Qurxummiin basaastuu Raashiyaati jedhamee rasaasaan ajjeefame - Falmitoota mirgaa

Madda suuraa, Helene O'Barry
Hammi guddina qurxummii kanaa gosa qurxummii doolfiin jedhamuu fi whale jedhamu gidduudha. Qurxummiin beluga whale jedhamu kun basaastuu Raashiyaati jedhama.
Qurxummiin kun handaara galaanaa Noorweyitti du'ee argame, warri mirga bineensotaaf falman rasaasaan rukutamee du'uu ibsan.
Maqaa masoo ''Hvaldimir'' jedhamuun kan beekamu qurxummiin kun osoo rasaasaan hin rukutamne ta'ee fayyaa guutuu qaba ture, umriinis dargaggeessa jedhan gareen bineensotaaf falman.
Qaamni qurxummii kanaa handaara galaana Noorweey kan kibba-lixa biyyattiitti argamutti osoo cittuu lagaa xiqqoorra bololi'uu argame.
Falmitoonni mirga bineensotaa qurxummii kanarratti madaan rasaasaan rukutamuu agarsiisu mul'achuu fi haleellaan irratti raawwatames ''suukanneessaa'' ta'uu ibsan.
Hundeessituun jaarmiyaa One Whale jedhamuu Rajiinaa Hoog ''hanga haqi Hvaldimir argamutti biraa hin deebinu,'' jechuun miidiyaa hawaasummaasheerratti barreessite.
One Whale jaarmiyaa barbaacha qurxummii kanaaf hundaa'edha.
Qurxummiin kun erga waggaa shan dura lammiin Noorwayiin faannisaa argamee xiyyeeffannaa argateera.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Reenfi qurxummii kanaa wayita argamu kaameeraan GoPro irratti maxxanfamee jira.
Barreeffamni kaameeraa sanarra jiru ''Meeshaa St Petersburg'' jedha.
St Petersburg magaalaa Raashiyaa yoo taatu qurxummiin kun kaameeraan irratti hidhamee kan gadhifameef hojii basaasaaf ta'uu shakkii uume.
Qurxummii kana erga arganii warri Noorwey maqaa Hvaldmir jedhu baasaniif.
Maqaan kun jecha Noorwey keessatti ittiin qurxummii whale waaman ''hval'' fi maqaa jalqabaa Pirezidantii Raashiyaa Vilaadmiir Putiin irraa walitti sonamee kan moggaafamedha.
Gosa qurxummii Whale kan ta'e qurxummiin Beluga Whale jedhamu kun hanga waggaa 60 jiraachuu danda'a.
Garuu kan ajjeefame waggaa 15tti akka ta'e tilmaamama.
Qurxummii Hvaldimir daangaa Noorway kan seene Ebla 2019 yoo ta'u jalqaba gara odoola Ingoya jedhamuutti argame.
Odoolli kun buufata doonii waraanaa kaabaa Raashiyaa- Murmansk jedhamurraa irraa kiilomeetira 415 fagaata.
Qurxummiin kun hagas mara fagaatee argamee waan hin beekneef, wanti mudate kun namuu xiyyeeffannaan akka hordofu taasise.
Raashiyaan bineensota bishaan keessa jiraatan kanneen akka doolfiin fa'aa leenjistee ergama waraanaaf itti fayyadamuun beekamti.
Qurxummiin amma basaastuu Raashiyaati jedhamuun rasaasaan rukutamee ajjeefamuu quuqamtoonni mirga bineensotaa ibsan kun garuu gosa qurxummii hamaa miti.
Jaarmiyaaleen mirga bineensotaa poolisiin Noorway yakka qurxummii kanarratti raawwate akka qoratan iyyata dhiyeessaniiru.
Namoonni maqaa siyaasaan qurxummii kanatti dhukaasanii ajjeesan seeraan akka gaafatamanis iyyataniiru quuqamtoonni mirga bineensotaa.












