Kaaffee buna Afrikaa beeksisaa mirga namoomaaf qabsaa’u

Buna daffiisaa jirti

Ameerikaa kutaa Koloraadoo, magaalaa Denver keessa Daandii 1710 E 25 manni bunaa [Espereessoo Baar] kan Itoophiyaa taate tokko jirti.

Keenyan kaffee kanaa tokko ‘ashaakiltootaan’ kan uwwifame yoo ta’u, keenyan biraan ammoo hojiiwwan aartii gara garaatiin faayameera.

Keenyan Kaaffee kanaa karaa biraan ammoo ogeessi aartii kamiyyu gara magaalaa kanaa deemuufi Kaaffee kana daawwatu bakka hojiisaa itti fannifatu ji’a ji’aan jijjiiramu ‘Wall of Artists’ jedhamutu jira.

Kutaan inni dhumaa, gosa buna gara garaa Afrikaarraa dhufan hojjetamanii kan itti dhiyaatan baar espereessoo-espresso bar’ jedhama.

Witiyer Kaaffee (Whittier Café) keessatti buna miyaawaatu dhiyaata. Ta’us garuu, Kaaffee kana keessatti yeroo gara garaatti rakkoowwan biyya Ameerikaafi biyyoota biroo gara garaa keessatti mudataniin sababa godhachuun hiriirawwan mormii baayyeen gaggeeffamaniiru.

Biyyattii keessatti darbee darbee taateewwan rifaasisoo mudatan- fakkeenyaaf ajjeechaa gur’aachota Ameerikaa- yeroo mudatan jiraattonni Denver baayyeen dhaadannoowwan gara garaa qabachuun gara Kaaffee kanaa dhufu. Achumaanis gara walakkaa magaalaa mormiin itti gaggeeffamutti makamu.

Yeroo deebiyan ammoo dhaadannoowwan qabatanii bahan sana Kaaffee kana keessatti dhiisanii deemu. Haati qabeenyaa Kaaffee Wiitiyeer Milihitii Biraanemasqal ammoo dhaadannoowwan kanneen mana qulqullinaa keessa kaa’aa akka turte dubbatti.

Yeroon booda garuu, manni-qulqullinaa kun dhaadannoowwan dhibbaan lakka’amniin guutee guyyaa guyyaan mormiin akka gaggeeffamu kan agarsiisan dhaadannoowwan baayyeen ni dubbifamu.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Sababa kanaan, haalaafi amala addaa Kaaffee Witiyeer namoonni taajjaban ‘Kaaffee Aktivistootaa’ maqaa jedhu kennaniiruuf.

Namoonni bakka bashannanaa gara garaa yeroo deemanitti kan barame teessuma tokkoorra waliin taa’aniyyu saatii dheeraa bilbilasaaniirratti yeroo dabarsan mul’atu.

Kaaffee kana keessatti garuu namoonni akka mariyataniifi waliin dubbataniifidha kan dhufan. Kanaaf sababa kan ta’e tokko, kursiiwwan xixiqqaan Kaaffee kana keessatti hojjetaman maamiltoonni akka yaada wal jijjiiruu danda’an godhamee kan qophaa’e ta’uusaaniiti.

Namoonni carraa kamiiniyyuu waliin dubbachuu, wal falmuufi yaada wal jijjiiruu qabu jetti Milihiit.

Kaaffeen Witiyeer, Denver keessatti Ispereessoo Baarii Afrikaa tokkottii taatee waggoota kudhanii ol lakkofosisteetti.

Haati qabeenyaa Kaaffee kanaa Mihiltiin, “buna qofa osoo hin taane muuxannoo, haasaafi hariiroo uummachuu dabalateedha kan gurgurru,” jechuun turtii BBC waliin taasisteen ibsiteetti.

Dilbata waaree booda, Kaaffeen kun guyyoota kaanirraa haala adda ta’een namoonni baayyeen ni dhufu; sa’aatii lamaaf kan ta’u ammoo mata-dureen marii tokko filatamee mariin irratti gaggeeffama.

“Carraa kanaan namoonni walitti qabamnu walii walii keenya hin beeknu; haata’u malee, carraa kana qofa barbaadee namni dhufu baayyeedha. Afaan baafannee nama nu barbaachisa hin jennuuf malee wanti ta‘e nutti hir’atee akka jiru ta’uun isaa nuuf galeera. Kanaaf, maamiltoonni gara keenya yeroo dhufanitti haasaas barbadaniiti kan dhufan. Mariifi hariiroo hawaasummaa jajjabeessuuf carraaqqii ni taasifna,” jetti Milihiit.

‘Oolmaan guyyaan hunda keenyaa Afrikaatiin eegala'

Mihiliit osoo Kaaffee Witiyeer hin banatiin dura waggoota 10f gaazexeessituu taatee Ameerikaa bakkawwan gara garaa keessa hojjetteetti.

'Scripps Awards Newspaper Group'f dabalatee dhaabbilee miidyaa gara garaatiif hojjechuun filannoowwan pirezidantii Laayibeeriyaa, Itoophiyaafi biyyoota birootti gaggeeffaman, dhimmoota fayyaafi dhimmoota hawaasaa biroo gabaasaa turteetti.

