Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Waraana Yuukireen: Loltootni Yuukireen magaalota ishee bahaa keessaa bahuu hin oolan jedhe qolndaalli tokko
Loltoonni Yukireen magaalaa guddittii Bahaa Severodonetsk jedhamtu kan humnoonni Raashiyaa naannichatti dhihoo jiran keessaa bahuu akka danda'an qondaalli achi jiru tokko dubbatan.
Bulchaan magaalaa Luhaansk Serhiy Haayidal lammiileen Raashiyaa kutaa magaalattii keessa akka jiran himaniiru.
"Loltootni achi keessatti akka hin marfamnef bahuun dirqama ta'uu ni danda'a."
Waraanaa kaayyoo kan godhatte Raashiyaan naannoo Bahaa Donbaas guutuu dhuunfachaa jirti.
Yukireen tarkaanfii Raashiyaan fudhatte kana qolachuuf meeshaa waraanaa fageenya dheeraa deemuu danda'u kadhachaa jirti, garuu Ameerikaan hanga ammaatti hin dhiheessine.
Jimaata darbe Ministirri Muummee UK Booris Joonsan, Yukireen sirna rookkeettii fageenya dheeraa dachaa furguggisuu barbaaddi jedhan.
''Puutiin ofiifis ta'e waraana Raashiyaadhaaf baasii guddaa baasuun, Donbas keessatti lafa dhaha jedheen sodaadha,'' jechuun Bloombergitti himaniiru.
"Waraanichi suuta suutaan, ittuma guddachaa jira, kanaafuu Yukireen waraanaan deeggaruun keenya guutummaatti murteessaadha."
Severodonetsk keessatti Mr Haidai manneen jireenyaa walakkaa ol kan barbadaa'anii fi gamoolee achi jiran hundi jechuun karaa danda'amuun miidhamaniiru jedhan. Jiraattonni hafan hundi dahoo keessa turan.
Daandiin magaalattii keessaa bahuun gara naannoo Yukireen qabdutti geessu ibidda yeroo hunda jala ture garuu ammallee darbuun danda'ama jedhan.
Akkasumas Jimaata darbe humnoonni Raashiyaa deeggaran magaalaa Liimaan kan Severodonetsk irraa gara dhihaatti argamtu qabachuun gara magaalota gurguddoo Slovyansk fi Kramatorsktti tarkaanfachuuf haala mijeesse.
Donbaas Dhiibbaa jala jirti
Liiman mataan ishee magaalaa guddaa miti, garuu Raashiyaaf daandii furtuu bahaa-dhihaa to'achuuf gargaartudha..
Akkasumas amma magaalaa Slovyansk irraa 20km (12 miles) keessatti, gara kibba-lixaatti argamu jechuudha. Slovyansk Yukireeniif wiirtuu geejjibaa fi dhiyeessii guddaa yoo taatu, torban muraasa dura tajaajilli geejiba baabura achitti imaluu dhaabeera.
Lolli guddaan inni biraan gara bahaatti daran kan argamu yoo ta'u, humnoonni Raashiyaa magaalota lamaan Severodonetsk fi Lysychansk jedhaman irratti xiyyeeffachaa jiru. Kunneen magaalota barbaachisoo gidduugala indaastirii Yukireen Donbas jedhamuun beekaman yoo ta'an, isaan dhabuun waraana Yuukireeniif miidhama guddaa ta'a.
Dirree waraanaa irraa fagaatanii, Pirezidaantiin Raashiyaa Vilaadmiir Puutiin Yukireen marii nagaa himataniiru, Chaansilara Oostiriyaa Kaarl Nehammer godhan ''sabotage'' goote jechuun himataniiru.
Akka ibsa Moskoon kennitetti, Puutiin biyyi isaanii buufata doonii Yukireen uggurtee dhiyeessii nyaataa addunyaa jeeqxe jedhamuun himatamuun soba tahuu himuun, sababni dhugaa qoqqobbii Ameerikaa fi Gamtaa Awurooppaatiin kaa'ame ta'uu ibsan.
Weerarri Raashiyaa yeroo dhiyootti rakkoo nyaataa addunyaa waggootaaf turuu danda'u fiduu akka danda'u UN akeekkachiiseera. Dhiyeessii midhaanii akka boqqolloo fi qamadii akkasumas zayita nyaata bilcheessuun addunyaa irratti dhiyaatu hir'isuun gatiin nyaataa kaanii akka ol ka'u taasiseera.
Gatiin nyaataa addunyaa yeroo walfakkaatu bara darbee irraa gara %30 ol ta'uu UN ibseera.
Gama biraatiin ammoo damee Moskoo Waldaa Ortodoksii Yukireen sababa Paatriyaarkiin Mana Kiristaanaa Ortodoksii Raashiyaa waraana kanaaf deeggarsa taasisaniin hariiroo Raashiyaa waliin qaban addaan kutuuf jira jedha.
"Ejjennoo Paatriyaark Kiril Moskoo... waraana irratti qaban irratti walii hin gallu," jechuun Manni Kiristaanaa ibsa baaseen himeera.
Akkasumas "walabummaa fi ofiin of bulchuu guutuu Mana Kiristaanaa Ortodoksii Yukireen" labseera.
Yukireen Mana Kiristaanaa Ortodoksii Raashiyaatiif iddoo guddaa kan qabdu yoo ta'u, mana qulqullummaa barbaachisoo hedduu qabdi. Kutaan Waldaa Ortodoksii Yukireen bara 2019 keessa duraanuu Moskoo irraa adda bahee ture.