'Alatti isin ergina': Waliindhaha Finfinneetti maallaqa nyaatee dhabame

Madda suuraa, Getty Images
Shamarree Fayyisee Obsaa Lixa Oromiyaatti dhalattee guddatte. Finfinnee kan dhufte carraa hojii argattee jiruu ofii fi maatiishee fooyyessuuf ture.
Osoo Finfinnee jirtuu karaa miidiyaa hawaasummaatiin beeksisa ejensii carraa hojii biyya alaa mijeessan jedhu arguu dubbatti.
"Dhaabbaticha artistootaa fi namoonni beekamoon yoo beeksisaniin arge.
''Animmoo fedhii hojjedhee of jijjiiruu waanin qabuuf bilbila achirratti ibsametti bilbileen odeeffannoo gaafadhe," jechuun attamitti dubbichi akka eegale himti.
Erga bilbilteen booda waajjira isaanii magaalaa Finfinnee jiru akka qaamaan dhaqxuuf itti himuu kan himtu shamarreen kun, erga waajjira isaanii dhaqxees mala adda addaa uumuun akka galmooftuuf ishee amansiisuu himti.
"Kaffaltii guutuu hin kaffaltu walakkaa kaffaltee waan hundi erga siif dhumee gara biyya Romaaniyaa deemtee maallaqni hafe ji'a ji'aan miindaa keetirraa kaffalta jedhanii na amansiisani" jetti.
'Harmeenkoo aariin boqotte'
Guyyaa jalqabaa waajjira isaanii dhaqxe galmaa'uuf ta'uu baatulleen hojjettoonni waajjirichaa dirqama gaafasuma galmaa'uu akka qabdu waan amansiisaniif birrii kuma kudhan namarraa liqeeffattee battaluma herreega jaraarratti galchuu himti.
"Guyyaa ittaanu bilbilanii birrii kuma kudhan kaffaltee galmaa'uuf beellama qabattee badde, birrii hafe galchiitii waliigaltee fudhadhu naan jedhanii na cinqan.''
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Eegasii birrii kuma 30 maatiinshee liqeeffatanii akka erganiif himti.
Yeroo Torbee tokko hin guunne keessatti ammas bilbilanii dhaabbata ishee qacaru biyya Romaaniyaa irraa akka argamee fi heeyyama hojii xumurachuuf hatattamaan birrii kuma 50 akka galchitu itti himamuus dubbatti.
"Maatiinkoo liqeeffatanii naaf kennan. Obbolaankoos maallaqa kana hin qaban. Akka hin dhiisne birrii kuma 40 kanfaleera.
''Akka itti hin fufne birrii kuma 50 dhabeera. Kana gidduutti fira kiyya biyya Arabaa jirtu tokkotti boo'een ishee amansiisee birrii sana naaf ergitee isas jaraaf galche," jechuun seenaashee himti.
Akka dhaabbatichi jalqaba jedheenitti, shamarree Fayyiseen kaffaltii duraatti kan jedhame birrii kuma 87 ol jaraaf kaffaltii raawwattee jirti. Yeroo ji'a jaha hin caalle keessatti akka deemtus itti himame.
Dhaabbanni kun heeyyama hojii biyya Romaaniyaatti mijeessaa fi jiraachuu himus ragaa barbaachisu kan hojjetaa kanaa kanneen akka Paasportii takkaa gaafatee hin beeku.
Yeroon jedhame ji'a jaha darbee jennaan dhaabbatichatti deddeebitee gaafattus dhaabbatichi waajjira isaas, bilbilli amma duraa hundis jijjiiramee jara qunnamuu akka dadhabdee fi waliindhooftotaan akka nyaatamte kan barte boodarra.
Harmeen Fayyisee intalli isaanii maallaqa isaan namarraa liqeeffatanii fi isheenis namoota biroorraa liqeeffattee kaffalte nyaatamuu gaafa dhagahan gadda guddaa keessa seenuus himti Fayyiseen.
"Harmeekoo sababa kanaan dhabe. Isheen durumaa dhiibbaa dhiigaa qabdi ture. 'Intallikoo akkanatti rakkoo keessa seentee naduraa nyaatamte' kan jedhuun guddaa aaraa turte. Kanumaan qabamtee lubbuunshee darbe" jetti miira boo'ichaatiin.
Fayyiseen amma erga maallaqni ishee nyaatamee waggaa tokkoo fi ji'a sadii darbeera. Balaa kanaan kan ka'es obbolaan ishee 'Harmeen keenya sababa keetin duute' kan jedhuun isaaniinis adda citeera jetti.
Dr. Turaa Anshaa ammoo Hospitaala Malkaa Odaa shaashamanneetti ogeessa fayyaa yoo ta'u innis namoota waliindhooftotaan maallaqa nyaataman keessaa tokko.
Dhaabbanni amma maallaqa isaanii nyaatee achi buuteen dhabame kun yeroo beeksifamu waan hundisaa seera qabeessa kan fakkaatu akka ture hima.
"Miidiyaa Hawaasummaa irratti yoon ilaalu Awurooppaa deemtanii hojjettu kan jedhu maxxansu. Yoon ilaalu heeyyama daldalaa qabu, waan hundi isaanii seera qabeessa fakkaata," jedha.