Adeemsa keessa Ameerikaa keessatti namoonni baayyeen waa'ee Afrikaa yeroo dubbatan kan kaasan akka waraanaa, beela, godaansa... warra ta'an maqaa ardittii kan xureessan ta'uun isaa Kaaffee Witiyeer banuudhaaf sababoota ishee kakaasan keessaa ta'uusaa dubbatti.

Haata'u malee, "guyyaa guyyaan, Ameerikaa keessatti kan buna jaallatu ykn namoonni addunyaa garri caalan guyyaasaanii Afrikaatiin jalqabu. Nama buna dhugu yoo taate, yoo xiqqaate oolmaa guyyaakee kan jalqabdu kennaawwan Afrikaarraa ta'eenidha.

Kanaaf, bunni eessaa akka dhufu isaan barsiisuun barbaade; wanti isin jaallattan nu biraa isiniif dhufa isaaniin jechuun barbaade," jetti.

Dabalataanis, Kaaffeen kun rakkoowwan hawaasummaafi siyaasaa baayyee akka sanyummaa, walqixxummaan dhibuurratti qabsaa'uudhaaf mormiiwwan taasifaman deeggaruun Kaaffee haqni hawaasaa akka jiraatuuf tajaajiludha kan jettu Mihliit, Kaaffeen kun dhimmoota barnootaaf, sochii 'Black Life Matters', mirgoota dubartootaaf, akkasumas dhimmoota biroo kana fakkaatan akka tumsu ibsiti.

"Ameerikaa keessa sanyummaan yeroo turetti, nama Ameerikaa-Afrikaa yoo taate, bakka murtaa'e qofaa akka jiraattu ture kan hayyamamu. Bakka nuti jirru isa tokko ture. Suuqiiwwan hunduu, doktaroonni... gurraacha turan. Isaan booda hawaasichi yeroo walitti makamu garuu amma baayyinaan warra adiitu keessa jiraata.

Walqixxummaan dhibuu yeroo sanatti ture ifa waan tureef maaltoonni keenya maaltu akka darbe ni hubatu' kanaaf, hawaasichi wanta darbe sirreessuu barbaada, Tigraayiifi Itoophiyaaf kanan hawus isuma kanadha."

Haasaan garri caalan Kaaffee kana keessatti gaggeeffamu rakkoowwan dogongorawwan seenaa biyyattii darbe keessatti raawwataman sirreessuudhaaf gaheen tokkoo tokkoo keenyaa maal ta'uu qaba kan jedhan irratti kan xiyyeeffatan yoo ta'u, Kaaffeen kun yaadaawwan filannoo arguudhaaf bakka mijataa ta'uudhaan rakkoowwan furuu keessatti gahee mataasaa gumaacheera amantaa jedhu qabdi.

"Biyya keenya keessattis jallinawwan baayyeetu raawwatamu; haata'u malee, carraaqqiin kana sirreessuuf taasifamu hin jiru. Mariimti tokkollee yoo xiqqaate hin jiru. ' Akka ummataatti, akka biyyaatti dogongora hojjenneerra. Akkamiin haa sirreessinu? mariin jedhu osoo jalqabamee karaa fagoo deemnee ture.

Haata'u malee, wanti raawwatame kan hin jirre fakkeessuuf yaalla. Wanti ta'eeraa haa darbinu jedhama. Kun garuu dogongoradha; waliin dubbachuu danda'uu qabna.

"Wantotan ittiin Ameerikaa dinqisiifadhu keessaa tokko isa kanaanidha. Biyya jallinni itti raawwatame, keessumaa warra adiitiin keessaatii ishee tokkodha.

Haata'u malee, kana sirreessuudhaaf hayyamamoodha. Gama kanaan gandi keessa jirruufi Kaaffeen keenya bakka baayyee namatti tolu jira," jetti.

Gareen buna qabatanii

Imala gara Sudaan

A L I Onkoloolessa 24, 2013 waraaa kaaba Itoophiyaatti jalqabame hordofee, Kaaffeen Witiyeer waraana kana mormuudhaan buna Itoophiyaa dhiyeessuu dhaabee ture.

Mihliit yeroo waraanaa sanatti, Kaaffeen ishee hojii aktivistummaa yeroo hojjetu isheen ammoo hojii gaazexeessummaa hojjechuudhaaf jalqaba gara Sudaan deemte.

"Addunyaa qaroome keessatti namoonni maaliif haleellaan saalaa isaanirra gahaa? Daa'imman sababa maaliitiin miidhaan irra gaha? Sababa kanaan ture yeroofi maallaqa kiyya aarsaa godhee maaliif sadarkaa kanarra geenye, kana keessaa ammoo maaliin bahuu dandeenya? dhimmoota jedhanirratti namoota gaafachuudhaaf, senaateroota hubachiisuun jalqabe," jechuun ibsiti.

