'Kuni garbummaadha' - Dararaa lammiilee Itoophiyaa Miyaanmaaritti

Mubaarak Jamaal umuriinsaa wagga 26. Koollejjii dhuunfaa magaalaa Shaashamanneetti argamu tokkootti gosa barnootaa Ikoonomiksii erga xumureen booda qormaata hin dabarre.
Yoo waa'ee egeereesaa yaadaa jiru, oduu hojiin ''Taayilaand keessatti ji'aan doolaara 1,500 argamsiisuu jira'' jechuu dhagahe.
Godina Arsii Lixaa, Aanaa Gadab Asaasaatti osoo maatii waliin jiraatu 'beeksiifni hojii doolaaraan kanfaltii argamsiisuu' karaa nama inni beekuutiin isa bira gahe.
Akka ilma angafa qonnaan bulaatti Mubaarak carraa kana dabarsuu hin barbaadne. Maatiisaa gargaaruu akka danda'u abdate.
'Hojiinsaa maaliidha jedhee baayyee hin gaafanneen ture'' jedha. Taayilaandi akka geessuu kan itti hime dallaalaan Taayilaand jiraatuufi ''Abdii'' jedhamu dhimmicha ariitiin xumureef. Guyyaa shan keessatti wantoota imalaaf barbaachisan xumurame.
Mubaarakis ALI Fulbaan 2016 Arsii Adaabbaa irraa ka'un gara Taayilaand Baankookiitti imale. Isa waliinis imalaan lammii Itoophiyaa biraa ture.
Yoo Baankook qaqqabaniitti namni isa simate hin turre. Kallattiinis gara hojii hin deemne.
Karaa ajaja dallaalichi bilbilaan kennuutiin jalqaba gara magaala daangaa Chaang Taay jedhamtu imalan. Ittaansee Itoophiyaanota biroo waliin gara ollaa Taayilaand Laa'oosiitti ce'an.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Laa'oos akkuma qaqqabaniin kann deebii kenneef hin jiru malee gaaffii kaasuu eegalan. Dallaalaan isaan geessee ammoo sababii ''dhaabbanni isin qacaru hin argamneef'' torban tokkoof Laa'oos erga turanii booda gara Taayilaandiitti deebi'uun gara magaalaa biraatti imala eegalan.
Imala kanaanis gara magaalaa Meey Soot kan daangaa Miyaanmaar fi Taayilaandiitti argamtu qajeelan. Yoo guyyaa guutuu imalanii gara magaalattii halkan seenan boqachuuf illeen carraa hin arganne.
Halkan sa'aatii tokkoorratti namoonni lammii Chaayinaa ta'an dhufanii ''konkolaataa paatiroolii fakkaatu irratti fe'uun gara eddoo hin beekneetti geessuu ture. Imala sanaan dallaalaa ''Abdiin'' isaan waliin hin turre. Achuma magaalaa Meey Sootiitti hafe.
Imala halkanii eegalanii daqiiqaa kudhaniin booda konkolaataan daandii guddaarraa maquun gara bosoonaatti goree akka bu'an erga godhanii booda konkolaataa biraatiin fe'aman. Erga hanga tokko deemaniin booda ammas konkolaataan jijjirame.
Konkolaataa sadaffaan kan dhaabbate yoo laga Mooyi kan Taayilaandii fi Miyaanmaar daangeessuu bira gahu ture.
Imalli itti aanu ammoo bidiruudhaan. Bidiruudhaan booda ammoo konkolaataa biraan imalan. Kaampii loltootaan eegamu guddaa bira kan gahan halkan gara sa'aatii shanii ture.
Dargaggoonni shanan lammii Itoophiyaa sodaafi bitaan itti galee, kaampiin gamoowwan hedduu qabu maal akka ta'e hin galleef ture.
BBCn gabaasa kanaaf miidhamtootaan ala lammiilee Itoophiyaa Taayilaandii keessa jiraataniif dhimmichatti dhiheenya qaban, lammiilee Itoophiyaa kaampoota keessaa bahan akkasumas xiinxalaa dhimmicha hordofu dubbiseera.
Kaampiiwwan (compounds) biyyoota kibba baha Eshiyaa kanneen akka Miyaanmaar, Kaampoodiyaa fi Laa'os keessatti babal'atan wiirtuuwwan onlaayinii namoota itti waliin dhahaniifi waggaatti ''galii biiliyoonaan itti argamudha''.
