Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Ijoolleen dubaraa Vilaadimiir Puutin eenyu? Waa’ee maatii Putiin maal beekna?
Pirezidaantiin Raashiyaa, Vilaadmir Puutin, gaaffii waa’ee maatii isaanii irratti ka’u yeroo baay'ee hin dubbatan.
Bara 2015, ibsa miidiyaaleef kennan irratti, eenyummaa ijoollee isaanii ilaalchisee gaaffii ka’eef deebii sirriitti hin kenniin bira darban.
“Ijoolleenkoo dubaraa Raashiyaa keessa jiraatu, barumsa isaaniis Raashiyaa keessatti qofa hordofani, baayyeen isaaniin boona,” jedhan.
“Afaan biyya alaa sadii sirriitti dubbachuu danda’u. Waa’ee maatiikoo eenyu waliinuu hin haasa’u.”
“Namni kamuu carraa isaaniif mirga qabu, jireenya ofii isaanii mataa ol qabatanii jiraatu,” jedhan.
Puutiin maqaa isaanii dha’uu fedhuu baataniis, namootni kaan maqaa isaanii himaniiru. Qoqqobbiin haaraa US Mariyaa Vorontisoovaa, ganna 36 fi Kateriina Tikhonovaa, ganna 35 irratti xiyyeeffateera.
“Qabeenyi Puutin hedduun miseensota maatii isaanii biratti dhokatee jira jenne amanna, kanaafidha xiyyeeffannoo isaanirra kan goone,” jechuun qondaalli US tokko himaniiru.
Waa’ee jireenya maatii Pirezdaant Puutin wanti seeraan ifa taasifame jiraachuu baatus, gabaasaaleen miidiyaa, dokimantoonni fi beeksisni takka takka ba’u, waa’ee ijoollee isaanii lamaani waa ibsuuf ga’aadha.
Shamarran kun lamaan ijoollee Pirezdaant Puutin fi haadha manaa isaa duraanii Liyudmilaadha.
Putiin fi Liyudmilaa bara 1983 yeroo isheen kessummeessituu xiyyaraa, isaan ammoo qondaala KGB turetti gaa’eela dhaabbatanii, waggootii 30’f waliin turani.
Bara 2013’tti gargar ba’an. “Kun murtee waliinidha. Lamaan keenyayyuu jireenya ofii keenya qabna, badaa wal hin agarru,” jechuun Puutin kana irratti dubbatan.
Haati waraas “hojii isaa keessatti guutummaatti liqimfameera” jetteetti.
Isheen hangafaa, Mariyaa Vorontisoova, bara 1985’tti dhalatte. Yunivarsitii St Pitarisbarg Baayoolojii, Yunivarsitii Moskootti ammo medisinii baratte.
Aadde Vorontisoova amma hayyuu qorannoo xannachaa irratti hojjetudha.
Dabalataanis wa’ee guddina daa’immanii irratti kitaaba nama bira waliin barreessitee, Wiirtuu Qorannoo Xanachaa Moskootti, akka qorattuutti galmeeffamtee jirti.
BBC Raashiyaan haadha qabeenya dhaabbata wiirtuu medikaalaa guddaa ijaaruuf karoorfate akka taate ibseera.
Vorontisoova daldalaa Dachii Joorit Joosti Faassen, kan yeroo tokkotti dhaabbata annisaa Gazpiroom jedhamu waliin gaa’ela dhaabbatte turte, ta’us amma gargar akka ba’an gabaasaaleen ni ibsu.
Weerara Yukireen booda namootni ishee waliin haasa’an, akka isheen abbaa ishee deeggartuu fi gabaasa waraanaa miidiiyaaleen idil addunyaa dhiyeessan akka shakkitu himu.
Obboleetti isheen waliin yoo madalamu Kateriinaan uummata biratti caalatti beekamti, keessumaa sababa shubbistuu rokk n’ roll waan taateefi. Bara 2013’tti dorgommi idil addunyaa irratti sadarkaa 5ffaan xumurte.
Waggaama sana keessa, Kiriil Shamaloov, ilma hiriyyaa yeroo dheeraa Puutin waliin gaa’ela dhaabbatte.
Ga’ee damee annisaa Raashiyaa keessatti qabuuf jecha Shamaloov bara 2018’tti mootummaa US’n qoqqobbiin irra kaa’ame.
“Qabeenyi isaa gaa’ela booda baay'ee dabale,” jechuun ministeerri maallaqaa US ibseera. Amma lamaan isaanii gargar ba’aniiru.
Weerara Yuukireen booda, rogeessotni Raashiyaa lama viillaa Biarritz – kan qabeenya Shamaaloov ta’e keessa waan turaniif to’annoo jala oolfamaniiru.
Tikhonoovaan amma daldalaa fi damee barnoota keessa jirti. Bara 2018 irratti miidiyaa mootummaa Raashiyaa irratti argamuun waa’ee teknoolojii neoro (qorannoo sammuu) dubbateettti.
Akkasumas bara 2021’tti marii daldalaa irratti argamteetti. Qophii lamaan irratti hariiroo isheen pirezidaanticha waliin qabdu hin kaafamne.
Dubartoonni lamaan Pirezidaant Putin waliin yeroo dheera akka hin dabarsine himama.
Puutin ijoollee ijoolles qabu. Bara 2017’tti waa’ee isaanii dubbatanis, meeqa akka ta’anii fi ijoollee intala isaanii ishee kami akka ta’an hin ibsine.
“Waa’ee ijoolle ijoolleekoo irratti, tokko barumsa eegaleera. Akka ilma mootii wayii ta’anitti akka isaan guddatan akkan hin feene hubadhaa. Akka nama kaanitti akka isaan guddatanin fedha,” jedhan.