Biyyattii keessatti waggoota 20 fi 30 keessatti wal waraansiifi walitti bu'insi irra deddeebiin mudatu dhaabbachuu akka qabu dubbatti.

"Wanta mudate hunda ni daganna yaaddoo jedhun qaba. Sun hundi dagatamnaan garuu gara turretti deebina; waggaa 30 boodas dhalli koo gara Sudaanitti deebiti jechuudha. Ani kun akka ta'u hin barbaadu; yeroo hunda ammas gara kanatti deebinaa laata kan jedhu na yaaddessa".

Amma waraanni Tigraay ture dhaabbachuusaatiin Kaaffee kana keessatti qoqqobbinn buna Itoophiyaa ture ka'eera.

Mihliit, Sudaanitti dhalattee Koloraadoo-UStti guddatte. Dhalattee umuriin ishee waggaa 17 yeroo guutetti yeroo jalqabaatiif gara Tigraay ishee geessuu yaadatte.

"Maatiin kiyya namoota biyyasaanii jaallataniifi yaadan turan; ijoollee ta'ee wanti odeessan hunduu sammuukoo keessatti qabadhee waanan guddadheef gara Tigraay dhufee maatii hedduu yeroon argu ani eenyudha? Eessan dhufe" kan jedhu naaf gale. Aadaafi jaalala hawaasichaa yeroon arge, Tigraay waliin jaalalli na qabeeran jedhe," jechuun yaadannoo ijoollummaashee kaasti.

Waraana Tigraay keessa tureen miseensota maatii 14 dhabuushee dubbatti Mihiliit.

Amma jireenyi, "nama baayyee jireenya mararfatu ta'een of arga; yaaddoo yeroo gahaa hin qabu jedhu waanan qabuuf waanta hunda osoo yeroon isaa wanta sirrii ta'e hojjechuufan ka'adha," jetti.

Miseensonni hawaasa daayaasporaa waraanaan booda rakkoo keessoo baayyee dhalatan hiikuudhaaf gahee gaarii akka qabaatanis ni gaafatti.

"Ummata dammaqsuudhaan gargaaruun nurra jirra; mootummaa barbaadnu argachuu kan dandeenyu karaa akkasiitiinidha.

Addunyaarratti gaggeessitoota kan ta'an, biizinasootaafi wantota kaan kan hogananan, dhaloota kan ijaaran dubartoota hedduu beekna.

Garuu biyya keenyatti, keessumaa Tigraayitti aangoorra hin jiran. Maaliif jettee yoo gaafatte debiin hin jirani, hin barbaadan kan jedhudha. Kun anaaf qoosaadha.

Waan isaan hin argineef qofa hin jiran jechuu miti. Jiru; qaawwa kana duuchuudhaaf hojjechuu qabnda," jechuun dubbatti.

Hundaa ol amma garuu, "Tigraayiif kanan nagaafi gammachuudha. Namoonni waa'ee nyaataa, nageenyaa ykn hanqina qabeenyaaf akka yaadda'an hin fedhu. Hawwiin kiyya isaaniif gammachuudha," jetti.

Buna

Waa'ee nyaata bilcheessuufi filannoo nyaataa

Mihliit haadha ijoollee afuriiti. Hoggantoo pirojektootaafi biizinasoota baayyee, akkasumas Koloraadootti pirezidantii waldaa dhalattoota Tgraayidha.

Seenaa namootaa dhaggeeffachuufi barreessuu akka jaallattu dubbatti.

Yeroo ammaa kanaa ogeessota namoota nyaata bilcheessan biyyoota gara garaa keessa jiran (gara caalu Ameerikaa kaabaa kessaa)gaaffiifi deebii taasisuun akkaataa nyaata qopheessanirratti kitaaba qopheessuurratti argamti.

Kun ammoo namoonni waa'ee nyaataarratti ilaalcha hin taane akka dhiisaniifi nyaata waliin ilaalcha gaarii qabaachuu akka danda'aniif irratti xiyyeeffattee kan hojjechaa jirtu Mihliit, qajeelfama nyaata qopheessuu nyaata jaallatamoo Sheefotaa adda baasuun hojjechaa jirti.

Kitaabichi waa'ee "nyaataafi warraaqsaati" jechuun keessumaa Tigraay keessatti nyaata ilaalchisuun "ilaalchi dogongoraa' qabu kan jettu jijjiiruurratti hojjechaa akka jirtu dubbatti.

Kitaabashee qopheessaa jirtu keessatti akkaataa nyaata qopheessuu garri caalaan haadhasheerraa akka ta'e kan dubbattu Mihliit, kutaan walakkaa kitaabichaa ammoo nyaataa qopheessuurratti gaaffiifi deebii namoota nyaata hojjetaniifi seenaa isaanii kan qabatedha.

"Kitaabni kun waa'ee nyaataa ilaalcha qabnu jijjiiruuf, akkasumas akkamitti akka as geenye akka hubannuuf nu gargaara.

Aadaa keenya keessatti maaliif akkas jenna? Nyaata meeshaa waraanaa godhachuu waliin hariiroon jiru maalidha? kanneen jedhan kaasa jetti.