Dallaawwan kunneenis gochaawwan yakkaa kan akka namootaafi daa'imman seeraan ala daddabarsuu, yakka dirqii, namoota dararuu, tirgaa seeraan alaa, akkasumas qabeenya karaa seeraan alaatiin argame seera qabeessa fakkeessuu (money laundering) dhimmoota kaampiiwwan kunneen ittiin beekaman ta'u dhaabbanni Biyyoota Gamtoomaniitti odeeffannoon Biiroon Qorichaafi Yakkaa ni mul'isa.
Dhaabbanni Ameerikaa ''Yunaayitid Isteetsi Of Piis'' jedhametti daarekitara Sagantaa Barmaa kan ta'an Jeemsi Paawoor akka ibsaniitti, kaampiiwwan kunneen dhaabbilee tirgaa seeraan alaa Chaayinaati.
Mootummaan Chaayinaa namoota kanneen irratti tarkaanfii fudhachu eegaluu hordofee, gareewwan yakkichaa gara biyyoota ollaa ta'an Filiippiins, Kaampoodiiyaa fi Miyaanmaaritti ce'uudhaan yakka wal fakkaatu raawwachuu itti fufuu eeru.
Jeemsi akka jedhaniitti, kaayyoo muummeen gareewwan yakkaa kanneen lammiileen Chaayinaa karaa adda addaatiin gowwoomsamanii akka hojii tirgaa keessa galan gochuun maallaqa argachuudha.
Tarkaanfii Chaayinaa hordofee garuu gara lammiilee biyya gara biraatti fi malawwan gowwoomsuu intarneetii biraa fayyadamuutti ce'an.
Jeemsi, ''Yeroo kanatti hojjattoota dirqii fayyadamu eegalan. Kanaafis jalqabarratti namoota butuu eegalan. Bara 2021'tti Kaamboodiyaa keessatti oduun namoonni buutamu dhagahamaa ture. Hojjattoota dirqii kan ta'an jalqabarratti lammiilee Chaayinaa turan. Ittaansee garuu sadarkaa addunyaatti babal'isan'' jechuun haala ture BBCtti himan.
Balaliinsi sababii Kooviidiin dhorkamee ture wayita deebiisee eegaluutti karaawwan garaagaraatiin namoota qacaruu eegaluu himan.
Dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniitti Komishinarri Olaanaan Mirga Namoomaa, sarbama mirga namoomaa dhaabbilee kanneen keessatti raawwatamu ilaalchisuun gabaasa ALI Adooleessa 2015 baaseen, Kaamboodiyaa fi Miiyaanmaar keessatti namoonni kuma 200 ol haala akkasii keessatti argamu.
''Miiyaanmaariitti yoo xinnaate namoonni 120,000 akka hojii gowwamsuu onlaayinii hojjataniif haala dirqii keessatti qabamanii ta'u akka malu maddeen amanamoon kan agarsiisan yoo ta'u, Kaamboodiyaattis haaluma wal fakkaatuun, namoonni 100,000 ta'an hojii walfakkaataa hojjachiifamaa jiru'' jedha gabaasni kun.
Gabaasichi akka agarsiisetti, miidhamtoota kaampiiwwan kanneen keessa jiranis keessatti namoota biyyoota Eeshiyaa 13 irraa dhufan ni argamu.
Lammiileen Baha Afriikaas keessatti akka argaman kan eere gabaasni kun, dursaan kan eeraman keessaa Itoophiyaan ni argamti. Keeniyaa fi Taanzaaniyaanis biyyoota Baha Afriikaa eeraman keessatti argamu.
Dubartiin nageenyaaf jecha maqaanshee jijjirame (Naansii) fi dhaabbata mit-mootummaa ittisa daddabarsa seeraan namootaa ittisuuf bulchiinsa Chiiyaang Raay -Taayilaand keessa hojjattu tokko akka jettuutti, Afrikaanoota kaampii kana dhufan keessaa lammiileen Afrikaa Kibbaa, Keeniyaa, Burundii, Ruwaandaa fi Sudaan fa'i jiru.

Madda suuraa, Mubarek
Biyyoota Afrikaa keessaa lakkoofsa olaanaa kan qaban ''Itoophiyaanotaa fi Yugaandaa'' ta'usaanii BBC'tti himte. Naansiin, sababii miidhamtoonni Itoophiyaa itti baay'ataniif kaaftu keessaa tokko Itoophiyaanooti haala salphaadhaan gara Taayilaand seenu danda'uusaaniiti.
Miidhamtoonni gara kaampiiwwan Miyaanmaar, Laa'oos fi Kaamboodiyaatti argaman imala hedduunsaanii bakki jalqaba gahan Taayilaandiidha.
Finfinneerraa gara Taayilaandiitti balaliinsi kallattii jiraachuu fi Itoophiyaanooti Viizaa erga gahanii kennamusaa (on arrival visa) argachuun saaxilamummaasaanii akka dabale kaafti.
