Pireezidantiin Ertiraa otoo hin eegamiin Chaayinaa daawwatan

Pireezidant Isaayyaas fi Xi Jin Ping

Madda suuraa, Getty Images

Pireezidantiin Ertiraa Isaayyaas Afawarqii yeroo baayyee gara biyyoota biroo daawwiif wayita imalan hin mul'atu.

Tibbana garuu daawwannaaf gara magaalaa guddoo Chaayinaa Beejingitti imalaniiru.

Daawwannaa kanaan Pireezidant Isaayyaas gitasaanii kan Chaayinaa Shi Jinpingi fi MM Li Kiyaangi waliin mariyatan.

Pireezidant Isaayaas Chaayinaa ishee amma ijaaruuf qabsoo gaggeeffame keessatti namoota du’an addabaabahii itti leellifaman - Tiananmen irra abaaboo kaa’aniru.

Addababahiin Tiananmen bara 1989 mormitoota bilisummaa siyaasaa gaafatan simachuun qalbii namootaa hawwatee ture.

Mormiin gaggeeffamaa ture tarkaanfii qondaaltonni siyaasa Chaayinaa fudhataniin adda cite.

Pireezidantiin Ertiraa Isaayaas Afawarqii Chaayinaan sirna addunyaa geeddaruurratti gumaacha qabdi jedhanii dinqisiifatan.

Mootummaan Ertiraa mootummoota addunyaarratti cunqursitoota jedhaman keessaa tokko.

Tarsiimoo siyaasaa idil-addunyaa Chaayinaan Gaanfa Afrikaatti hordoftuuf murteessituu kan taate Ertiraan, sarbamiinsa mirga qaqqabsiistuun biyyoota Lixaatiin qeeqamti.

Chaayinaan biyya ollaa Ertiraatti argamtu Jibutiitti maadhee waraanaa kan ijaarte yoo ta’u, Gaanfa Afrikaatti dhiibbaa uumtu guddisuuf yaalu ittifufte.