Qurxummiin Raashiyaaf basaasa jedhame qarqara galaanaa Siwiidinitti mul'ate

Qurxummii guddicha

Madda suuraa, HELENE O'BARRY

Qurxummiin guddichi (Whale) baasaasaa duraanii Raashiyaa jedhamuun shakkame qarqara galaana Siwiidinitti mul'achuu isaa dhaabbanni qurxummii adii gurguddaa hordofu tokko beeksiseera.

Qurxummiin maqaa 'Havaaldmiir' jedhamuun beekamu kun, jalqaba qabattoon Raashiyaatti hojjetame itti hidhamee bara 2019 keessa qarqara galaana Noorweyitti mul'atee ture.

Kutaa kaaba Noorwey irraa suuta suutaan gara kallattii Kibbaatti imaluudhaan waggoota lakkoofsiseera. Haata'u malee, yeroo dhiyoo asitti qurxummiin kun bishaan Noorwey keessaa bahuudhaaf sochii taasisu dabaleera.

Dhaabbanni 'OneWhale' jedhamu qurxummiin kun akkas muddamuu isa duuba sababiin jiru ifa miti jedhe.

Qurxummiin guddaa kun jalqaba bidiruuwwan Noorwey Odola Ingooyaa jedhamanitti kan dhiyaate waggoota afur dura ture.

Odolli kun ammoo ulaa galaanaa gama kaaba Raashiyaatiin jiru Murmaanisk jedhamurraa kiiloomeetira 415 fagaata.

Yeroo mul'atettis qurxummiin kun uffata rarraatoon kaameraan GoPro jedhu kan itti hidhame yoo ta'u, uffata barreeffama 'meeshaa Seent Piitarsibargiidha' jedhus godhatee ture.

Qurxummiin guddaan kun bakka kanatti mul'achuun isaa ammoo dhaabbanni tikaa biyya keessaa Noorwey akka qorannoo taasisu kan godhe yoo ta'u, boodarra qurxummiin kun akka itti basaasani humna waraanaa Raashiyaatiin leenjifamuu hin oolle jechuun dhaabbatichi BBCf ibseera.

Isaan booda ture Qurxummichi maqaan 'Havaaldmiir' maqaa jedhu kan kennameef.

Jechi 'Havaal' jedhu afaan warra Noorweyiin qurxummii kan jedhurraa kan fudhatame yoo ta'u, 'Dimiir' kan jedhu ammoo maqaa pirezidantii Raashiyaa Vilaadmiir Putiin irraa kutamee kan fudhatamedha.

Raashiyaan hanga ammaa qurximmiin guddaa 'Havaalmiir' jedhamu humna waraanaa Raashiyaatiin leenjifame jedhamuu ilaalchisuun waan jette hin qabdu.

Haata'u malee, kanaan dura lubbu-qabeeyyii galaana keessaa basaasummaatiif leenjisuu ilaalchisuun sagantaa kamiyyu akka hin qabne ibsiteetti.

Bara 2019 koloneelli humna eeggataa Raashiyaa Viktor Baaraaneetis, "lubb-qabeessa kana basaastummaaf kan itti gargaaramnu yoo ta'e, 'maaloo bilbila kanaan nuuf bilbilaa ergaa jedhu waliin lakkoofsa bilbilaa waliin kan qabsiisnu isinitti hin fakkaatuu?" jechuun dubbate.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Dhaabbata One Whale'tti qorataan lubbuu-qabeeyyii galaana keessaa qoratu Sebaastiyaan Istiraand, qurxummiin guddichi jijjiirama sochii inni dhiyeenya agarsiise duuba sababoonni hedduun jiraachuu danda'u jedheera.

"Amma bakka uumama isaarraa fagaatee maaliif akka saffisaan sosocho'u hin beeknu," jechuun AFP'tti dubbate.

Qorataan kun akka jedhutti, jijjiirama amalaa Qurxummichi agarsiise duuba sababoonni lama jiraachuu danda'u.

"Inni tokkoffaan, hormoonnii baayyee guddaa yoo ta'u, kunis michuu barbaaddachuudhaaf kan isa dirqisiisu yoo ta'u, sababiin biraa ammoo qofummaa waliin kan walqabatu ta'uu danda'a.

Gosa qurxummii adii (belugaas) jedhamu waan ta'eef qurxummiiwwan adii biroo barbaadaa jira ta'uu danda'a," jedha.

Qurxummiiwan belugaas jedhaman bifti isaanii adii ta'e Giriinlaand, Raashiyaa, Alaaskaafi Noorwey Kaabaa bakkawwan cabbiin itti baayyatu Garba Arkitik keessa kan jiraatan yoo ta'u, gariin isaanii yeroo bonaa ni godaanu.