Kaampii 'Jaawu Kee'
Dhaabbanni US 'garbummaa hammayyaa' irratti qabsaa'uun hojjatu ''Humanity Research Consultancy Limited'' tarree kaampiiwwan biyyoota garaagaraa keessatti hojii gowwomsuu hojjatan qopheesse akka agarsiisuutti, Miyaanmaar keessatti yoo xinnaate kaampiiwwan 154 yakki kun keessatti raawwatamu jiru.
Tarreen kaampootaa akka agarsiisutti, biyyoota kaan caalaa baay'inaan Maayaanmaar keessatti argamu. Abbootiin qabeenyaa gamoosaanii gareewwan yakka kana raawwataniitti kireessu.
Kaampiiwwan Miyaanmaaritti argaman moggaasa mataasaanii qabu.
Godina Arsii Lixaatiin kan ka'e Mubaarak kan gale kaampii ''Jaawuu kee'' jedhamuufi laga Taailaandii fi Miyaanmaar gargar qoodu biratti argamu ture.
Lammiileen Itoophiyaa ''Jaawu Kee'' keessaa fi kaampiiwwan keessa bahan BBC'n dubbise, Itoophiyaanoonni achiitti argaman 700 hanga 1,000 ni gahu jedhu.
Itoophiyaanonni kaampichaatti dhaabbilee garaagaraatiif hojjatan bakki bulmaataafi nyaataa achuma dallaa keessa.
Itoophiyaafi biyyoota biraa irraa dhaquudhaan dirqiin hojii gowwomsuu keessatti hirmaachaa kan jiraatan, kutaalee konteenaraa wal irratti ijaaraman keessatti. Kutaalee ciisaa siree 12 hanga 15 qabatu keessa bulu.
Yeroo baayyee kutaa wal fakkaatu keessa kan jiraatan kanneen dhaabbilee wal fakkaatuuf hojjataniifi kan biyya tokkoo dhaqaniidha. Bakki bultii dubartootaafi dhiiraa adda adda.
Halkan gara sa'aatii shanii kaampicha kan qaqqaban Mubaarak fa'i, shaanxaasaanii lafa kaa'un kallattiin kan geeffaman gara gamoo biiroon hojiin gowwoomsuu itti raawwatamu itti argamuutti.
Erga kompiitara irratti barreessuun isaanii adda baafameen booda, boromtaa hojii akka eegalan itti himamuu dubbata Mubaarak. Yeroo kanas hojiichi maal akka ta'e itti hin himamne.

''Halkan dallaa keessa gallee sana waan naaneef hojiin maaliidha jennee hin gaafanne. Kan wal gaafannee boromtaasaa kaaffee keessa teenyee ture. Tokkoonsaa hojiinsaa 'scamming [waliin dhahuu]'dha jedhe. Kaan ammo 'Scaamming' maaliidha? Jechuun Google irra barbaadan. Mucaan tokkoos 'hojii gowwoomsuuti' jedhe. Ani Google irra hin barbaadne. Akkuma isaan natti himaniittan fudhadhe'' jechuun waan isa mudate hima.
Mubaarak guyyaa dallaa sana keessa galee boromtaasaatii kaasee, guyyoota ittaanan 15'f kan dabarse leenjiirratti. Leenjichi ''attamiin maamila akka itti dubbisuu danda'u'' agarsiisuu jedhamus, dhimmichi attamiin akka gowwomsanii maallaqa harkaa fudhatan barsiisuu ture.
Dhaabbilee hedduu keessatti 'hojiin idilee' hojii sa'aatii 12. Paaspoortiifi bilbilli kan harkaa fudhatame Mubaarak, carraan kaampiicha keessa bahu itti danda'an hin turre. Sababii miidhaa reebicha irratti raawwateetiin nama deeggarsaan deemu kan arge kaampicha seenee torbaniitti ture.
'Piig Buuchariing Iskaam'
Kaampiiwwan kibba baha Eeshiiyaatti argaman keessaa maallaqa namaa fudhachuuf yoo xinnaate malawwan gowwomsuu gosa 10 akka fayyadaman, UNtti Biiroon Ragaan Qorichaafi Yakkaa ni mul'isa.
Malawwan gowwomsuu dhaabbilee irra caalaan keessatti raawwataman fi baraman garuu 'Piig Buchariing' kan jedhamudha.
