Alabaamaan maaliif yakkamaa gaazii naayitiroojiin ajjeesuuf filate?

Madda suuraa, Alabama Department of Corrections
Lammiin Ameerikaa tibbana duuti itti murtaa'uun addabbiin du'asaa mala haaraa fayyadamuun ajjeefame maaliif akkaan wal falmisiisaa ta'ee?
Anga’oonni Alaabaamaa adabbii du'aa kana raawwachuuf maaliif gaazii naayitiroojiinii fayyadamuu filatan?
Keenet Yuujiin Ismiiz, adabbiin du'aa itti murtaa'uun jalqaba qorichaan ajjeefamuuf karoorfamee kan ture Sadaasa 2022 ture.
Hojjettoonni mana hidhaa lilmoo hidda dhiigaa waraanamu (intravenous line) akka du'u taasifamuun, silaa kan lamaa barbaachisu tokko qofa waraanan.
Lilmoo lammaffaa waraanuuf sa'aatii tokkoof erga yaalanii booda ajjeechaan sun osoo hin raawwatanii addaan cite.
Garuu Isimiiz (namni firdanyaa sun) - kan bara 1988 haadha warraa lallabaa tokkoo qacaramee ajjeesuun balleessaan itti murame, xumurarratti gaazii naayitiroojiiniitiin tibban ajjeefame.
Malli inni amma ittiin ajjeeffame kun falmisiisaa yoo ta’u, kanaan dura Ameerikaatti tajaajilarra oolee hin beeku.
Malli kun yeroon adabbiin du'aa biyyoota baayyeedhaan hambiisuuf yaalamaa adeemamaa jiruutti mala nama balleessaan itti mirkanaa'e ajjeesuuf hojiirra oolfame.
Rakkoo lilmoon waraananii ajjeessuun qabu
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Bulchiinsoonni kutaalee Ameerikaa harki walakkaan ammallee seera adabbii du'aa hojiirra oolchu qabu.
Haata'u malee malli isaan ittiin nama duuti itti murtaa'e ittiin ajjeesan garuu garaagarummaa qaba.
Kutaaleen biyyaatti tokko tokkoo fannisuun ajjeesan, kaan ammoo itti dhukaasanii ajjeesuu ykn teessoo elektirikiitiin adabbiin du'aa suna akka raawwatamu hayyamaa jiru.
Dhaabbanni akkaataa ajjeechaa itti raawwatamu qeequ Giddugalli Odeeffannoo Adabbii Du'aa (DPIC) akka jedhutti, manneen murtii kutaalee Ameeriikaa muraasni adabbii du’aa kana seeraan ala taasisaniis, Heera Mootummaa Ameerikaatiin "adabbii gara jabumaa fi haala hin baratamneen" akka hin raawwatame dhorkame hin cabsu.
Waggoota kurnan darban keessa garuu, kutaaleen biyyattii irra caalaan isaanii qoricha ajjeesuutti - akka mala ajjeechaatti itti gargaaramu.
Teeksaas kutaa Ameerikaa jalqabaa yakkamaa qoricha lilmoon kan ajjeeste bara 1982 ture.
Bara darbe US keessatti namoonni 24 ajjeefamaniiru - kanneen keessaa harki caalaan isaanii Filooriidaa fi Teeksaas keessatti yoo ta’u, hundi isaanii qoricha lilmootiin kennamuun waraanamanii ajjeefaman.

Madda suuraa, Getty Images
Ta'us adeemsi isaa garuu yeroo hunda qajeelaa miti.
Ji'oota hedduu dura ajjeechaan Ismiiz kanaan dura milkaa’uu dhabuu saatiin dura, aanga'oonni Alaabaamaa hidhamaa duuti itti murtaa'e kan biraa Alaan Miilar, sababa lilmoon waraanu hin dandeenyeef ajjeesuu hin dandeenye ture.
Ajjeechaan yakkamaa duuti itti murtaa'e lilmoo qoricha qabuun waraanuun raawwatamu kan gara biraa hedduunis akkaataa karoorfametti osoo hin raawwatamiin hafe.
Dhiheenya kana kutaaleen Ameerikaa qoricha lilmoo nama ajjeesu argachuuf rakkataniiru.
Yeroo tokko tokko oomishitoonni qoricha kanaa hin gurguran ykn kana booda oomishuu dhaabaniiru.
UK fi Gamtaan Awurooppaa bara 2011 keemikaalota kana gara biyyaatti galchuu dhorkan. Waggoota shan booda ammoo dhaabbanni qoricha Ameerikaa guddaan Pfizer, qoricha lilmoon nama ajjeesuuf oolu gurguruu dhaabuu beeksise.
Kanarraa ka’uunis kutaaleen Ameerikaa mala biraatiin yakkamtoota duuti itti murame ajjeesuuf karaa biraa barbaadutti kaa’an.
Naayitiroojiin haayipoksiyaa jechuun maali?
Qondaaltonni mana hidhaa fuula Ismiiz haguuganii, sana booda gaazii naayitiroojiinii qulqulluu itti naqan.
Gaazichis mataan isaatti summii miti- naayitiroojiiniin qilleensa lafa marse keessaa harka sadii ol ta'a.
Garuu naayitiroojinii qulqulluun yabbina qabu ooksijiiniin gara sammuutti darbuu dhowwaa, adeemsi kun naayitiroojiin haayipoksiyaa jedhama.
Gaazii naayitiroojiinii fayyadamuun ajjeechaa raawwachuun bara 2018 irraa kaasee Alaabaamaa kan eeyyama dabalatee, kutaalee biyyattii sadiitti eeyyamameera.
Garuu qeeqxoonni hojimaati malli sun itti raaawwatamu hin qoratamnee, akkasumas hin mirkanoofne jedhu.
''Tooftaa yaalamu,'' jedhu Pirezedantiin Koolleejjii hakiimota mana amala sirreessaa Ameerikaa Dr Jeef Keelar. "Wantoonni hedduun dogoggoramu danda'u," jedhan.
Mana barumsaa seeraa Fordam keessatti ogeettiin qorannoo yakkaa fi qorannoo mala adabbii du'aarratti ogeettii kan taate Diibooraa Deennoo, adeemsi kun ''dhukkubbii kan hin qabne ta'uu qaba,'' jedhan.
"Garuu cimsee dubbachuun qaba, sun qabatamaa miti," jetti.
"Haguuggii fuulaa kun yeroo baayyee namootaaf kan ta’u miti," jetti. "Cufaa miti, qilleensi seenuu danda'a," jette.
Ismiiz haqqisiisee ykn yaalii ajjeechaa miidhaama sammuurra gahuun wajjin lubbuun hafuu danda'a ture jetti.
Warri mala kana jalqaban qeeqa dhiyaatu hin fudhatan. Balaa industirii keessatti haaypoksiyaa naayitiroojiinii mudate akka fakkeenyaatti kaasuun, miidhamtoonni waan isaan mudachaa ture hin beekan jedhan.
Qorannoon seera baastota Oklahomaa ajjeechaa gaazii naayitiroojiinii hayyamuu i dhiisuu isaanii ilaalchisuun qophaa'e tokko akka akeekutti, "oksijiiniin osoo hin jiraatiin, naayitiroojiinii qulqulluu si’a 12 qofa gara keessatti fudhachuun akka tasaa of wallaaluu namatti fida," jedha.
Abbaan Alangaa Waliigalaa kutaa Alaabaamaa, Istiiv Maarshaal, gaaziin naayitiroojiinii ''tarii mala ajjeechaa namummaa qabu kan hanga ammaatti qophaa'edha'' jedhe.












