Qaruuraa bishaanii laastikiirraa hojjetame Kaansarii fidu danda’a?

Ijoollee qaruuraa pilaastikaan bishaan dhugaa jirtu

Madda suuraa, Getty Images

Qaruuraa bishaanii fi qodaan nyaata laastikiirraa hojjetame kaansarii fida falmiin jedhu yeroo dheeraaf ka’eera.

Qodaan bishaanii fi nyaataa kan laastikiirraa hojjetame keemikaalota miidhaa ykn dhukkuba namatti fidan qaban waan jetutti jira.

Qaruuraa bishaan dhugaatii kana iddoo aduu jirtu yoo ka’an, ifti aduu wantoota laastikii keessa jiran baqsuun bishaanitti akka dhangala'aan godha jedhanii dubbatu.

Achiis bishaan dhugaatii keemikaalota laastikiirra oomishame kana xuuxa. Kun ammoo kaansarii akka fidu himan.

Dhimma kana irratti imeeliin qorataan yunivarsitii tokko barreesse hedduminaan babal'ate falmiin tun akka itti fuftuu taasise.

Qaruuraa pilaastikaa

Madda suuraa, Getty Images

Imeeliinsaa kun qorannoo hedduu keessatti akka ragaatti fayyadameera.

Haata’u malee, saayintistoonni fayyaa ragaa qorataa kanaa falmaniiruu. Garuu keemikaala laastikiirraa oomishamuu kan bisphenol A(BPA) jedhamu ragaan saayinsii maal kan jedhu yaaddessa ta’eera.

Akka Saayintistoonni himanitti, korojoo, qaruuraa fi qodaan laastikiirraa hojjetame keemikaala fayyaa namaarratti miidhaa geesisa qabaachu malu.

Qarannoon akka argisiiftutti, keemikaalli BPA jedhamu kun hoormoonii dubartoota irratti dhiibbaa geesisa.

Haata'u malee, gaafiin jirtu akka keemikaalonni kunneen balaa geessisu danda’an ragaan tokkolleen qabatamaan jiraa laataa kan jedhuudha?

Keemikaalii kun baay’inaa yoo kenname hantuutaa irratti miidhaa geesisu danda’a. Sirni bullaaʼiinsa nyaataa namootaa (digesting system) garuu keemikaalaa fi makaawwan biroon addatti too’ata.

Laastikiin keemikaala BPA irra hojettame waggota hedduu fayyadamaa jira. Hanga amma dhiibbaa inni fayyaa nama irratti geesisu ragaan amansiisaa hin jiru.

Qorannoon biraa akka argisiiftutti, biyyoota guddatan keessatti BPA fincaan namoota hedduu irratti argamu.

Akki dhiibbaa keemikaalii kun geessisu ittisuu danda’aniin BPA fayyadamuu dhiisuu. Qalqalloo ykn qabduu pilaastika hedduu irratti lakkoofsi keemikaala fayyadame argisiisa qaba. 

Dubartii bishaan qaruuraa pilaastikaan dhugaa jirtu

Madda suuraa, Getty Images

Qodaa BPA keessa jiru akkamiin beekuu dandeeta?

Lakoofsi keemikaala qodaa keessa jiru mallattoon rog-sadee (♲) beekamuu danda’a.

Yoo BPAn jiraate, A3 yookan 7 lakoofsa jedhuun barreeffama, ammoo BPA mallattoo (♲) kana keessa jiraachu baannaan, lakoofsa 1,2,4 fi 5 hordofa.

BPAn yoo laastikiin tuqamee fi ho’e umama.

Haata’u malee, qorannoon taasifame qaruuraan bishaanii BPA akka hin qabne argisiisaeera.