''Piig Bucharing'' loon furdisanii, foon godhachuunsaa yoo mirkanaa'e qaluu mala fakkaatuudha. Dhaabbanni Ameerikaa ''Institute of Peace''tti daareektarri sagantaa Barmaa, Jeemsi Taawar, malli kun ''xiin-sammuu miidhamtoota to'achuudhaan kan qaban hunda harkaa kan itti fudhatamu'' akka ta'e dubbatu.
Leenjiin Mubaarakiif kenname dubartii ''Aliishaa'' jedhamtu fakkaachuun ''sammuu'' lammiilee biyyoota akka Turkii, Paakistaan, Saawud Arabiyaa, fi biyyoota Awurooppaa kaan keessatti argaman to'achuu irratti kan xiyyeeffate ture.
Mubaarak hojiinsaa lakkoofsa bilbilaa guyyaan dhufaniif fudhachuun, namoota kanneen akkaawuntii WhatsApp adda addaatiin haasofsiisuudha. Guyyaa jalqabaatti hanga dhumaatti haasaan namoota waliin taasifamu maal fakkaachuu akka qabu qajeelfamni (chat frame) dhaabbatichaan qophaa'a.
Taatoon ''Aliishaa'' jedhamtu kan taatee agarsiifamtu dubartii milkooftuu, biyyoota hedduu keessa socha'uun kan bashannantuufi daldaltu fakkeeffamti.
"Guyyaa jalqabaatti waa'ee jireenya Aliishaa, sadarkaa jireenyashee ibsita. 'Dubaay, Paariis dowwannaaf deemeera'' jettee odeessita. Suuraaleen tartiibaan qophaa'an jiru. Dowwannaa hoteelaa, bakka dhiqannaarratti, suuraalee qullaa mul'isan jiru. Fayyadamu baatanis suuraaleen qullaa ni ergamaaf. Sammuusaanii to'atta'' jechuun ibsa.
Namni dubartii bareeddu "Aliishaa'' jedhamtuutti haasa'aa akka jiru yaadu, yoo sagalee ykn viidiyoon waliin haasa'u barbaade, ''moodeeloonni'' gochaa kanaaf qophaa'an harkaa fudhuun itti haasa'u.
"Moodeelonni'' kan dubbisan mana bareedaa kanaaf jedhamee qophaa'ee keessattiidha.
Dhaabbileen Kaampiiwwan biraa keessatti argaman konkolaataawwan bashannanaa tajaajila kanaaf qophaa'an dabalatee akka qaban lammiin Itoophiyaa kaampii biraa keessa ture BBC'tti himeera.
'Guyyaan murtaa'ee kennamaaf'
Haala qajeelfama dhaabbata hojjachiisuutti Mubaarak adeemsa nama sana dubbiisuufi amansiisuu guyyoota afur keessatti xumuruu qaba. Guyyaa arfaffaarratti gara nama sana maallaqa gowwoomsuutti ce'a. Adeemsi ittaanu ammoo kan guyyoota fudhatuudha.
Dubartii daldaltuu milkooftuu taatee kan dhiyaattu ''Aliishaan'' namni sun hojii akka isheerratti hirmaatee galii akka argatu akka barbaaddu ibsitiif. Hojiin onlaayiniin gowwomsuu kunis kan hojjatamu marsariittii kan 'Amaazoon' fakkaatuufi sobaan qophaa'e irratti.
Guyyoota jalqabaarratti maallaqa xiqqoo akka galchuuf kan gaafatamu namni kun, amantaa uummachuuf jecha maallaqa galche irratti 'komishiniiwwan'' dabalataa akka argatu taasifama. Haala qajeelfama dhaabbatichaatti, namni suun maallaqasaa dhala waliin kan baasuu danda'u sadarkaa (stage) tokkoofi lama irrattiidha.
Mubaarak ''sadarkaa sadaffaarratti wanti hundi danqaadha. Sadarkaa sanarratti maallaqni akka baasuuf hayyamamuuf homtuu hin jiru. Dogogortee hayyamteefi maallaqa yoo baase, achuma fuuldurumatti elektiriikiidhaan torchi si godhu'' jechuun maallaqa baasuun sadarkaa itti dhorkamu ibsa.
Namni kunis sadarkaa kanatti maallaqni ittiin fayyadaman doolaarota kumaatamaan lakkaa'amu yoo ta'u, marsariiticharratti maallaqni akka ''komishiiniitti'' mul'atu baayyeedha.
Ta'es hojiisaa xumuree sadarkaa maallaqa baafachuuf jedhuurra wayita gahuutti deebifamee maallaqa akka galchu gaafatama.
Komishinii baay'ee fakkaatee mul'atu sana argachuuf jecha maallaqa sababii adda addaatiin gaafatamu galcha.
