EUn viizaa dhorkuuf murtee dabarse deebi'ee akka ilaalu Itoophiyaan gaafatte

Madda suuraa, Rooyitarsi
Gamtaan Awurooppaa lammiileen Itoophiyaa akka tajaajila viizaa hin arganneef dhorkaa irra kaa'e.
Gamtichi mootummaan Itoophiyaa lammiilee isaa eeyyama jireenyaa osoo hin argatiin biyyoota Awurooppaa keessa yeroo dheeraa turan deebisee fudhachuuf deeggarsa gochuu waan dideef murtee kana dabarsuu ibse.
Embasiin Itoophiyaa teessoo isaa Biraasels taasise dhimma kana irratti ibsa baaseen murtee yeroof lammiilee Itoophiyaa Viizaa dhurkuuf dabarseen ''rifachuu'' ibse.
''Murteen kun wayita qaamoleen lameen lammiilee Itoophiyaa hayyama jireenyaa malee biyyoota miseensa gamtichaa ta'an keessa jiraatan haala kabaja sirnaafi nageenya qabuun deebisuuf walitti dhiyaatanii hojjechaa jiranitti dhagaahame.''
Embasichi murteen kun kanneen hayyama malee jiraachaa jiran biyyatti deebisuufi deebisanii ijaaruurratti walii tumsuun hojii hojjetamaa jiru ilaalcha keessa hin galchinee jechuun Kibxata darbe ibsa baaseen komateera.
Manni Maree Gamtaa Awurooppaa ibsa Wiixata baaseen ture lammiileen Itoophiyaa irra deddeebiin biyyoota Awurooppaa galuuf viizaa gargaaru akka hin arganneef dhorkaa dabarsuu kan beeksise.
Lammiileen Itoophiyaa paaspoortii dippilomaatii qaban kaffaltii malee viizaa argataa turanis ammaa booda tajaajilli bilisaa kun akka irraa dhaabbatu murteessuu hime.
Tajaajila viizaa kennuu kana dura guyyoota 15 keessatti xumuramu amma gara guyyoota 45tti akka dheeratu murteessuu hime.
Gamtaan Awurooppaa ''deeggarsi mootummaan Itoophiyaa lammiilee isaa isa eeyyamameefiin ol Awurooppaa turan deebisee fudhachuuf taasisaa jiru gahaa miti'' jedhe.
Gamtichi kana haa jedhuyyuu malee motummaan Itoophiyaa eenyummaa lammiilee kanaa adda baasuuf hojii dadhabsiisaa hojjetamaa ture ilaalcha keessa hin galchinee jedheera.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Gamtichi dhorkaan darbe kun yeroodhaaf kan turu tahuu himuun, yoom ka'a kan jedhu irratti guyyaa caqase hin qabu.
Waggaa darbe qofa godaantotni 380,000 tahan seeraan ala daangaalee biyyoota gamtichaa seenaniiru.
Lakkoofsi kun erga bara 2016 as isa olaanaadha.
Itoophiyaan murtee gamtichaa kanaan adeemsa galmee lammiilee Itoophiyaa biyyoota miseensa gamtichaa ta'anirraa biyyatti deebisuurratti waliigaltee galameefi raawwiisaarratti dhiibbaa hin malle uuma jedheera.
Dabaluunis gamtichi murteesaa kana keessa deebi'ee akka ilaalu waamicha godheera.
Murtee kanaan walqabatee dhimma lammiilee deebisuurratti fuula duratti waan gochuuf adeemu akka beeksisu hime.
Biyyootni Gamtaa Awurooppaa godaantota lakkoofsaan olaanaa tahe simachaa waan jiraniif, kana xiqqeessuuf eegumsa daangaa irratti taasisan jabeessaa jiru.
Dubartiin Eertiraa tokko daangaa Poolaandi irratti akka hin seenneef loltootaan dhorkamuun bosona keessatti deesse jedhamuun mootummaan Poolaandi qeeqamaa ture.
Poolaandi garuu dubartiin kun akkuma argamteen gara hospitaalaatti geeffamuun tajaajila yaalaa argatteetti. Amma ammoo mana jireenyaa kennameef keessa daa'ima ishee waliin jirti jedhe.

Madda suuraa, THE EUROPEAN PARLIAMENT












