Tooftaa hanna qorichaan Finfinneefi bakkee biraas babal'ate akkamin ofirraa ittisuu dandeenya?

Madda suuraa, Getty Images
Isin hatamtanii beektuu?
Waa’een qorichaan hadoochanii nama hatuu kana dura biyyoota adda addaa keessatti beekamu, amma magaalaa Finfinneefi magaaloota gurguddoo Itoophiyaa keessattillee taatee guyyaa guyyaan dhagahamu ta’aa dhufeera.
Namoonni garii hanna akkasii hojii falfalaati yoo jedhan, kaan isaanimmoo waanti akkasii jiraachuu isaayyuu hin amanan.
Garuu qorichi namni akka waan ta’aa jiru hin beekneefi waan gaafataman hundaa fedhiin akka raawwatan taasisuu jiraachuu quba qabduu?
Waa’ee maalummaafi amaloota qoricha kanaa kaasuun dura namoonni haala kanaan hataman muudanno isaaniirraa nuuf kan qoodan kunooti.
Miidhamtoonni maal himu?
Dargaggeessa umurii soddomoota keessaa kan ta’e Jamaal (kan maqaansaa jijjirame), magalaa Adaamaatti mana barnoota sadarkaa 2ffaa tokkotti barsiisadha.
Guyyaa tokko mana barnootaati osoo galuu namoonni lama akka waan baadiyyaa irraa dhufanii fi magaalaa keessa hin beeknee fakkaatanii itti dhiyaachuu hima.
Magaalaa irraa waa bitachuuf akka dhufanii fi bakka waanti sun jiru akka itti agarsiisuu isa kadhatan. Innis gara laafummaadhaan isaan gargaaruuf murteessee, wajjiin imala jalqaban.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Sana booda waan ta'e akka hin beekne, waliin gara baankii deemee lakkoofsa heerregaa isaa irraa birrii kuma 20 fi laakkofsa iccitii ATM isaallee akka kenneef kan yaadate, erga taateen kun rawwatee yeroo muraasa booda ture.
Yeroo sanatti waan sana hunda maaliif akka godhu fi akkamitti akka raawwate waanti inni beeku hin turre. “Waan akka nama abjuu keessa jiruu wayii fakkaata” jedhe.
Wayita of baru daandii maddii taa’aa akka turee fi deeggarsa namootaan bakka jiru adda baafachuu BBCtti hime.
Namni biraa Dhaqqaboo jedhamus haaluma walfakkaatu magaalaa Finfinnee keessatti hatame.
Akka inni jedhutti, guyyaa tokko osoo taaksii qabachuudhaaf deemu manguddoon tokko daandii irratti itti dhufuun mana qorichaa barbaadaa akka jiruu fi yoo beeke akka itti agarsiisu gaafatan.
Innis akka hin beekne utuu deebisaafii jiru wayituma sanatti manguddichi nama biraa achiin darbaa jiru biraa gaafatan, namni haaraan kunis isaanitti dabalamuun manni qoricha naannawa sana jiraachuu akka beekuu fi Dhaqqabotti siquudhaan manguddoo kana gargaaru akka qaban amansiisuun waliin haasa'aa taaksii keessa seenuu irraan kan hafe waan achiin booda ta’e akka hin yaadanne dubbata.
Wayita of barutti, kompiitara laptooppii, bilbila qabatee ture, maallaqa harkaa qabuu fi meeshaalee faayaa godhate saamamee qofaa kan dhaabatu of arge. Namoonni karaa deeman rifaatuu isaa arganii bishaaniin fuula dhiqachiisanii, maallaqa geejjiba walitti fuudhaniifi gaabbiin quba nyaachaa gara mana isaa deebi’uu yaadata.
Tooftaan isaa adda adda haa ta’uu malee, kun muudanno namoota kanneeniin qofa utuu hin taanee, kan guyyaa guyyaan namoota heddu irra ga’aa jiruu fi hojii idilee hattoota erga ta’ee bubbuuleedha.
Kun ammoo amantaa namoonni namoota irratti qaban xiqqeessera, hariiroo hawaasummaa namonni nama deeggaruuf qabanis balleessaara.
Ofii qorichi sammuu nama hadoochu hattoonni fayyadaman kun maali? Sammuu namaa waliin hariiroo akkamii qaba?
Dhimma kanarratti BBCf yaada kan kennan ogeessa yaala sammuu, Firoomsaa Urgeessaa, gosti qorichaa, baalaa ykn daakuu hattoonni ittiin nama hadoochanii saaman hedduu ta’us irra caalatti kan Iskopolamayin jedhamu heddu beekamuu dubbatu. Gosti qoricha kanaa bakka tokko tokkotti hafuura seexana jedhamees beekama jedhu.