Namni sunis konkolaataa, mana...kaaan gurguree hanga fixatuutti adeemsiichi ittuma fufa. Maallaqa galchuu danda'u hundi erga xumurameen booda akka akkawuntii marsariitiichaa hin galleef dhorkama. Aliishaanis WhatsApp irraa baddi.
Hidhaa fi dararaa
Erga ''hojii seera qabeessa arganna'' jechuun dhufanii booda yeroo baay'ee miidhaan kaampiiwwan kanneen keessatti irra gahu kan jireenya namaa burjaajeessuuf gochaa gowwoomsaa hojjachuuf hayyamamoo hin ta'an.
Dureewwan garee yakkamtootaa kana hubatan ammoo hojjattoota dirqii gochaa ''amalasaanii jijjiruu'' irratti akka raawwatan dhabbata ''US Institute of Peace''tti daarekitarri sagantaa Barmaa, Jeemsi Taawor ni dubbatu.
"Amalasaanii jijjiruuf badhaasatti fayyadamu. Akka qoricha sammuu hadoochu fudhatan taasifamu. Gochaa gowwomsuu akka raawwataniif carraa namoonni saal-quunnamtiin bulan argatan akka fayyadaman mijjeessuuf. Kanaanis tole jechuu yoo didan dararaan ni eegala'' jedhu.
Namoonni dirqiidhaan kaampota keessatti argaman baasuudhaan fi erga bahaniin booda deeggarsa akka argataniif kan hojjattuu Naansiin, waggoota darban lamaa asiitti miidhaan qamaa miidhamtootarra gahu dabaluu hubachuu dubbatti.
Namoota dhaabbanniishee deeggarsa taasiseef keessaa miidhaan kan irra gahe, kan reebaman, kan elektirikaan gubatan, harkiisaanii hidhamee fanniifamuu fi kutaa dukkanaa keessatti hidhaman ni jiru.
"Dhiheenya namoonni irra deddeebiin mataasaaniirra elektiriikiin gubaman miidhaa sammuu irra gahe argeera. Eenyuu akka ta'an, maqaasaanii, eessaa akka dhufan hin beekan'' kan jettu Naansiin, ''dubartoonnii fi dhiironni miidhaan saalaa irratti raawwatames'' jiraachuu ibsiti.
BBCn lammiilee Itoophiyaa Kaampoota keessa jiraniifi turan akkasumas maatiisaanii irraa suuraaleen argate hedduun, dhiirootaafi dubartoota reebiichaan qaamnisaanii dirmammaa'e agarsiisu. Suuraa nama sababii elektirikiin gubamee miilliisaa bishaan guduunfatees argeera.
Hoggantootaaf ajajamu diduu, gaaffii kaasuu fi amma dhaabbatichi kaa'uun maallaqa barbaadamu gowwoomsuu dadhabuun addabbiiwwan kanneen hordofsiisan keesaayi.
Dhaabbanni Mubaarak hojjattoota irra akka dirqamaatti hammi kaa'e ji'aan doolaara kuma shaniidha.
Mubaarak sababii karoora baatii jalqabaa hin milkeessinee adabbiin irratti murtaa'e akka sa'aatii idilee 12n ala hojjatuudha. Baatii lammataarrattis amma maallaqa jedhamee galchuu hin dandeenye.
Addabbiin baatii kanaa ammoo sa'aati hojiitiin booda ji'a tokkoos sa'aatii tokkoof dallaa keessa fiiguu ture.
Adabbiiwwan isaan booda tura baayyee cimaa adeemuu yaadata Mubaarak.

''Guyyaa guyyaan maamiilli goowwomfamuuf sadarkaa adeemsaarra jiru tokko argamu qaba. Yoo hin jiraanne ni reebamta. Fuldura baasanii si reebu. Ka'iifi taa'i siin jedhu. Barcuma irra teessuulleen osoo hingalchiin yoo deemte, ni adabamta. Amnataakoon faallaa waan ta'eef natti cime. Duraanis soodaadhanan hojjdhe'' jedha.
Mubaarak walitti fufiinsaan doolaara kuma shan irraa eegamu galchu hindandeenye. Baatii tokkootti siriiyyuu namni gowwoomfamu maallaaqa komishiinii amantaa uumuuf kennamuuf fudhate bade.
Yeroo kanatti doolaara kuma torba kanfalee kaampicha keessaa akka bahu itti himan. Maallaqa hanga sanaa argachuu akka hin dandeenye itti himuun, kadhannaan doolaara kuma sadii kanfaluuf waliigale.
Maatiinsaa Itoophiyaa keessatti kanfaltii namootaaf akka ergan taasisuun ijoollee kaampicha keessa jiran irraa doolaara 2,500 walitti qabate. Dureewwan dhaabbatichaatiif doolaara hafe 500 kanfaluu akka hin dandeenyee itti hime.
