Pireezantiin Ertiraa akkuma Chaayinaarraa deebi'aniin gara Raashiyaa imalan

Pireezidantii Ertiraa Isaayaas Afaworqii

Madda suuraa, @HAWELTI

Guyyoota muraasa dura daawwannaa Chaayinaa xumuranii kan biyyatti deebi'an Pireezidantiin Ertiraa Isaayaas Afaworqii, Kibxata har'aa ganama daawwannaa hojiif gara Mooskoo imaluusaanii Ministirri Beeksisaa biyyattii Yamaanaa Gabramasqal ibsan.

Ministirichi tiwiitarii isaaniirratti akka barreessanitti, Pireezidanti Isaayaas aanga'oota olaanoo mootummaasaanii waliin gara Raashiyaa imalaniiru, kunis affeerraa giti isaanii kan Raashiyaa Vilaadmiir Putiin taasisaniif hordofeeti.

Pireezidanti Isaayaas waliin Ministirri Dhimma Alaa biyyattii Osmaan Saaleeh fi Komishinarri Komishinii Aadaa fi Ispoortii Ambaasaaddar Zamaduu Takilee gara Moskoo imalaniiru.

Pireezidanti Isaayaas Afaworqii torbee darbe guyyoota muraasaaf Chaayinaa daawwatanii gara biyyaa deebi'uun guyyoota muraasa erga boqotanii booda amma ammoo deebi'anii gara Raashiyaa imalan.

Waggoota darban keessa hariiroon Raashiyaafi Ertiraa gidduu jiru cimaa kan dhufe yoo ta’u, waraana Raashiyaan Yukireen irratti bante hordofee murtee Raashiyaa balaaleffatu Mootummoota Gamtoomaniin dhiyaate biyoota morman muraasa keessaa tokko Ewrtiraadha.

Torban darbe Guyyaa Walabummaashee wagga 32ffaa kan kabajatte Ertiraan, waggoota darban keessa hariiroon biyyoota Lixaa waliin qabduu gaarii hin turre.

Biyyoonni Lixaa walitti bu’insawwan naannawaa sana keessatti dhalatan keessatti Ertiraan gahee qabdi jechuurra darbee biyyattii keessatti lammileesheerratti hacuuccaa taasisti jechuun komatu.

Keessumaa waggoota lamaan darban wal waraansa Itoophiyaa naannoo Tigraay keessatti gaggeeffame keessatti humna waraanaashee bobbaastee sarbama mirgoota namoomaa hamaa raawwatteetti jechuun dhaabbileen mirgoota namoomaafi falmaniifi biyyoota Lixaatiin balaaleffatamaa turteetti.

Kanarraa ka’uun Ertiraan biyyoota Lixaa caalaa Chaayinaa, Raashiyaafi biyyoota Arabaa waliin hariiroo cimsachaa jirti.

Ertiraan yeroo dhiyoo as hariiroo Chaayinaafi Raashiyaa waliin qabdu cimsachaa kan jirtu yoo ta’u, daawwannaan Pirezidant Isaayyaasisi kanaaf agasiiftuudha.

Daawwannaa Pirezidant Isaayyaas Chaayinaatti taasisaniifi amma Raashiyaatti taasisaa jiran dursee ministiroonni dhimma alaa biyyoota lamaanii Ertiraa daawwatanii turan.

Ji’oota dura Ministirri dhimma Alaa Chaayinaa Kiin Gaang, akkasumas ministirri dhimma alaa Raashiyaa Sargee Laaviroov ertiraa daawwatanii Pirezidant Isaayyaas dabalatee aanga’oota biyyattii olaaoo waliin wal arguun