Walabummaa miidiyaa: Gaazexeesitootni to'ataman akka gadhiifaman jaarmiyaaleen mirga gaazexessitootaaf falman gaafatan

Yayyesaw Shimallis fi Tamasgeen Dassaleny

Madda suuraa, FACEBOOK/TARIKU DESALEGN

Dhaabbileen idila-addunyaa mirga gaazexeessitootaaf dhaabbatan RSF fi CPJn, guyyootaan dura dhimma walabummaa miidiyaa Itoophiyaa keessa jirurratti ibsa baasanii gaazexeessitootni 11 guyyoota muraasa keessatti to'ataman akka gadhiifaman gaafataniiru.

CPJn ibsa guyyaa Kibxataa baaseen, aangawoonni mootummaa gaazexeessitoota 11 guyyoota muraasa keessatti to'annoo jala oolchan akka gadhiisan ergaa dabarse.

Dhaabbata Mirga gaazexeessitootaaf falmu CPJtti bakka buutuu biyyoota Sahaaraan gadii kan taate Mutookii Muummoo ''Ibsi dhiyeenya kana waa'ee Itoophiyaa ilaalchisuun baasne, yaaddoo qabnu kan himuufi gaazexeessitoonni fi hojjettoonni miidiyaa 11 tahan, dhaabbilee miidiyaa walabaa afur irraa hidhaman akka gadhiifaman waamicha kan dhiyeessudha'' jechuun BBC'tti himan.

Guyyoota lamaan darban Gulaalaan barruu Fitiih gaazexeessaa Tamasgan Dassaalany fi gaazexeessaan Yaayyasew Shimallis magaalaa Finfinnee keessatti to'annoo jala oolaniiru.

Dhaabbileen kunniin ibsa kan baasaan oduun hidhamuu gaazexessitoota kana lamaanii dhagaahamuun dura.

Jarri kunis Caamsaa 19 hanga Caamsaa 21 gidduutti kanneen to'annoo jala oolanidha jedhan Mutookii waayee gaazexessitoota 11 to'annoo jala oolanii yoo dubbatan.

Baay'een isaanii kan hidhaman Naannoo Amaaraa magaalaa Baahirdaaritti oggaa tahu, lamaan isaanii ammoo magaalaa Finfinneetti qabaman.

''Akka ilaalcha keenyaatti hidhaan ammaa kun, deemsa miidhaa hammaataa walabummaa miidiyaarra gahaa jiruuf fakkeenya kan dhihoo kanaati.

''Haala baratamaa dhufe kanaan gaazexeesitoonni hedduun otoo himanni irratti hin banamin hidhaa keessa turu. Kana malees yoo dhimmoota kanneen gadi fageenyaan qorattu, waan gabaasan irratti adabbii yookaan haaloo bahuuf jecha kan gaafatamanidha.''

Sababni haalli amma adeemaa jiru kun hedduu gaddisiisaa taheef ''inni tokko, waanti waggoota lamaan asitti argaa jirru, haalli walabummaa miidiyaa biyyattii keessa jiru walitti fufaan gadi bu'aa dhufuu argine'' jedhan.

''Haalli miidiyaa biyyattii keessa jiru gaazexeessitoota biyyattii keessa jiraniif haalaan hamaa jechuu haala dandeessisuun gadi bu'eera. Gaazexeessitoonni biyya alaa waa'ee itoophiyaa gabaasuu barbaadaniifis haala rakkisaatu jira.''

Amalli dhiibbaa miidiyaa baramaa dhufe kun inni tokko, hidhaa gaazexeessitootaati. Amalli biraa kaasuu dandeenyu ammoo, gabaasa gaazexeessitootaa to'achuuf yaaluudha. Keessattuu gabaasaalee waahee waraana Kaaba Itoophiyaa to'achuuf yaalii taasifamudha jedhan Mutookiin.

''Seenessa kana to'achuuf yaaluun, ripportaroota biyya alaa waan mootummaan barbaadu qofa himuu didan biyyaa ari'uun mul'ateera.''

''Akka qabsooftuu miidiyaa walabaafi qorattuu tokkotti waanti na yaaddessu, wantoonni kun waanta nuti arginee dhageenyedha. Yeroo hunda waanin of gaafadhu, dhoksaan maaltu adeemaa jira kan jedhudha'' jedhan.

CPJ'n gaazessitoota amma irratti dubbachaa jiruun alattis, ''gaazexeessitoota Oromia News Network lama erga Sadaasaatii labsii yeroo atattamaa keessa qabamanii, haga ammaallee hidhaa keessa jiraniif sagalee tahaa jirra jedheera.

Dhaddacha dhiyeenya kana ooleen abbaan alangaa jara kanarratti adabbiin du'aa akka darbu gaafatee ture.

''Odeeffannoo argachuuf rakkisaa waan taheef, dhimma isaaniirratti waanta haaraa amma jiru dubbachuuf nan rakkadha.''

Ammallee hidhaa keessa jiru kan jedhan Mutookiin, ''himanni isaanis akkuma jirutti jira. Nageenyi isaanii nu yaaddessa. Akka hiikaman ammallee irra deebiin gaafanna'' jedhan.