Haalli akkasii dureewwan dhaabbatichaa biratti fudhatama hin qabu. Lama ta'anii kutaa keessaa galchuun alangaa shibootiin reebuu eegalan.
''Alangaal shiiboo jira. Tokkicha yoo isaan na rukuti mataakoo na mire. Ittisuuf harka yookaafte elektirikiin shook si godhu. Lama ta'anii yoo nareeban of wallaaleen kufe'' jechuun badii irra gahe ibsa.

Ofi wallaalulleen addabiin hin salphanneef. Kutaa gurraacha bakka hojjattoonni dirqii itti hidhamaniitti geessuun dagalee sibiila dhaabbateetti hidhan.
Hojjattoonni dirqii bakka dararaa sana dhaqan kan eegamaniifi adabbiin kan irratti raawwatamu hidhattootaan. Guyyaa sa'aatii 10 irratti harkiisaa sirrii qaamasaatiin adda fageeffamee kan hidhame Mubaarak, halkan haaluma sanaan dabarse. Hidhamees hir'ibni akka isa fudhatuuf hin ayyamamuuf.
''Amnataa keenyaa yoo dararaarra taatuu yaadaan (imagination) ni sagadda. Halkan sa'aatii afur irratti akkasiitti sagaduuf ijakoo waliirra buusee kadhachuu eegale. Waaridyyaan dhufee kanan rafe itti fakkate elektiriikiidhaan mormakoorra shook na godhe. Lakii hin rafne jennaan, 'akkan sitti hin dabale' naan jedhee deeme.''
Barii sa'aatii afur irratti gosti hidhaa jijjirame. Harkiisaa lamaan samiitti walitti hidhamee ol fanniifamuun qubni miilasaa qofti akka lafa xuqan taasifamuun hidhame. Erga hanga sa'aatii 12tti akkasiin tureen booda hihdaan biraa jijjirame.
Haala akkasiitiin midhaan malee guyyoota sadiif ture. Guyyoota sanatti kan fincaa'uufi kaan ofirratti ture.
Guyyaa sadaffaatti dureewwan dhaabbatichaa erga dhufanii akka doolaara 500 hafeef maatii biratti akka bilbilu taasisanii booda deebiisanii hidhan.
Guyyaa arfaffaarratti ammoo dugdasaa garagalchuun hidhanii lama ta'anii hanga dugdiisaa dhiiguutti reeban. Doolaarri maatiirraa ergisiisuus 500 irra gara 2,000tti ol guddate.
Maatiitti bilbile kanuma itti hime. Guyyaa shanaffaas erga hidhaarratti dabarseen booda maatiirraa maallaqicha erga argatanii booda hidhaarraa hiikan.
Maatiin Mubaarak qonnaan bultoonni isa hidhaarraa hiiksiisuuf waliigalatti birrii kuma 600,000 ta'u baasuu dubbata. Maallaqni wallakkaan kan argame loon maatiifo miidhaan gurguramee yoo ta'a, kan hafe ammoo buusii fi liiqaadhaan.

Dallalaan "fagoo irraa hin dhufu"
Adabbiin Mubaarak irratti darbe kun lammiilee Itoophiyaa dhaabbilee kaan keessa jiran hunda hin ilaallatu.
Lammiileen Itiyoophiyaa karaa adda addaatiin gara dhaabbilee erga seenanii booda hoggantoota Chaayinaa waliin qindoomuun haalli isaan to'ataa ta'uun hojjetan akka jiran namoonni miidhaman BBC'tti himaniiru.
Mubaarak namni biyya isaa kan biraa dhaabbata isaa keessatti to'ataa Itoophiyaa ta'e akka jiru ni yaadata.
"Inniis waan dursitootni garee hojjettan ilaala."Akkaataa itti chat goonu dubbisa. Saffisni keenya hangam gaarii akka ta'e hordofa. Yoo sitti aare ykn isa waliin walii galuu baatte dabarsee si kenna."jechuun gahee inni dhaabbaticha keessatti qabu ibsa. Dhaabbilee kana keessa namoonni biroo Itoophiyaarraa nama geessan akka turan namootn achi keessaa BBC'n dubbise kan himan.
Bara 2021 irraa eegalee namoota biyyoota galii gadi aanaa qaban irraa qacaruuf dhabbileen dhaadhessa sobaa karaa miidiyaa hawaasaa hojjachuu jalqaban.