Akka ogeessi yaala sammuu kun jedhanitti, qoricha kana of eggannoo fi to’annoodhaan wal’ansaa fayyaa, akka walaansa baqaqsanii yaaluu (duraa fi booda), darbee darbee wal’aansa ijaa fi kanneen biroo akka balaqqamsiisuufaa ittisuuf kan itti fayyadamamu yoo ta’u, hattoonni garuu yakka adda addaa ittiin rawwachuuf dhimma itti ba’aa jiru.
Qorichi kun karaa adda addaa akka funyaanii, karaa afaanii, dhugaatiitti ykn nyaata irratti dabaluun, ykn ammoo karaa lilmoo fi kinnini gara qaama namaa yoo seenee sammuu namaa adoochuu danda'a.
Qorichoonni biroos sammuu namaa irratti jijjiramoota uumanillee, qorichi Iskopolamayin jedhamus gosa dhaamsa daddabarsitoota narvii sammuu keessaa tokko kan ta'ee ‘Asetaayilkolaayiin’ jedhamu irratti dhiibbaa geessissuun hojii isaa kanneen akka maashaa to'achuu, waa yaadachuu, waa baruu, dammaqaa ta'uuf gargaaruu adoochuun hojii isaa akka dagatu taasisa.

Madda suuraa, Getty Images
Mallattoolee akkamii namarratti mul’isa?
Namoonni qoricha kanaan yakka adda addaa raawwatan tooftaalee adda addaa fayyadamuun namatti dhiyaachuun qorichi kun karaa afaanii fi funyaani ykn nyaataa fi dhugaatiin akka gara qaama namaa seenu taasisuu.
Namaa namatti garaagarummaa qabaatus irra caalatti namni qoricha kanaan hadoode mallattoolee kanneen akka dawwa'uu/joonja'uu, ija babaasuu, mataa dhukkubbii, afaan goggoguu, waan yeroo sanatti ta'aa jiru yaadachuu dadhabuu, madaala ofii haalan eeggachuu dadhabuu, salphumatti gowwoonfamuu, xiyyeeffannoo dhabuu, murtoo sirrii murteessuuf rakkachuu, waan hattonni godhi jedhan tole jechuu fa'a mul'isuu danda'u.
Hanga qoricha fudhatamee irratti hundaa'uun hanga gaggabuu, lamsha’uu fi dhahannaan onnee humnaa ol dabaluun, hanga nama ajjeessutti geessisuu danda’a jedhu oggeessi dame kanaa.
Namoota tokko tokko irratti ammoo miireffannaa sobaa akka waan hin jirre arguu fi sagalee hin jirre dhagahuufaa uumuu danda’a.
Akkamittis of eeggachuu dandeenya?
Hanna gosa kanaa waanti adda godhu guutumaa guutuutti offirra ittisuun hin danda’amu. Garuu waa’ee tooftaa hanna kana irratti hubannoo argachuun akka of eeggatan taasisa.
Bakkeewwan namoonni itti heddummatanii fi yakka akkasiif nama saaxilanitti of eeggannoon socho’uu, nyaataa fi dhugaatii nama hin beekne biratti dhiisanii deemuun, deebi’anii fayyadamuu dhiisuutu gorfama.
Kana maleess nyaata ykn dhugaatii nama hin beekne irraa fuudhanii fayyadamuu dhiisuu, geejjiba amansiisaa fayyadamuu, yeroo ariifannuu fi xiyyeffannoon keenya hin jirre meeshalee qaalii ta’an qabannee deemuu dhiisuu, naannawa waantoonni akkasii itti baay’atu irraa fagaachuu, bakka hanna akkasiif miijata ta’e qofaa deemuu dhiisuufi yeroo hundaa dammaqaa ta’uun karaalee carraa hanna akkasii itti xiqqeessanidha.
Of eegganno barbaachisu gochuu dabalataan, odeeffannoo waliif kennuun bakka hanni akkasii itti heeddummaatu eeruu kennuun, qaamoleen nageenyas to’annoo cimsuun, mootummaanis yakkoota gurguddoo hanna, gudddeeddi fi kanneen biroo haala kanaan rawwatamu irratti yeroo yeroon seera addabbii cimsuun yakkoota akkasii xiqqeessuun ni danda'ama.
Yeroo waantonni akkasii nama muudatu immoo rifaatu keessa ba’anii of tasgabbeessuu fi gara mana yaalaa deemuun gaaridha jechuun gorsu oggeessi yaala sammuu BBCn dubbise kun.












