Naannoo Amaaraa Magaalaa Innawaariitti dargagoonni garee wal'aansaafi waldaa amantootaarratti haleellaa raawwatan

Naannoo Amaaraa Godina Shawaa Kaabaa, Aanaa Moratiifi Jirruutti garee tajaajila fayyaa bilisaa kennuuf gara Magaalaa Innawaarii imalee ture wangeela lallabaniiru jechuun dargaggoota naannichaatiin miidhaa irratti raawwatamuu ajajaan poolisii aanichaa BBC'tti himan.

Gareen fayyaa gara magaalattiitti imalee lammiilee biyya alaa 18 dabalatee miseensoota 200 ol kan hammate ta'usaa Inspeekarri Olaanaa Wagaayyahu Boggaalaa BBC'tti himaniiru.

Insipektarri Olaanaan kun itti dabaluun garee kunis tajaajila fayyaa kennuuf gara naannichaa kan gahan guyyaa Sanbataa ta'u dubbatu.

Guyyaa Dilbataatii kaasees buufata fayyaa Innawaariitti argamuun tajaajila wal'aansa fayyaa bilisaa kennaa kan ture yoo ta'u, tajaajilamtoonni baadiyyaafi magaalota irraa tajaajila argataa turan wal'aansa fayyaa maddiitti lallabni wangeelaa akka ture himu.

Gareen kunis tajaajilicha kennuuf gara sana kan imalanii turan Dilbataa hanga Jimaataatti yoo ta'u, bufata fayyaa biratti dunkaana buufachuun wangeela lallabaa turuu himu.

Jiraattoonni magaalattii kun maaliif ta'a jechuun mormuu kan dubbatan itti gaafatamaan dhimmoota Komunikeshinii Mootummaa Aaanaa Moratiifi Jirruu kan ta'an Obbo Daanyee Amtaataawu, komii ummataa fudhachuun akka wangeela hinlalabne taasisuuf yaaluu dubbatu.

Inispektarri Olaanaa Wagaayyahu gama isaanitiin, ummanni wangeelli lallabamu osoo dallaa waldaa Pirotesitaantii keessatti raawwatamee rakkoo hinqabaatu jechuun kan buufata fayyaa keessatti dunkaana buufatamuu raawwatame isaan aarsuu ibsu.

Kana malees, tajaajilichi Dilbata irraa kaase hanga kaleessaatti nagaadhumaan kenamaa kan ture ta'ulleen, dargaggoonni baadiyyaafi magaalattii irraa walitti qabamuun dhufan dhagaadhaan dunkaanichaa fi waldaa Mulu Wangeelii irratti reebuufi ibiddaan gubuu ibsaniiru.

Obbo Daanyeen gama isaanitii namoonni gochicha raawwatan tibba sanatti to'annaan ala turan jechuun, haala rakkinichi to'annoon ala osoo hinbaanee to'achuuf yaalii taasifamee ibsaniiru.

Inspektarri Olaanaa Wagaayyoo itti dabaluun, xiyyeeffannaan keenya inni guddaan miidhaan akka oggeessootaafi jaalleewwan isaanii tajaajila fayyaa kennuuf gara magaalatti dhufan ittisu ture jedhu. Sanas raawwachu kan danda'an ta'u himuun, garichi akka hinmiidhamneef hanga magaalaa Dabra Birahaaniitti dabaaluun gaggeessuu ibsu.

Pirezidaantiin Waldaa Mulu Wangeelii kan ta'an Magaabbii Yilmaa Mulugeetaa gama isaanitiin waldaa magaalaa Inawaari keessa waggoota 20 darbaniif ture irraan miidhaa qaqabsiisuun saaamuu BBC'tti himan.

Kana malees, miidhaan kan raawwatamee finxaalleeyyiin kan jedhan yoo ta'u, qabeenyaan saamamuu, namoonni sadi reebamanii hosipitaala galuufi balaan ibiddaa qabamuu dubbataniiru.

Inspektar Waggaayahuu gama isaaniin, waardiyyaan tokko dhakkaadhaan reebamuun miidhaan irra gahuu dubbatanii, dunkaanni, kaampiin keessummoon keessa turaniifi uffanni akkasumas waajiraaleen Waldaa Mulu Wangeel dura ture gubbachuu mirkanneessaiiru.

Haala umamee kanaan wal qabatees hanga ammaatti namni shakkamuun to'annaa jala olfame tokkolleen akka hinjirree himuun hordoffii taasisuun ragaa walitti qabaa jiraachu himaniiru.

Hordoftoonni amantaa reebamuu

Hordoftoonni amantichaa reebaman sadii ta'uu kan himan Maggaabii Yilmaan waardiyyaa waldichaa reebuun meeshaa harkaa butanii haleellaa raawwachuu himu.

Akka isaan jedhanitti, kanneen tajaajila fayyaa tolaan kennuu dhufan waldicha waliin homaa wanti walitti isaan fidu hin jiru jedhan.

Pirezidantiin Waldaa Muluu Wangeelii Maggaabii Yilmaan galmi itti waaqeffamu, akkasumas kutaawwan jaha biiroof tajaajilan walumaagala miiliyoona 1'tti tilmaamaman gubatuu himan.

Haaluma wal fakkaatuun ji'a darbe Guraandhala 25fi 26 Naannoo Kibbaa Godina Guraagee magaalaa Ambaa Katamaa jedhamutti waldaa Muluu Wangeelaarratti miidhaan dhaqqabuu ibsaniiru.

Balaan kunis halkan sa'aatii 3:30'tti dhaqqabu kan himan Maggaabii Yilmaan kanneen rakkoo kanaan yaaddoo seenan bakka biraatti baqatan akka jiranis himaniiru.

Kana dura manneen amantii Ortodoksii akkasumas kan muslimaa irrattillee rakkoon gaheera.

Ministirri Muummee Abiy Ahimad erga gara aangootti dhufani jijjiirama hedduu taasisanis waldhabdeen sabaafi amantii rakkoo itti uumeera.