Vaayirasiidhaan kaansarii yaaluun dhukkubsatootatti abdii hore

Vaayirasiidhaan dhukkubsattotni kaasnerii fayyifamuu jalqabe abdii hore

Madda suuraa, Getty Images

Malli wal’aansa kaansarii haaraan, vaayirasii dhukkubsataatti dabarsuun, seelota kaansarii mancaasu namarratti yaalame bu’aa hedduu abdachiisaa ta’e argamsiisuu isaa saayintistoonni UK himan.

Mala kanan dhukkubsataa tokko keessaa kaansariin badeera, dhukkubsattoota biroorratti dhiitoon sababa kaansariitiin uumamee ture xiqqaateera.

Dawaan kun vaayirasii ’cold sore’ jedhaman kanneen dandeettiin nama miidhuu isaanii laafe gargaaramuun yoo ta’u, dhiitoo kaansariin uumame ajjeesuuf caaseffamni isaa geeddarame.

Ammatti qorannoon guddaa fi yeroo dheeraa gaafatu kan barbaachisu yoo ta’u, vaayirasicha lilmoon dhukkubsattoota kaansarii sadarkaa olaanaarra qaqqabeef kennuun lubbuu isaanii baraaruun akka danda’amu qorattoonni beeksisaniiru.

Kirziyistoof Wojakowiskiin, ga’eessa ganna 39 ispoortiin maashaa qaama isaa ijaarurratti bobba’e fi Dhiha Landan keessa jiraatu.

Wojakowiskiin, dhukkubsataa kaansarii yaalii kansariirratti gaggeeffamu kana dhukkubsattota fudhatan keessaa tokko. Bara 2017 kaansarii xannacha hancufaatiin qabame.

Kirziyistoof Wojakowiskii, dhukkubsataa kaansarii yaalichatti hirmaate

Madda suuraa, Krzysztof WojkowskiIMAGE SOURCE,KRZYSZTOF WOJKOWSKI

Wojakowiskiin wal’aansa baqaqsanii yaaluu fi wal’aansi biroo hordofaa ture, garuu kaansariin isaa guddachuu itti fufe.

‘’Kana booda filannoon biraa siif hafe hin jiru jedhamee natti himameera. Wal’aansa isa jiraachuuf isa xumuraa ta’een fudhataa jira. Carraa yaalii kana argachuun anaaf waan guddaadha, baayyee naasisaadha,’’ jedhe.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Wal’aansi kun gosoota vaayirasii naannoo afaanii, fuula fi taa’umsaa miidhan ‘’herpes’ jedhaman caaseffama isaanii geeddaruun kennameef hordofee kaansarii Wojakowiskii qabe irraa bade.

‘’Torban lamatti si’a tokko lilmoon wal’aansa kana marroo shaniif ergan fudhee booda kaansarii guutuummatti narraa balleesse. Ergan kaansariirraa bilisa ta’ee amma waggoota lamaa darbe’’ jedhe.

Wal’aansi lilmoon kallattiidhaan dhiitoo kaansarii kanarratti dhukkubsataa kaansariif kennamu seelota kaansarii karaa lamaan haleela.

Tokkoffaa, seelota kaansarii weeraruun dhodhosa,akkasumallee sirna madinummaa qaamaa itti si’eessa.

Dhukkubsatoonni kaansarii 40’n yaalii kanarratti hirmaataniiru.

Namoota muraasa yaalii kanarratti hirmaatan vaayirasii gosa RP2 jedhamutu lilmoon kennameef.

Namoonni kaan immoo qoricha kaansarii kan biraa ‘’ nivolumab ‘’jedhamu fudhatan.

Firiin yaalii kanaa yaa’i dhimma fayyaa Paarisitti taa’ame akka agarsiisutti, Wojakowiskiin dabalatee dhukkubsattota sagal keessa sadan isaaniif dhiitoon kaansarii gogeera.

Qorannicha kan hogganaan Pirofeesar Keevin Harringtan BBC tti akka himanitti, bu’aan wal’aansichaa kaansariii sadarkaa olaanaarraa qaqqabe kan akka kaansarii liqimsituu fi ijaa fi kaan wal’aanuuf‘’dhugumatti abdatamaadha,’’ jedhan.

‘’Yaalii kilinikaalaa sadarkaa jalqabarratti argamuun bu’aa akkasii arguun baratamaa miti,’’ jedhan Pirofeesar Keevin Harringtan.

Saayintistoonni vaayirasiitti gargaaramuun kaansarii wal’aanuuf yaalun kun kan jalqabaa miti.

Tajaajilli fayyaa biyyaalessaa biyya UK mala wal’aansa vaayirasiin yaaluu‘’T-Vec,’’ jedhamu kaansarii gogaa wal’aanuuf waggoota muraasa dura eeyyame.