Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Waraana Yuukireen: 'Looltoonni Raashiyaa ana gudeedanii, abbaa manaakoo ammo ajjeesan'
Humnootiin Raashiyaa naannolee magaalaa gudditti Yuukireen Kiiv gadhiisanii ba’aniiru, garuu jiraattota irratti godaannisa dhiisanii deeman. BBC’n ragaa dubartoonni Yuukireen loltoota Raashiyaan gudeedamuu agarsiisu argateera.
Ganda Kiiv irra gara Lixaatti km70 fagaatee jiru keessatti, dubartii umurii ganna 50 Aanaa waliin haasofnee turre. Eenyummaa ishee eeguuf jecha maqaa ishee geeddareerra.
Bitootessa 7 abbaa warraa ishee waliin mana utuu jirtuu, loltoonni cabsanii itti seenuu isaanii Aanaan BBC’tti himteetti.
"Qawwee natti qiyyaafatee, mana dhiyoo jiru tokkotti na fuudhee deeme. ‘Uffatakee ofirraa baasi ykn sin ajjeesa’ jedhee na ajaje. Wanta inni jedhu hin godhu yoon ta’e akka na ajjeesu natti himuun na dorsiisuu itti fufe. Sana booda na gudeeduu eegale," jetti.
Aanaan namni ishee gudeede kun dargaggeessa qal‘aa, loltuu Chichiiniyaa Raashiyaaf lolan akka ta’e ibsiti.
"Utuu inni na gudeeduu, loltoonni biroo afur ol seenani. Naa dhume jedheen yaade, garuu isa fuudhanii gadi baasani. Sana booda isa hin agarre," jetti. Namootni ishee olchan kun loltoota Raashiyaa gartuu biraarra dhufan akka ta’an amanti.
Aanaan yeroo manatti deebitu, abbaan manaa ishee miidhame argatte. Garaa isaarra rasaasaan rukutameera.
"Na oolchuuf jedhe na duuba fiiguu yaalee ture, garuu rasaasaan rukutame," jetti.
Sana booda lamaanu mana ollaa isaani keessa da’atanii taa’an. Sababa waraana jiruun abbaa warraa ishee mana yaalaatti geessuu hin dandeenye. Guyyaa lama booda sababa madaa isaan lubbuun isaa darbe.
Aanaan yeroo seenaa ishee kana nutti himtu boo’icha adda hin kutne. Mana isaanii duubatti ishee fi ollootiin ishee bakka itti abbaa warraa ishee awwaalan nutti agarsiisteetti.
Bakka awwalchaa kanarra fannoon muka irraa hojjetame dhaabbatee jira. Aanaan mana yaalaa naannoo ishee jiru waliin wal qunnamtee wal’aansa xiinsammuu argachaa akka jirtu ibsiteetti.
Looltoonni ishee oolchan guyyootii muraasaaf mana ishee kessa buufatanii turan. Qawwee itti qabanii mi’a abba warraa ishee akka kennituufiif akka gaafataniin himti.
"Yeroo isaan deeman, qoricha sammuu hadoochuu fi miira saa-qunnamtii kakaasu gatanii deeman argeera. Yeroo hedduu machaa’anii oolu. Hedduun isaanii ajjeestota, gudeedtotaa fi saamtotadha. Muraasa qofatu nama gaariidha," jetti.
Mana Aanaa irra xiqqoo gadi siqne, seenaa sukkaneessa biraa dhageenye.
Dubartiin tokko gudeedamtee akka ajjeefamte himama. Akka olloonni jedhanitti nama Aanaa gudeedetu yakka kana raawwate, gara mana Aanaa deemuu isaa dura.
Dubartiin ganna 40’n keessa turte kun mana ishee keessaa baafamtee, kutaa ciisichaa mana biraa, kan yeroo waraanni eegaleetti namootni keessa baqatanii ba’anitti akka geeffamte ollootni ni himu.
Kutaan ciisicha kun halluu babbareedaa qabu ture, amma bakka yakki hamaan itti raawwatame ta’eera. Firaashii fi uffata siree irra dhiigni lola’e ni mul’ata.
Daawwitii kutaa ciisicha kana keessa jiru irratti ergaan halluu hidhii dibatan ykn lippiistikiin barreeffame - "namoota hin beekamneen dararamtee, loltoota Raashiyaan awwaalamte," jedha.
Ollaan ishee Oksaanaa, ergaa kana kan barreesse loltoota Raashiyaa reeffa ishee erga arganii ishee awwaalan akka ta’e himaniiru.
