Waraanni kaaba Itoophiyaa yaada bilisummaa ibsachuu irratti dhiibbaa akkamii uume?

Madda suuraa, CPJ
Waraanni kaaba Itoophiyaatti waggaafi ji'oota muraasa dura jalqabe Itoophiyaa gama hedduun hube. Kanneen hubaman keessaa tokko walabummaa pireesii Itoophiyaadha.
Malootni quunnamtii sababa waraanaan adda citan lammiileen odeeffannoo gahaa akka dhaban, akkasumas sarbama mirga namoomaa gareewwan wal-lolaniin raawwatamu ifatti baasuus rakkisaa taasiseera.
Gaazexeessitootni gara iddoo lolli jiru deemanii gabaasuuf danqaafi dhorkaa jabaa tahetu irra ture.
Walumaagalatti waraanichi bilisummaa of ibsuu irrattis tahe, hojii gaazexeessummaa irratti dhiibbaa gochuun biyyattiin sadarkaa bilisummaa pireesiin akka gadi-buutu taasiseera.
Ogeeyyiin miidiyaa rakkoon midiyaa rakkoo siyaasaa Itoophiyaan akka walqabatuufi waraana duras rakkoon mudataa akka ture kaasu.
Wagga waggaan Caamsaa bultii 3 guyyaan Walabummaa Pireesii Addunyaa ni kabajama.
Bara 2018 yeroo Ministirri Mummee Abiy Ahimad gara aangootti dhufan foddaa abdii bilisummaa pireesiif banamee ture.
Ta'us, yeroo keessa Itoophiyaan biyya hojii gaazexeessummaaf rakkisoo jedhaman keessaa tokko tahuun itti fufteetti.
Dhaabbanni mirga gaazexeessitootaaf falmu CPJ'n waraana durayyuu haalli siyaasaa Itoophiyaa keessaa hammaachuun walabummaa pireesiif balaa ta'u ibsa.
Waa'ee gaazexeessitoota ONN
Sababa waraana kanaan keessumaa A.L.I jalqaba waggaa bara 2014 labsii yeroo muddamaa labsameen gaazexeessitoonni hedduu hidhamaniiru.
Isaan keessaa garri caalu hiikamaniis ammallee kanneen hidhaa jiran ni jiru. Kanneen keessaa gaazexeessitoonni Oromia News Network (ONN) tokkodha.
Dhaabbanni mirga gaazexeessitootaaf falmu CPJ’n guyyaa walabummaa pireesii ilaachisuun ibsa kaleessa Caamsaa 2,2022 baaseen mootummaan Itoophiyaa gaazexeessitoota kana akka hiku gaafateera.
Dassuu Duulaafi Biqilaa Amanuu, ‘’himata isaanii addaan kutuun atattamaan gadi haa lakkisu, akkasumas kanneen hojii pireesii hojjetan irratti xiyyeeffachuu haa dhaabu,’’ jechuun gaafate.

Madda suuraa, Getty Images
Kunneen ''Bulchiinsa Mootummaa Ce'umsaa Oromiyaa ABOfi KFO'n hundaa'etti'' hidhata qabu jedhamanii akka shakkaman CPJ'n abukaatoo isaanii eeree ibse.
''Himannichaan balleessaa raawwachuun yoo mirkanaa'e yoo hidhaa waggaa sadii, umrii guutuufi du’aan adabamuu kan dandeessisu dha,’’ jedha ibsi CPJ abukaatoo isaanii eere kuni.
Gaazexeessitoonni kunneen miseensota ABO kaan waliin guyyoota muraasa dura 'mootummaa fonqolchuf socho'aniiru' jedhamanii himanni irratti banameera.
''Hidhaa ji'ootaaf akkasumaan taasifameen booda, gaazexeessitoota Itoophiyaa Dassuu Duulaa fi Biqilaa Amanuu himannnaan adabbii du'aa qabaachuu danda'u irratti banamuunsaa baayyee rifachiisaa dha.
''Qondaalotni ragaa qabatamaa dhiyeessuuf yeroo gahaa otoo qabanii ji'ootaaf otoo hin dhiyeessiin hafuun isaanii himanni kan haaloo bahuu akka tahe saaxileeraa,'' jedhan sagantaa CPJ Afrikaatti qindeessituu kan tahan Anjeelaa Kuwintaal, Niiw Yoork irraa.
''Dassuu fi Biqilaan haal-duree tokko maleefi atattamaan gadhiifamuu qabu, isaanii hidhaa tursu warreen sirna haqaa sarban, itti gaafatamuu qabus,'' jedhaniiru.
CPJ'n nama miidiyaatti dhihaate yaada kennu, xiinxalu, odeeffannoo dhiheessu gaazexeessaadha jechuun ibsa.
'Waraana dura faarri baduu eegale'
Sadaasaa bara 2021 keessa Itoophiyaan labsii yeroo atattamaa erga labsitee booda gaazexeessitoonni 14 hidhamanii turan.
Mootummaan garuu gaazexeessitoota kunneen hojii isaanii gatii hojjetaniif otoo hin taane, yakkan shakkuun akka to’annoo jala oolchuu hime.
Gaazexeessitoota labsii yeroo muddamaa sana keessatti hidhaman keessa tokko kan tahe gaazexeessaa Amiir Amaan, miseensota WBO (ABO -Shanee) shororkeessummaan labsaman dubbisuu walqabatee hidhamuun isaatu ibsame.
Gaazexeessitoonni hojii isaanii dalaguun akka rakkoo biyyaatti ilaalamuu akka hin qabne hima.
‘’Yaadni tokko as bahuurraa ugguruu hin dandeessu, yeroon amma keessa jirru, akka durii miti. Ummata odeeffannoo dhoksuu hin dandeessu.
''Nutimmoo biyya waan yaaddessu hin qabnu, hojii keenya hojjetaa jirra. Sirna yaada namoota ukkaamsu qabaachuu hin mallu. Sirna akkanaa yaallee turre, garuu nuun taanes, nuun gargaarres,’’ jedha.
Biyyoota Sahaaraan gaditti bakka buutuu dhaabbata mirga gaazexeessitootaaf falmu CPJ kan taate Mutookii Mumoo, waraanni Itoophiyaa keessatti jalqabuun durayyuu, bilisummaa pireesii irratti CPJ’ faara gaarii argaa akka hin turre BBC'tti dubbatte.
‘’Waraanaan durayyuu haala yaaddessaa, yeroo muddama siyaasaa intarneetii cufuu fa’i argaa turre. Garuu erga waraanni kuni jalqabee haalli kuni ittuma hammaate.
''Sadaasa bara 2020 irraa qabee immoo gaazexeessitoonni baay'ee hidhaa bu’anii, otoo himanni irratti hin banamiin ji’oota dabarsaniiru,’’ jette.
Biyya nagaa dheebottuufi waraana baatii 18’n booda bayyanachuuf yaaltu keessatti yaadaafi odeeffannoon bilisummaan hin ibsamu yoo taheef sana milkeessuun boodatti harkifachuu mala.


















