'u hin beeku ture'' jetti haatii mucaa kanaa.
Aanga'oonni Ameerikaa Olaamiidee kan mana murtii Weest Ministeeritti dhiyaate dabarfamee akka kennamuuf gaaffii dhiyeessan.
Dargaggoon waggaa 33 kunis bulchiinsa Ohaayootti daddabarsa maallaqa seeraan alaa, dorsiisuun maallaqa argachuu fi yakka saayibariitiin himannaawwan irratti dhiyaataniiru.
Himannichi mucaa xiqqaa tokko dabalatee, gocha miidhamtota afur irratti raawwatame kan ilaallatuudha.
Haata'u malee, qorattoonni waggoota darban afuriif miidhamtoonni kumaatamaan lakkaa'aman jiraachuu akka danda'an amanu.
Ogeessi nageenyaa Pool dhaabbileen teknolojii gurguddoonni rakkoo kana dhaabsisuuf hojii gahaa hin hojjannee jedhu.
''Yakkoonni kunneen waggoota lamaan darbaniif karaa Inistaagraamii fi Isnaappiitiin haalaan babal'ataa kan jiran yoo ta'u, waltajjiiwwan kunneenis yakkamtoota hordofuudhaaf hojii cimaa hojjachu qabaatu'' jechuun BBCtti himan.
''Malawwan qabiyyee saal-qunnamtii qabanii fi gabaasni ittiin dhiyaatan miliqfamanii baafaman dabalatee, dhimma kana dhaabuuf yaaliisaanii cimsaniiru.
''Kana malees, daa'immaniif appiiwwan keenyaan barnoota kennaa jirra'' jechuun yakkawwan kanneen attamiin dhaabuuf akka yaalan BBCtti himan.

Abbaan qabeenyaa Inistaagiraam Meta'n gamasaatiin, ''suuraalee dhuunfaa qooduudhaan kanneen namoota sodaachisan ilaalchisee filmaanni fayyadamtoonni ittiin gabaasa dhiyeessan dhiyaateera'' jechuun deebii kennan.
Itti dabalunis, ''UK keessatti daa'imman umuriinsaanii waggaa 18 gadi ta'e yeroo gara Inistaagiraamii dhufaniitti hordoftootaafi kanneen tarree isaan hordofan kan dhoksu akkasumas karaan ergaa ittiin waliif ergan cimaa akka ta'u gooneera'' jedhan.
TikTok gamasaatiin, haalli miidiyaan hawaasaa itti umamee ''kanneen daa'imman irraan miidhaa qaqqabsiisuuf yaadaniif hin mijanne taasifamuun, dhimmoota qabiyyee saal-qunnamtii maallaqa itti argachuuf ittiin dorsiisan kamiyyuu kan jajabeessu hin obsiinu'' jechuun deebii kennan.













