Guyyaan Hojjattoota Addunyaa, May Day, maaliif kabajama?

Namoota hiriirarra jiran

Madda suuraa, AFP

Kanaan dura Guyyaan Hojjettootaa Addunyaa ykn May Day biyyootaa baayyee keessatti akka Ayyaana Birraa duriitti beekama ture. Amma garuu guutummaa addunyaarratti seenaa gaarii hojjetoonni mul’isaniifi faayidaawwan isaanii yaadachuudhaaf kabajama.

Haala hojii fooyya’aafi waldaalee hojjetootaaf deeggarsa dabalataa hiriirawwan gaafatanitu wagga waggaan gaggeeffama.

Gara jalqabaa dhaabbileen Sooshaalistiifi Komunistii, akkasumas gareewwan hojjettootaatiin kabajamuun beekama ture.

Haata’u malee, hiriirawwan gara jalqabaa kan gaggeeffaman Yunaaytid Isteet keessa turan. Hiriirawwan kunneen ji’a Fulbaanaa keessa Wixata jalqabaa kabajama ture.

Fakkii namoota hiriira bahanirratti yeroo aarri gadhiifamu

Madda suuraa, GETTY IMAGES

Akkamiin jalqabame?

Haaromsa Hawaasummaa tarkaanfachiisuun kan beekamu Lammii Biriteen kan ta’e Roobart Owun ka’umsa godhachuun guyyaatti sa’aatii saddet hojechuudhaaf gaafachuun waadaaleen hojjettootaa Ameerikaa keessatti argaman bara 1986 hiriira magaalota raasan gaggeessan.

Owun, “Sa’aatii saddet hojii, sa’aatii saddet bashannana, sa’aatii saddet boqonnaa” jechuun guyyaatti sa’aatii saddet hojjechuu yaada jedhu kaase.

Mormiin hojii dhaabuu inni guddaan magaalaa Chikaagoo keessatti Caamsaa 1 kan gaggeeffame yoo ta’u, hojjetoonni kuma 40 ta’an akka irratti hirmaatan tilmaamama.

Yeroo sanatti daangaa sa’aatii hojii tokko maleefi boqonnaa malee warashaalee keessatti cimanii hojjechuun baramaa ture.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Chikaagoon wiirtuu industirii Ameerikaafi waldaalee hojjettootaa turte.

Hiriirri abbootii qabeenyaafi namoota siyaasaatiin ija gaariitiin hin ilaalamne kun hojjetoota biroo mufii qabaniifi xiinxaltoota hawwachuun boodarra isaanis kuma hedduutiin itti makaman.

Yeroo sanatti namoonni waldaalee ijaaramanii olaantummaa seeraafi akkaataa hojiirra oolmaasaa gaafatan ‘Anaarkistoota’ jechuun morman turaniiru.

Muddamni ture sadarkaa olaanarra gahe. Walitti bu’insa poolisiifi mormitoota gidduutti dhalateen yoo xiqqaate namni tokko du’ee kaan madaa’an.

Gara jabeenya poolisiin agarsiisetti kan aaran hoggantoonni waldaalee hojjetootaa Addabaabaayii Gabaa beekamaa Chikaagoo Hayimaarket jedhamutti torbee isaatti hiriira nagaa waaman.

Hanga har’aatti namni eenyummaan isaa hin beekamne tokko boombii harkaa poolisiitti darbate. Dho’insa kanaafi naasuu uumameen poolisoonni torba du’anii hojjetoonni yeroo balaa 67 madaa’aniiru. Hiriirtota keessaa ammoo afur du’anii 30 ol kan ta’an madaa’anii ture.

Dumaatii Hayimaarket ykn Dhimma Hayimaarket jedhamee taateen beekamu kana hordofee ‘Anaarkistoonni’ saddet yakka nama ajjeesuudhaan himatamanii mana murtiitti dhiyaatan. Tokko tokko balleesaan qaban sirriitti mirkanaa’uu baatus du’aan akka adabaman itti murtaa’e.

Guyyaa sana yaadachuudhaaf bara 1889 Sekond Internaashinaalitti Kongirasiin jalqabaarratti paartilee Sooshaalistiifi Hojjetootaa, akkasumas walga’ii bakka bu’oota waldaalee hojjetootaa biyyoota 20 irratti murtoon darbe.