"Looltonni kun, akka isheen gudeedamtee fi erga waraanamtee booda dhiigni ishee hedduu dhangala’ee akka duute natti himani. Dhiigni baay'ee dhangala’ee akka ture natti himani," jedhu.
Dubartiin kun lafa biqiltuu dhaaban mana ishee booroo jiru keessatti awwaalamte.
Daawwanaa keenya guyyoota muraasaa booda, poolisiin qorannoo gaggeessuuf reeffa ishee yemmuu baasan, reeffi ishee qullaa ta’eefi morma isheerratti madaa bal’aa fi dheeraa argataniiru.
Hogganaan poolisii bulchiinsa Kiiv, Andirii Nebiitoov, yakka biraa magaalattii irraa ganda km 50 fagaatte jirtu keessatti qorannoo gaggeessaa akka jiran BBC’tti himaniiru.
Maatiin miseensa sadii – abbaa, haadhaa fi daa’ima isaani mana qarqara gandichaa jiru keessa jiraatu turani.
"Bitootessa 9 loltoonni Raashiyaa hedduun mana isaanii yemmuu seenaanitti, abbaan daa’imasaa fi haadha manaa isaa olchuuf yaalee ture. Kanaaf borootti isa baasani rasaasaan isa rukutan," jedha Nebiitoov.
"Sana booda loltoonni lama irra daddeebiin hadha warraa gudeedani. Ba’anii deemanii, achimmoo deebi’anii dhufu. Ishee gudeeduuf jecha si’a sadii deemanii, deebi’ani. Yoo isheen didde daa’ima ishee akka miidhan itti himuun ishee doorsisu. Ilma isheef jecha homaa ofirraa isaan hin lolle."
Looltonni kun dhumarratti, mana jireenya kana gubanii, saroota maatii kanaa rasaasaan rukutanii deeman.
Dubartiin kun ilma ishee waliin baqattee poolisiitti wanta uumame himateetti.
Nabiitoov fi gareen isaa mana gubatee barbaada’e kana keessaa ragaalee funaanaa jiru.
Abbaan manaa ollotii isaan, lafa biqiltuu dhaaban qe'ee keessa jirutti awwaalama. Amma poolisiin qorannoof jecha reeffa isaa qotanii baasaniiru.
Dhimma kana mana murti idil-addunyaatti dhiyeessuuf karoorfataniiru.
Yuukireenitti Abbagaar uummataa kan mirga namoomaa, Liyudmilaa Denisovaa, dhimmoota walfakkataa akkanaa hedduu irratti ragaa funaannachuu ibsiteetti.
“Yeroo weeraraa kanaatti mana magaalaa Buchaa jiru tokko keessatti, shamarranifi dubartoonni 25 umuriin isaanii ganna 14 hanga 24 ta'u gudeedamaniiru. Isaan keessa sagal ulfaa’aniiru," jetti.
"Looltoonni Raashiyaa, ijoolleen lammii Yuukireen akka hin dhalanne goochuuf, hanga isaan dubartoonnifi shamarran kunneen dhiira biraa waliin ta’uu jibbaniitti akka isaan gudeedan itti himuun isaan doorsisu ture."
Sarara bilbilaa gargaarsaa fi chaanalii Telegiraamii irratti odeeffanno hedduu argachaa akka jiran himteetti.
"Shamarreen gana 25 nuuf bilbiltee obboleettiin ishee ganna 16 fuldura isheetti akka gudeedamte nutti himteetti. Yeroo obboleetti ishee gudeedanitti 'sagaagaltuu Naazii hunda irratti kanatu ta'a' akka jedhan himteetti" jetti Denisoovaan.
"Yeroo ammatti namni hundi wanta irra ga’e himuu waan hin hin feeneef cimaadha. Hedduun isaani gargaarsa xiinsammuuf bilbilu, kanaaf seenaa nutti himame kana hanga isaan seeraan dhugaa ba’ummaa isaanii nuuf kenannitti akka yakkaatti galmeessuu hin dandeenyu,” jetteetti.
Yuukireen kan barbaaddu, Dhaabbati Biyyoota Gamtoomanii Vilaadimiir Puutiniin gudeeddii dabalatee himannaa yakka waraanaan seeratti akka dhiyeessudha jetti.
"Puutiiniin kun maaliif uumamaa jira jedhee gaafachuun barbaada," jetti dubartiin gudeedamuu ishee nutti himte Aanaan.
"Naaf hin galle, bara durii keessa jiraachaa jirra miti, maaliif walii galteerra hin ga’u? maaliif nu weeraree nu ajjeesa?"