Gosa qurxummii lafarra jiraatu beektuu?

Madiskippar

Madda suuraa, Getty Images

Gosti qurxummii xiqqoo madiskippar jedhamu eegeesaa fayyadamuun utaaluu danda'a.

Dandeettiisaa kanas danqaa darbee dhaltuu argatee gara iddoo jireenyasaa dhaqachuuf, maatii jiraaruufi qalbiishee hawwachuuf itti fayyadama.

Lafeen qaqalloo qaaama qurxummii idileerraa kaattuu fakkaattu gosa qurxummii madiskiippar jedhamurra qaamasaa gara gajjallaarra argama.

Caasaan qaamaa kunis madiskippar kana akka dandeetti utaalurra darbee waa yaabbatu isa gargaara.

Lafarra karaa darbaa yeroo dhabu akka qurxummii kaanii bishaan keessa daaka miti, al takkaatti meetira tokko utaalaa irra darba.

Gosa bosonaa maangiruuv jedhamu keessa waan addaati jira. Mukni asii gadi galaana keessa biqila, qurxummiin immoo lafa jiraata.

Qurxummiin giilii akka gurraachaa qabu madsikiippar meetira shan qofa kan dheeratu yoo tahu harka 90 raaree irra jiraata, ni to'ata.

Qaamnisaa hamma jiidhaa tahee turetti lafa adeemaa qilleensa keessaa oksijiinii fudhata.

Gosti qurxummii kuni lafarra gaaf tahu ijasaa ni libsata kunis akkuma namaafi bineensotaa ijasaa qulqulleessuufi eeguuf isa gargaara. Gosooti qurxummii kaan kan bishan keessa jiraatan ijasaanii hin libsatan.

Yeroo isaanii dheeraas bishaaniin ala lafarra dabarsu. Caasaan qaamaa madiskiippar miila fakkaatu kan qomasaarratti argamu akka socho'u isa gargaara.

Eegeesaa mirmirsuun ammoo akka utaalu isa gargaara. Yeroo gosti qurxummii kuni dhaltuu barbaaduun maatii horachuu fedhu danqaa muka bishaan keessatti biqilu utaalaafi yaabbachaa lafa diriiraatti baha.

Dhaltuu tokko kan ofii godhachuudhaaf kormaawwan lama wal haleelanii wal mo'achuu qabu.

Yeroo injifannoon dirqama taatu, diinni gara duubaatti deebi'a. Sana booda kormaan qalbii dhaltuu hawwata, kanumaan wal-korachuun walitti siquun eegalama.

Madsikippar dhaltuu maatii godhachuuf filate fuudhee deemuun dura garuu lafarra utalaafi gaggalagalaa shubbisa itti agarsiisa. Dhaltuun kuni wajjin deemuuf shubbisa kormaan kuni agarsiisu qalbiishee booji'uu qaba.

Wal-fudhatanii gara iddoo jireenya isa kormaa adeemuun maatii ofii dhaabbachuu eegalu.