Waraana Yuukireen: Raashiyaan Kibba Yuukireen fudhachuuf karoorsiteetti-Jeneraala Raashiyaa

Raashiyaan guutummaa Kibba Yuukireenii fi Baha Doonbaas fudhachuuf akka jettu ajajaa ol aanaan waraanaa Raashiyaa tokko dubbatan.

Mej Jeneraal Rustaam Minekaayev miidyaa mootummaa irratti galmi keenya Moskoon lafa Kireemiyaa waliin wal qabsiisu qabachuudha jedhan. Kireemiyaan lafa Yuukireen bara 2014 gara Raashiyaatti cittedha.

Akkasumas lafti kun qabamuun garee finciltootaa Tiraansitiriyaa jedhaman kan Raashiyaan deeggartu Moldoovaa keessa jiraan waliin wal qunnamuuf garaara jedhan.

Tiraansitiriyaa naannoo xiqqoo karaa Lixaa Yuukireen daangessitudha.

Dubbiin ajajaa waraanaa kanaa ifatti Kiremliin balaaleffachuu ishee waan beekamu hin jiru. Garuu miidiyaalee Raashiyee hedduudhaan wabeeffatamee gabaafameera.

Qondaalonni humna ittisaa Raashiyaa gaazexessaa BBC Istiiv Roozenbergitti akka himanitti ''dubbii ajajichaa ni ilaalla'' jedhan, yoo dubbiin kun dhugaa tahe karoora Raashiyaan torbanoota dhufan keessa qabatte kan akeeku taha.

Qondaalli Gamtaa Awurooppaa tokko Rooyitarsitti akka himetti Raashiyaan torbanota dhufu keessa haleellaa Kibba Yuukireenii fi bahaan gaggeesitu cimsitee itti fufti.

Moldovaan dubbii kana irratti ambaasadara ishee Mooskoo jiran biyyatti waamte. Ministeerri Dhimma Alaa isaanii dubbii kanaan ''hedduu yaadda'uus'' ibsaniiru.

Naannoon Tiraansitiriyaa kan Yuukireeniin lixaan daangesitu uummata afaan Raashiyaa dubbatan qabdi.

Kufaatii Sooviyeet Raashiyaan booda waraana hamaa gaggeessuun walabummaa siaanii labsatanis akka idil adunyaatti beekamtiin hin kennamneef. Kanaaf qaamuma Moldovaa tahuun itti fufanii jiru.

Akkaataa waliigaltee dhukaasa dhaabuu bara 1995 tahetti loltootni Raashiyaa gara 1,500 tahan naannicha keessa buufataniiru.

Jeneral Minekayev, itti aanaa ajajaa waraana gidduugaleessaa Raashiyaa yoo tahan Jimaata darbe ture sagantaa humna waraanaaf qophaa'e irratti kan dubbatan.

''Kibba Yuukireen qabachuun hulaa gara Tiraansitiriyaatti baanu biraa tolchuudha, naannoo uummatni afaan Raashiyaa itti dubbatu biraan keessatti cunqurfamaa jirudha,'' jedhan.

Puutin akkasuma himata wal fakkaataa dhiyeessaniiru garuu ragaa kennan hin qaban.Putin uummatni afaan Raashiyaa dubbatu Yukireen keessaa cunqurfamaa jira jedhee ture osoo weeraricha hin eegaliin. Dubbii ajajaa waraana raashiyaa kanas humni ittisaa Yuukireen balaaleffateera.