Keenet Yuujiin Ismiiz: US'tti nama jalqabaa adabbiin du'aa itti murtaa'e gaazii naayitiroojiiniin ajjeefame

Madda suuraa, WHNT/CBS
Bulchiinsi Alaabaamaa nama adabbiin du'aa itti murtaa'e, Keenet Yuujiin Ismiiz, gaazii naayitiroojiniitiin adabbiisaa raawwatte.
Mala kanaan adabbii du'aa raawwachuun Ameerikaa keessatti adabbii olaanaa isa jalqabaati.
Namni umrii waggaa 58 Ismiiz adabbiin akkanaa dararaa suukanneessaa fi kan ta'ee hin beekneedha jechuun yeroo hedduu ol iyyateera.
Yeroo lama Mana Murtii ijibbaataatti, yeroo tokko ammoo kan federaalaatti ol iyyateera, garuu hin milkoofne.
Bulchiinsi Alaabaamaa bara 2022 yakkamaa kana dhangala'aa balaafamaa lilmeedhaan waraanuun, lethal injection, ajjeesuuuf yaalee hin milkaa'in hafe.
Ismiiz haadha warraa lallabaa wangeelaa, Elizaabeet Seneet, ajjeesuun himatamee bara 1989 yakkamaa ta'uunsaa itti murtaa'e.
Ajjeechaa sana qacaramee akka raawwatetu barame.

Madda suuraa, WHNT/CBS
Alaabaamaa fi bulchiinsi US lama biroon gaazii naayitiroojiinii fayyadamuun adabbii du'aa raawwachuu akka qaban mirkaneessaniiru.
Filannoon biraa ittiin adabbii du'aa raawwatan kan lilmee waraanan yoo ta'u, isa kanaaf dawaan fayyadaman argachuun ulfaataadha.
Kunimmoo adabbii olaanaa sadarkaa biyyaalessaatti raawwatamu akka galma hin geenye waan taasiseef mala kanatti fayyadamuu dhiisan.
Miseensonni miidiyaa shan adabbiin kun yeroo raawwatamu akka taajjabaniif konkolaataadhaan gara iddoo amala sirreessaa Holman Correctional Facility jedhamu kan Atmoor keessatti argamutti geeffamaniiru.
''Galgala kana Alaabaamaan namummaan gulantaan tokkoon duubatti akka deebi'u ni taasisti,'' jedhe Ismiiz akka kanneen achi turan ibsanitti.
Akkuma gaaziin naayitiroojiinii kun maaskii inni uffatetti biifamuu eegaleen, gara maatiisaatti qajeelee ''isinan jaal'adha,'' jedheen.

Madda suuraa, ALABAMA DEPARTMENT OF CORRECTIONS
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Kanneen adeemsa adabbii kana ijaan argan akka jedhanitti Ismiiz daqiiqaa lamaa hanga afurii qaami isaa akka malee hollataa ture, daqiiqaa shaniif osoo walirraa hin kutin hafuura guddaa harganaa ture.
Haala kanaan turee booda akka sa'atii biyyattiitti 20:25 irratti du'uunsaa labsame.
Oksijiinii malee naayitiroojiinii qofa gara keessaatti harganuun seelota qaamaa caccabsuun du'aaf nama saaxila.
Ismiiz du'uu kan ibsan bulchaan Alaabaamaa Keey Iveey ''Bu'aa bayii waggoota 30 olii booda Aab Ismiiz yakka suukkanneessaa raawwateef deebii argate,'' jedhan.
Abbaan Alangaa Istiiv Maarshaal malli kun ''bu'a qabeessaa fi namummaa osoo hin sarbin,'' adabbii du'aa raawwachuuf filatamaa ta'uu ibsan.
''Haqi argameera,'' jedhan ibsa isaanii keessatti.
Komishinarri Komishinii mana amala sirreessaa Alaabaamaa Joon Haam, miirri Ismiiz agarsiise waanuma eegameedha jedhan.
''Akkinni itti hollataa ture waanuma eegameedha. Naayitiroojiiniin fayyadamne akkas akka nama godhu dursinee qoranneerra.''
Keent Yuujiin Ismiiz namoota lama doolaara 1,000n qacaramanii bara 1988 Aadde Seneet ajjeesan keessaati.
Namni Ismiiz waliin yakkicha raawwate, Joon Foorest Paarker, bara 2010 du'aan adabame.