Biyoonni baayyee May Day fudhata

Hiriirtota

Madda suuraa, GETTY IMAGES

Walitti bu’insi Chikaagootti ture paartilee sarbama mirgaaf qabsaaan (left wing) akka kaka’umsa horataniif sababa ta’uun gargaareera.

Kibba Awurooppaatti May Day yeroo jalqabvaatiif kan kabajan yeroo sanatti Ostiroo-Hangaarii Impaayer kan turan Siloveeniyaafi Kiro’aatota turan.

Haalli hojii rakkisaa jirachuu, miindaan gadaanaa ta’uufi sa’aatii hojii dheeraa ta’uu hojjetoonni Sarbiyaa jiran bara 1893 May Day irratti hiriira akka qopheessan godheera.

Waraana Addunyaa tokkoffaa booda sababa misoomni idustirii babal’achuufi dhiibbaa Warraaqsa Komunistii Raashiyaa dhiibbaa uumeef hojjetoonni guutummaa addunyaarra jiran mirgootasaanii bu’uuraatiif qabsaa’aniiru.

Jarmanii keessatti erga Paartiin Naazii gara aangootti dhufee booda bara 1933 guyyaan hojjetootaa ifa ta’e. haata’u malee, guyyaa akka ayyaanni kun kabajamuuf labsame bulee waldaaleen bilisaa akka diigaman taasifamuun garuu ajaa’iba jedhamee ture.

Kun ammoo Jarmanii keessatti sochii hojjetootaa dhaabsisullee Waraana Addunyaa Lammaffaa booda waldaaleen hojjettootaa irra deebiin gurmaa’aniiru.

Bahaafi Lixa

Hasxaa Soshaalizimii

Madda suuraa, MUSEUM OF YUGOSLAVIA

Waraana Addunyaa lammaffaa booda haalli siyaasaa addunyaa jijjiramee qoqqodamuun siyaasaafi dinagdee caalaa ifatti mul’achuu jalqabe.

Guyyaan Hojjettootaa ykn Dafqaan Bultootaa biyyoota Soshaalistoota ta’an akka Kuubaa, Sooviyeet Yuuniyeen duraaniifi Chaayinaa kessatti ayyaanota bakki guddaan kennamuuf keessaa tokko ta’uun waggoota baayyyeef kabajameera.

Mooskootti Addabaabaayii Diimaatti bakka aanga'oonni paartiifi mootummaa argamanitti hiriirri gaggeeffamu agarsiiftuu humna waraanaa Sooviyeet ta'ee ture.

Gaggeessitoonni Komunistii ayyaanni haaraa jalqabame kuniifi kabajuun ayyaana kanaa hojjetoonni Awurooppaafi Ameerikaatti qabsoo farra Kaappitaalizimii keessatti akka tumsaniif kan isaan kakaasedha jedhanii amanu.

Yugozilaaviyaatti Rippabilikni Federaalaa Sooshaalistiis waan walfakkaatu ture. Bara 1945 Guyyaan Hojjettootaa ayyaana mootummaa ta'ee yeroo labsametti hiriirawwan agarsiisa loltummaafi piropogaandaan mootummaa cimaatu gaggeeffama.

Kutaalee addunyaa birootti ammoo waldaaleefi hojjetoonni haala hojii mijataa gaafachuudhaaf Guyyaa Hojjetoota Addunyaa hiriira gaggeessu.

Biyyoonni miseensa G20 jedhaman ta'an keessatti hoji-dhabdummaan xiqqaa ta'uufi carraan hojii hanga tokko guddachaa jiraatus, miindaan hir'achuusaatiin alatti daballi miindaa waggaa darberraa kaasee qaala'insa jireenyaa waliin deemuu dhabuusaarraa kan ka'een Dhaabbanni Hojjettootaa Idil-addunyaa (ILO) bara 2024 gabaasa tilmaamaa baasen ibseera.

Bara darbe keessa sadarkaa addunyaatti lakkoofsi hojjettoota hiyyummaa hamaa keessa jiran dabaluun miliyoona tokko qaqqabeera jedha dhaabbaticha.

Lakkoofsi hojjetoota hiyyummaa keessa jiraatan ammoo miliyoona 84. qaqqabeera jedheera.