Dhiheenya kana malli qacarrii kun jijjiirameera jetti Naansii, namoota dhaabbilee keessaa bahan gargaartu. Yeroo ammaa kana "namoonni baay'een namoota biyya isaanii irraa dhufaniin qacaramaa akka jiran" ibsiti.
Miidhamtoota shan BBC'n dubbise kanneen achi turan keessa "daldaltoota" Itoophiyaatiin "hojii akka argatan" amansiifamanii bahan.
Namoonni dhuunfaa hundi odeeffannoo waa'ee hojiin Taayilaanditti argamu karaa namoota beekaniin argatan.
Namoota 5 keessa 2 dallaloota magaalaa Finfinnee keessa jiraniin yoo ta'u, Baankok erga ga'anii booda namoota Chaayinaa dhaabbilee san irraa dhufaniin gara Miyanmaaritti dabarfaman.
Sadan isaanii ammo Taayilaanditti dallaalota Itoophiyaa waliin dubbataa kan turan yoo ta'u, Taayilaanditti erga simatanii booda gara dallalota Chaayinaatti dabarsan.
Miidhamtoota BBC'n dubbise kunneen lammiileen Itoophiyaa Taayilaandi jiraataniifi namoonni dhimmichatti dhihoo ta'an dallaaltootni Taayilaandi keessa jiraatan kun "dhaabbilee keessatti hojii wal fakkaatu hojjechaa akka turan" ibsu.
Naansiin[Namoota dhabbilee san keessaa bahan keessaa] kamtu miidhamaa fi kamtu akka hin taane adda baasuun rakkisaadha.Miidhaamtoonni achi keessaa bahan akka jiran beeknus; "Isaan keessaa gariin namoota qacaruuf akka bahan quba qabnaa," jette.
Lammiileen Itiyoophiyaa Taayilaandi jiraatan lama BBC'n waliin afgaaffii taasisan, namoonni dhabbaticha keessaa bahan Taayilaandi keessa taa'anii namoota biyya alaa galchaa akka jiran hubanneerra jedhan.

Madda suuraa, Abebech Simel
Lammiileen Taayilaand lamaan isaanii iyyuu sababa "yaaddoo nageenyaa" dallaalota Itiyoophiyaan irra gahu irraa kan ka'e maqaa isaanii eeruuf sodaatan.
Lammiin Itiyoophiyaa waggoottan 18 darbaniif Baankok keessa jiraachaa ture tokko Sababa namoonni haala kanaan gowwoomfamanii gara Taayilaandi dhaqan gara biyya isaaniitti deebi'uu yaalan irra deddeebin doorsifamaa turuu BBC'tti himeera.
"[Ergaa yeroo lakkoofsa lakkoofsi isaa hin beekamne."Garuu achirraa akka ta'e kan agarsiisu 'hojii namootaa balleessitan isin ajjeefna' [jedha].
"Ijoolleen koo Itoophiyaa keessa jiraatu.'Ijoollee kee dhabamsiifna doorsisa jedhutu dhufa" jechuun dorsiisa isaan irra gahu ibsan.
Lammiin Itoophiyaa kan biraa waggaa jahaaf Taayilaandi jiraate, Dhiiraa fi dubartoota Itoophiyaa namoota biyya alaatii galchuu fi kaampii keessa kaa'uu keessatti hirmaatan "yoo xiqqaate kudhan" akka beeku dubbata.
Amalli namoota dhuunfaa kanaa "dhokataa fi gara jabeeyyii" jechuun ibsa. Lammiileen Itoophiyaa kaampii Miyanmaar keessa ba'uuf maallaqa guddaa gaafatamankaffaluu dadhabuun ammallee rakkoo walxaxaa Kibba Baha Eeshiyaatiin kiyyafamanii jiran heddudha.
Warri kun bara darberraa eegalee gara Ministeera Dhimma Alaa deemaa kan turan yoo ta'u, hanga ammaatti furmaata qabatamaa hin arganne. Dhimmi lammiilee Itiyoophiyaa Miyanmaar keessa jiranii kun Imbaasii Itoophiyaa Jaappaanitti argamuun hordofama.
Jaappaanitti ambaasaaddara Itoophiyaa kan ta'an Dhaaba Dabalee,Caamsaa 2016 irraa eegalee Miyanmaar keessattis ambaasaaddara Itiyoophiyaa ta'uun tajaajilaa jiru.
Carraaqqii Imbaasichi Itoophiyaanota rakkoo akkasii qaban gara biyyaatti deebisuuf taasisaa jiru irratti BBC' odeeffannoo argachuuf irra deddeebiin tattaaffii taasisaa ture. Ambaasaaddar Dhaabaan gaaffiin karaa email akka ergamu gaafatanii, ergamuufis deebii hin kennine.