Yeroo waajjira isaanii dhaqee dubbisettis, ''ogeessa fayyaa ta'uu isaa erga ibseefiin booda 'Ati biyya Awurooppaa yoo deemte ogummaa keetin waan hojjettuuf miindaa gaaridhaan qacaramta' jedhanii na amansiisani'' jedha.
"Mindaa Ogeessa fayyaa biyya kanaa kanuma beekamudha. Isaan ammoo biyya Awurooppaa yoon deeme ogummuma kiyyaan qacaramee mindaa gaarii akkan argadhu natti himani" jedha.
Fedhii biyya Awurooppaa deemee hojjetee ofjijjiiruu guddaan keessa isaatti akka uumame kan himu Dr. Turaan, maallaqa kaffaltii kanaaf oolus lafa qabu gurguree dhaabbata kanaaf kanfaluu hima.
"Ani waliigala birrii kuma 100 fi kuma 30 kaffale. Birrii kanas lafa gurgureetani kanin kaffale. Dhaabbatichi akka hattuu ta'ee maallaqni keenya nyaatame amma barreerra," jedha.
"Osuma homa tokko hin godhin 'acceptance' dhufe jetti. Hayyee jenne. 'Heeyyamni hojii dhufe' jedhan. Hayyee jenne. Booda ammoo osuma Viizaan hin dhufin birrii Tikeetii galchaa jedhan," jedha.
Dargaggoo Efreem Yadataas dargaggoota sababa 'hojii biyya alaatti si ergina' jedhan kanaan warra birrii guddaa nyaataman keessaayi.
Innis beeksisa dhaabbata kanaa miidiyaa irraa arguufi fedhii biyya bahee jiruu fooyyeffachuuf qaburraa obboleessa isaas itti dabaluun maatii tokko keessaa walitti birrii kuma 100 fi kuma 70 caalu akka nyaataman hima.
"Amma utuu birrii kana waan biraarra oolchinee waa hojjechuu dandeenya ture. Kaan namarraa liqeeffanne kaan obboleessa keenyatu nuuf kanfale.
''Namni kaan kan kuma 300, kuma 400 nyaatame jira. Cinqama hamaa keessa jirra," jedha.
Dhaabbanni maallaqa isaanii nyaate kunis ta'e hoggantuun dhaabbatichaa namoota kumaan lakkaa'aman irraa maallaqa kuma 87 hanga kuma 600 tokkoon tokkoon namaa irraa erga sassaabanii booda achi buuteen isaanii dhabamuus hima.
"Dhaabbatichis, hoggantuun sunis amma lafa isaan jiran namni beeku hin jiru. Bilbilli dura ittiin qunnamaa turre hunduu cufaadha. Waajjirri isaanii durumaa yeroo yeroodhaan jijjiiru," jedha.

Madda suuraa, Getty Images
Miidhamtoonni kunneen garee Telegraam qabaniin akka walqunnamanii fi gama seeraatiin maallaqa isaanii deebisiisuuf yaaliin godhanis hanga ammaatti milkii akka hin arganne dubbatu.
Waajjira dhaabbatichaa qofa osoo hin taane maqaan dhaabbatichaas yeroo yeroodhaan kan jijjiiramu waan ta'eef dhaabbata maallaqa ijoollee hiyyeessaa hedduu nyaate kana deebisanii argachuunuu rakkisaa ta'uu himu miidhamtoonni kunneen.
Dhimma dhaabbata sababa 'Hojiif biyya alaatti isin ergina' jedhuun namootarraa maallaqa sassaabanii miliqan jedhamu kanaarratti kan gaafanne poolisiin magaala Finfinnee, rakkoon akkanaa uumamuu akka danda'u himuun hanga ammaa qaamni akkas jedhee itti iyyate akka hin jirre hime.
Komishinii poolisii magaala Finfinneetti hogganaan kominikeeshinii Komaander Maarqoos Taaddasaa, dhaabbilee 'Hojiif biyya alaatti isin ergina' jedhan kunneenitti galmaa'uun durattis seera qabeessummaa dhaabbilee kunneenii mirkaneeffachuun murteessaa ta'uu dhaaman.
"Waan seera qaabeessummaan isaa hin mirkanoofnetti maallaqa isaanii kaffaluu hin qaban. Waan shakkisiisaa ta'e yeroo isaan mudatu ammoo qaamolee nageenyaatti eeruu kennuu qabu," jedhan.
Gochoonni waliindhahuu akkanaa kuni osoo hin raawwatamiin duratti waan shakkisiisaa yeroo argamu poolisiin hordofuuf akka mijatuu fi yakkichi erga raawwatameen booda garuu hordoffiin taasifamu dadhabsiisaa fi walxaxaa ta'uu akka danda'us dubbatan.
Namootni sababa biyya alaatti isin ergina jedhuun maallaqa isaanii nyaatamanii rakkoo keessa seenuu himanis 'Namootni biroo nurraa barachuu qabu' hattoota akkanaatiin maallaqa isaanii akka hin nyaatamne dhaamuu barbaanna jedhan.
-----------------------------------------------------------
Oduuwwan BBC Afaan Oromoo biroo dubbisuuf as cuqaasaa.
BBC Afaan Oromoo Facebook akkasumas Chaanaalii WhatsApp haaraa eegalleerratti nu hordofuu hin dagatiinaa.












