Dubaayitti mana nyaataa waggoota 26f nyaata aadaa Itoophiyaa beeksisaa jiru

Mana-nyaataa AL-Habash

Madda suuraa, AL HABESHA/YOUTUBE

Lammiilen Itoophiyaa hedduu Dubaay deemanii nyaata Itoophiyaa yoo dharra’an mana nyaataa kanatti goruun baramaadha. Manni nyaataa kun bulchiinsawwan Yunaayitid Arab Emireetis garaa garaa keessatti damee sagal banuun nyaata Itoophiyaa beeksisaa jira.

Manni nyaataa kun al-Habashaa yoo jedhamu, akka har’atee bal’atee reestorantii beekamaa osoo hin ta’iin dura mana nyaataa xiqqoodhan akka eegalan dubbatu Aadde Saaraa Araadii turtii BBC waliin taasisaniin.

Dameewwan saglan mana nyaataa kana keessatti lammiilee biyya garaa garaa 40 ol ta’an qacaranii hojjachiisu Aadde Saaran. Hojii nyaata aadaa Itoophiyaa kanarraa qabeenya miliyeenan lakkaa’amu horachuu kan himan Aadde Saaraan, sadarkaa kanarra gahuuf bu’aa bahii heddu keessa darbaniiru.

Aadde Saaraan yeroo ganna 21 bara 1985 ALItti dolaara 500 kan hin caalle qabatteeti gara Dubaay kan imalte. Umurii xiqqummaarraa eegalee nyaata bilcheessuu waan jaalattuuf hojiidhuma kan milkeessuufi jalqabayyuu garas kan imalte.

Hiriyaanshee baay'ee wal-jaalatan dursitee Dubaayi deemte, "koottuu mana nyaataa bani yeroo gabaabaa keessatti jijjiiramtaa" jettee waamte.

Waamicha hiriyaashee fudhattee gara Dubaayi qajeelte. Achi geessee mana itti hojjattu gaafa kireeffattu, kiraa manaa kan ji'a lamaa dursitee akka kaffaltu itti himama. Dalaalonni abbaan manaan wal-qunnamsiisan lammiilee Itoophiyaati.

Maallaqa Dirhaama 10,000 kiraa manaaf itti kennite dallaalonni Itoophiyaa jalaa fudhatanii badan. Mallaqa deebitee kaffaltu waan hin qabneef Saaran abdii kutattee gara Itoophiyaatti deebite.

Dubaayitti hojjatanii jijjiiramuun akka danda'amu barteetti; erga dallaalonni Itoophiyaa maallaqa jalaa fudhatanii badanii waan ittiin hojii eegaltu dhabuusheetu danqaa itti ta'e.

Maallaqa muraasa erga walitti qabattee booda gara Dubaayitti deebite.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Bara 1991 ALItti Dubaayitti "Mana Nyaataa Al-Habashaa Itoophiyaa" jedhu bante. Yeroo sana lakkoofsi lammiilee Itoophiyaa Dubaayi jiraatanii muraasa waan turaniif maamiltoonni mana nyaatashee dhufan xiqqaadha. Kanaaf xiyyeeffannoonshee nyaata qopheessitee manatti namaaf erguu ture.

Yeroo sanatti nama biraa qacartee hojjachiisuf humna maallaqaa waan hin qabneef hojii hundumaa ofiif hojjatti turte.

"Maanni nyaataa akka na jalaa hin cufamneefi maamiltoonnin barsiise akka na jalaa hin bittimneef jedheen dahee ji'a sadaffaatti hojiitti deebi'e," jetti Saaran. Abbaan warraashees bira dhaabbatee yeroo hamtuu jala akka baates himti.

"Ani gara hojii yeroon deemu, abbaan warraa kiyya manaa mucaa naa qaba, hojiin keenyas akka toora qabatuuf na jajjebeessa ture," jechuun abbaan warraashee guddoo akka ishee bira dhaabbate himti.

Hojii nyaatan alatti Itoophiyaatti mana elektiroonikii banuun kaaseettiwwan VHS fiilmiwwan Hindii itti fe'aman gara Itoophiyaatti erguu eegalte.

Maamiltoonni heddus kaaseeta isheen gara Itoophiyaatti ergitu irraa bituu eegalan. Itoophiyaatti ambasaaddarri Hindii maamilootashee keessaa tokko turan akka isheen jettutti.