Ergama dippilomaasii Itiyoophiyaa Taayilaanditti qabatee kan jiru Imbaasiin Itiyoophiyaa Hinditti argamus bifa wal fakkaatuun deebii hin kennine.
Ministeerri Dhimma Alaa ibsa kanaan dura kenneen biyyoota 18 waliin ta'uun lammiilee Itoophiyaa haala walfakkaatuun ugguramanii jiran deebisuuf hojjechaa jiraachuu beeksisee ture.
Tattaaffiin BBC'n odeeffannoo dabalataa ministeericharraa argachuuf godhe hin milkoofne.
Dhaabbata miidhamtoonni kaampii kanaa gara biyya isaaniitti akka deebi'an gargaaru kan geggeessitu Naansiin. Lammilee Itoophiyaa deebisuuf carraaqqii kanaan dura taasifamaa tureen mootummaa Itoophiyaa qunnamuun rakkisaa akka ture dubbatti.
Taayilaandi Imbaasiin Itoophiyaa waan hin jirreef karaa imbaasii Keeniyaa Baankok jiruun mootummaa biyyattii akka qunnaman ibsiti.
"Imbaasiin Itiyoophiyaa Hinditti argamu dhimmicha keessa harka waan fudhate fakkaata. Kallattiin akka isaan qunnamnu hin barbaadan. Imbaasichi xalayaa lammummaa namoota miidhamanii mirkaneessu akka nuuf barreessu yeroo gaafannu yeroo baayyee dafanii deebii hin kennan," jechuun qeeqti.
Gama biraatiin dargaggoonni kaampii keessa turan fi jiran, lammiilee Keeniyaa fi Yugaandaa dabalatee kan biyyoota biroo, "tattaaffii mootummaa biyya isaaniitiin" baafamaa turan. "Tarkaanfiin akkanaa" gama mootummaa Itoophiyaatiin akka hin jirre akeeku.

Madda suuraa, Mubarak
Lammilee Itoophiyaa kaampiicha keessaa bahan keessaa harki caalaan isaanii maallaqa kumaatamaan lakkaa'amu erga kaffalanii booda gadi dhiifaman.
Mubaarak gara ji'a jahaa Miyanmaar keessa kan ture maallaqa kana erga kaffalee booda hoggantoonni dhaabbatichaa akka bahu isa taasisan.
Isa dabalatee namoota afur kaampii keessaa baasuun gara Taayilaanditti deebisanii magaalaa Mae Sot keessatti akka gatan dubbata.
Torban hedduudhaaf wiirtuuwwan mana hidhaa fi tursisa immigireeshinii Taayilaanditti kan dabarse Mubaare Ebla 2016 Itoophiyaan seene.
Guyyoota shanan hidhamee ture keessatti miidhaa harkaa fi dugda isaa irra gaheen hojii cimaa hojjechuu akka hin dandeenye ibsa. Erga gara Itoophiyaatti deebi'ees hojii kamirrattiyyuu hin bobbaane.
"Maatiin koo yaadanii 'kana godhi' yoo naan jedhan malee amma homaa yaaduu hin danda'u. Baasii heduun na ergan, sana boodas kaffaltiidhan na deebisan, kanaaf "kana naaf godhaa" jechuun natti ulfaata.Kanaaf tarkaanfii jireenyaa koo itti aanu hin beeku" jechuun ibsa
Miidhaan qaamaa fi xiinsammuu Mubaarak turtii kaampii sana keessatti irra gahe, kan inni "garbummaa" jedhee yaadatu, guutumatti keessa isaati hin baane "Yeroo baay'ee waan kaampiicha keessatti na mudate nan yaada."
Yeroo tokko tokko, 'Matiin koo anaaf jecha liqaatti seenaniiru' jettee yaadda. Garuu lubbuun bahuun kootuu waan gahaa natti fakkaata.
Gama biraatiin ammoo Abdiin dallaalaan Taayilaanditti hojii akka argate amansiisee abbootii qabeenyaa dhaabbatichaatti gurgure itti hin gaafatamne.
Viidiyoowwan Tiktok irratti sirbaa (lip sync) gadhiisu keessatti ilaala.Akka gara Dubaayitti ce'uu isaa dhaga'ees ni kaasa. "Osoo argatanii seeratti dhiyeessanii nan jaalladha" jechuun fedhii isaa ibseera.
-------------------------------------------------------
BBC Afaan Oromoo Chaanaalii WhatsApp fi Facebook irratti hordofaa.
Oduuwwan BBC Afaan Oromoo biroo dubbisuuf as cuqaasaa.












