Naannoo Amaaraatti aanga'oonni mootummaafi poolisiin rasaasaan ajjeefaman

Naannoo Amaaraatti Caamsaa 31, 2020 aanga'oonni motummaa lamaafi miseensi poolisii tokko hojii seera kabachiisuurra wayita jiranitti namoota seeraan ala meshaa hidhataniin itti dhukaafameen lubbuun darbuu Biiroo Komunikeeshinii naannichaa beeksiseera.

Taateen kun naannicha keessatti guyyaadhuma tokko bakkeewwan adda addaattii - aanaa Raayyaa Qobboofi magaalaa Baahir Daaritti uumame.

Walloo Kaabaa aanaa Raayyaa Qobbootti bulchaan aanaafi itti-gaafatamaan waajira bulchiinsaafi nageenyaa labsii yeroo muddamaa tatamsa'ina weerara koronaavaayirasii ittisuudhaaf labsame akka hojiirra oolu gochuuf bobba'anii osoo jiranii, namoota seeraaf hin bitamnu jedhaniin itti dhukaafamee lubbuun isaanii darbeera jedha gabaasni Biiroo Komunikeeshinii.

Kana malees, guyyaama kanatti magaalaa Baahir Daar naannoo Sabaattihamiit jedhamutti, miseensi poolisii tokko yeroo namoota boo'icha irra turan rasaasa dhukaasanitti akka hin dhukaasne wayita gochuuf yaaletti, nama meeshaa waraanaa seeraan ala hidhataniin itti dhukaafamee lubbuun isaa darbeera.

Ajjeechaa kanaan walqabatees haamiin dhaga'amaa jirachuu akka hubate kan hime Biiroon kun, wanti odeeffamaa jiru maal akka ta'e osoo hin himiin garuu dharadha jedheera.

Kana waan ta'eefis ummanni naannichaa oduu jette jettee akkasiirraa fagaachuudhaan haqa waliin akka dhaabbatuufis gaafateera.

Namoota gocha seeraan alaatti bobba'an saaxiluudhaan ol-aantummaan seeraa akka kabajamuufi haqxi akka mirkanaa'uuf gahee isaanii akka bahataniif ummataaf waamicha dhiyeesseera mootummaan naannichaa.