Shakkamtoonni maqaa Baankii Daldalaan Itoophiyaan 'carraa lotorii si gaheera' jechuun nama gowwoomsan to'ataman

Itoophiyaatti carraan loterii siif baheera jechuun maoota gowwoomsuun dabalaa dhufeera

Maqaa Baankii Daldala Itoophiyaan ''carraan lotorii isin gaheera'' jechuun shakkamtoonni nama gowwoomsaa turan to'annoo jala ooluu Poolisiin Magaala Finfinnee beeksise.

Poolisiin Magaala Finfinnee fuula Feesbuukii isaa irratti akka maxxansetti yakkichi kan hojjetame A.L.Itti Waxabajji 10, bara 2016ttidha.

Miidhamaa dhuunfaa Obbo Dirribaa laggaasaa jedhamanitti bilbiluun ''Waajjira Muummee Baankiii Daldala itoophiyaa irraati, baga gammaddan carraan lotorii isin gaheera'' jedhan.

Kana booda shakkamtoonni kunneen lakkoofsa amma isinitti himnu kan tuqaa jechuun karaa bilbila isaanii akka galchaniif itti himu.

Miidhamaan dhuunfaa kunis ajaja isaanii fudhachuun lakkoofsa itti himame galchu.

Daqiiqaa muraasaan booda herrega baankii isaanii irraa Birriin 99,000 akka hir'ifame kan agarsiisu ergaa gabaabaan isaan dhaqaba.

Miidhamaan dhuunfaa kun akka gowwoomfaman yoo hubatan gara Qajeelcha Poolisii Kutaa Bulchiinsa Lidataa buufata poolisii Gommaa Quxxabaa jedhamuu deemuun iyyatu.

Poolisiin odeeffannoo argatee fi lakkoofsa bilbilaa shakkamaan fayyadamuun ittiin bilbilaa ture hordofuun qorannoo isaa jalqabe.

Waxabajji 26 bara 2016 Kutaa Bulchiinsa Lammii Kuraa aanaa 08 keessatti nama jalqabaa ykn shakkamaa miidhamaa dhuunfaaf bilbile to'annoo jala oolche.

Poolisiin qorannoo isaa bal'isuun shakkamaa biraa isa waliin tahuun hojjetus to'annoo jala oolche.

Mana murtii irraa ajaja sakatta'insa manaa baasuun yoo sakatta'u mana jireenyaa shakkamaa keessaa sanadoota sobaa chaappaa waajjiraalee adda addaa qaban 89, herrega [dabtara] baankii adda addaa 19, kaardii ATM torba, waraqaa eenyummaa nama dhuunfaa shan, paaspoortii jahaa fi SIM kaardii 13 argachuu hime.

''Baankii irraati kan isnii bilbillu. Carraan isini dhaqabeera. Badhaasicha isniif kennuuf jennee sirreeffama tokko tokko hojjechaa jirra,'' jechuun namoota hedduun akka gowwoomfaman poolisiin eeruun uummanni akka of eeggannoo gochuu qabus dhaameera.

Maloota saamtonni fayyadaman

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Baankiiwwan Itoophiyaa keessaa yakki waliin dhawuu maloota garagaraan raawwachaa jiraachuu himuun, maamiltoonni isaanii ofeeggannoo akka cimsan gorsu.

Baankiin Daldalaa Itoophiyaa ergaa irra deddeebiin fuula marsaalee hawaasaa gubbaatti baasuun, maamiltoonni isaa kiyyoo saamtotaa keessa akka hin seenne fakkeenya wajjiin ergaa dabarsa.

"Waliin dhahaan kun maamiltoonni liqii akka argataniif jecha koodii sobaa kaaheen, herreega maamiltotarraa maallaqa hatuuf yaalaa jira,'' jedhe baankichi.

"Haatahu malee, ammatti [Caamsaa 2023] gama mobaayil baanking tajaajilli liqii kennamaa hinjiru," jechuun maamiltootasaa akeekkachiise.

Odeeffannoowwan akkasiis gama teessoo baankichaa isaan sirriirraa argachuu akka qabanis dhaame.

Baankilee dhuunfaa biyyattii keessaa kan tahe Awaash Baank, maamiltoonnisaa kiyyoo saamtotaa keessa seenuun miidhamaa akka jiran hima.

"Saamtonni Baankii Awaash irraa akka bilbilame fakkeessuun, lakkoofsa icciitii marroo tokkoof faayidaarra oolu [OTP] gaafachaa jiru.

''Maamiltoonnis qajeelummaan furtuu isaanii dabarsanii kennuun miidhamaa jiru."

Baankiin Daldalaa Itoophiyaa dabaluun, maloota namoonni waliin dhahaan fayyadaman keessaa isaan armaan gadiis ni argamu jedha:

Tajaajila mobaayil baanking isinii sirreessuuf jechuun, namoonni koodii itti himamu akka galchan gochuu.

Ragaan namoonni baankicha biraa qaban sirnaan waan hin galmoofneef, isinii sirreessina jechuun.

Badhaasa waan mo'attaniif, fudhachuuf maallaqa ergaa.

Sirni (system) mobaayil baanking waan dulloomeef, isinii haaromsina (update) jechuun.

Mobaayil baanking isinii banneerra jechuun.

Karaa waliin dhooftonni nutti dhufan bilbila nutti dhahuun callaa miti - ergaa gabaabaa (text) fi imeelii nutti erguunis aggaamii taasisu.