Boodarra ammoo bilbilaafi kishaafa ijaa fa'aa gara Itoophiyaatti erguus eegalte. Manni nyaataashee gaafa maamila horachuufii eegalu humnashee guutuu gara mana nyaatatti deebisuu filatte.

Saaraa Araadii maatiifi firootawaliin

Madda suuraa, Saaraa Araadii

Manni nyaataa Al-Habashaa waggoota 26 darban keessatti badhaasa garaa garaa argateera.

Saaran manni nyaataashee baramaa gaafa dhufu namoota biroo qacartee hojjachiisuu eegalte. Ofiisheemmoo gara hojii gaggeessummaafi to'annootti ceete.

Yunaayitid Arab Emireetis adeemsa keessa lammillee biyya alaaf balbala banaa iddoo daldalaa mijataa ta'aa adaduma deemtu, lammiilen Itoophiyaa heddus garas imaluu eegalan.

Kuni ammoo lammiilen Itoophiyaa maamila mana nyaataa Saaraa akka ta'an taasise. Isheenis bulchiinsawwan Emireetis kanneen akka Abu Daabii, Ajmaan, Shaarjaa, fi Raas Alkeemaa fa'aatti damee banuu eegalte.

Haati qabeenyaa mana nyaataa Al-Habas badhaasa yeroo fudhattutti

Madda suuraa, AL HABESHA/YOUTUBE

Saaras ta'ee lammiilen Itoophiyaa biroo hojii nyaataa irratti bobba'an kan isaan yaalanii dadhaban Dubaayitti biddeen tolchuudha.

Dubaayitti biddeena yoo tolchan ni dafee goga, bifa jijjiirata. Tarii rakkoon bishaan ta'innaa jedhanii ilaaluf jecha bishaan Finfinneedhaa geessanii yaalanis hin milkoofne.

Kanarraa kan ka'e manneen nyaataa Itoophiyaa Dubaayi jiran biddeena Itoophiyaatti tolfamee ergamu fayyadamu. Haati qabeenyaa Mana Nyaataa Al-Habashaa Finfinneedha mana buddeen itti tolchan qabdi. Namoota 20 buddeen tolchan qacartee hojjachiifti.

Biddeenni Finfinneetti tolfamu guyyaa guyyaan Dubaayitti ergama; achii ammoo kutaalee Yunaayitid Arab Emireetisitti raabsiti. Kuni hojii guyyaa guyyaan hojjatamuudha.

Ofiif qofa osoo hin taane, manneen nyaataa biroofis biddeena ni raabsiti. "Amma biddeenni fayyummaaf gaaridha jedhamee waan amanamuuf, Araboonnis dhufanii ni fudhatu," jetti Saaran.

Restorantiin Al-Habashaa erga banamee hanga ammaatti lammiilen Itoophiyaa hanga 1000 ta'an qacaramanii akka hojjatan kan himtu Saaran, "kanneen gara biyyaa deebi'an keessaa 50 ol kan ta'an dhaabbata mataasaanii bananii bakka guddaa gahaniiru" jetti.

Nyaata qofa osoo hin taane aadaa Itoophiyaa barsiisuu keessattis gumaata guddaa akka qabdu dubbatti Saaran.

"Ambaasaaddaroota hanga yoonaa jijjiiraman caalatti biyya koo akkan beeksisetu natti dhagahama," kan jetti saaran lammiilee biyya garaa garaa qacaramanii ishee bira hojjatan keessaa kaan Amaariffa bareechanii kan dubbatan akka jiran himti.

Lammii Baangilaadish kan ta'e Daadun mana nyaataa Al-Habashaa keessa waggoota 16f qacaramee hojjataa ture. Amma konkolaachisaa ta'ee biddeena Finfinneedhaa ergamu fuudhee bulchiiinsa Emireetisitti raabsa. Amaariffa akkuma nama Itoophiyaatti bareechee haasa'a.

Saaran abjuushee waggaa 30 jalqabdetti milkooftetti. Bakka hojjattee itti jijjiiramte, Dubaayi akka biyyasheetti ilaalti.

Itoophiyaa keessattis hojiiwwan tola ooltummaa garaa garaa irratti ni hirmaatti. Haalli nageenya biyyaa gaafa fooyya'e gara Itoophiyaatti deebitee kana caalatti namoota gargaaruu irratti hirmaachuf abjuu qabdi.