'Gaazexeessaan gareen tokko shororkeessummaan labsamus dhiisus, carraa dubbisuu argachuu qaba'

Madda suuraa, AFP
Gaazexessaan AP Amiir Amaan kan dhiyeenya hidhaa ji'ootaan booda hiikame 'Gaazexeessaan gareen tokko shororkeessummaan labsamus dhiisus, carraa dubbisuu argachuu qaba' jechuun BBC'tti hime.
Amiir Amaan miidiyaan kan walbare reefu daa'imummaatti sagantaa raadiyoo ''Yenagaw Saw'' jedhamuufi sagantaawwaan ijoollee biroo irratti wayita hojjetu ture.
Ogummaa gaazexeessummaa jaalatu kanas Yunivarsiitii Finfinneerraa gaazexessummaa biroodikaastii akkasumas biyya Noorwey irraa ammoo gaazexessummaa idiladdunyaan Maastarsii isaa argachuun cimse.
Noorwey irraa gara Itoophiyaatti erga deebi'e boodas, miidiyaa UK kan tahe Channel 4 jedhamuuf ji'ootaaf erga hojjetee booda, ALI jalqaba 2013 irraa eegalee gabaasaa Associated Press (AP) tahuun hojjechuu eegale.
Waraanni Kaaba Itoophiyaa erga dhalatee booda bakka garagaraatii gabaasaalee erga midhaassee booda, ji'a Sadaasaa keessa to'annoo jala oole. Amir torban tokkoon dura hidhaatii kan bahe oggaa tahu, BBC wajjiin turtii taasiseera.
BBC: Hidhamuun keessan otoo hin baramin, gabaasa miidiyaa mootummaan hojjetameen ture ifatti to'atamuun keessaniifi yakka ''garee shororkeessuummaan farrajame beeksisuu'' jedhuun shakkamuun keessan kan himame. Mee waa'eesaa nutti himi?
Amiir: Anga'oonni caasaa nageenyaa biyya tokkoo hooggananii haala kanaan gadi bu'uun, maqa-balleessii banaanii arguun nama qaanessa. Miidiyaaleenis tahe Poolisiin federaalaa jaarmiyaalee uummataa tahanii osoo jiranuu, akkas gadi bu'anii arguun qaanessaadha.
Heeyyama keenyaan ala nu waraaban. Keessattuu anaan na gaafachuu barbaadanii turan. Otoollee yaadakoo ibsadhee, akkamiin kukkuutanii waantin jechuu hin barbaanne akka darbu beekamaadha - amma duras wanti akkasii raawwateera.
Heeyyama koon ala wayita na waraabanitti kaameeraa harkatti rukuteen ture. Hooggantoota koofi abukaatoo kiyya dubbisuun barbaade ennaa jedhu: ''akkuma shakkamaa kamuu suuraakee kaasna,'' jedhanii suuraa argitan sana kan fudhatan.
Sodaachisuu fi arrabsoon aanga'oota dhaabbata sanarraa hin eegamnetu ture. Hojiin hojjetame ana caalaa maatiifi hiriyootakoo naasise. Namoota kana raawwataniifi waahillan isaanii akkatti seeratti dhiyeessu abukaatoo koo wajjiin mari'achaa jirra.
BBC: Himannaa maqa-balleessii banuu jirtaa?
Amir: garasillee deemuu mala.
BBC: Himanni sirratti dhiyaate 'garee shororkeessaa sadarkaa idil-addunyaatti beeksisuuf hojjette; kan jedhudha. Gabaasni hidhaaf si saaxile maal ture?
Amir: Itoophiyaa keessa walitti bu'insa hedduutu jira. Anis rakkoolee kanneen kallattii garagaraan gabaasaa tureera. Tigraay, Affaar, Amaaraa, Naannoo Kibbaa akkasumas iddoolee akka akkaatti naanna'uun gabaasera. Kan isaan na himatan: ''Hooggantoota ABO-Shanee wajjiin gaaffiifi deebii gooteetta,'' kan jedhu. Shawaa Lixaa deemeen ture gabaasa kan midhaasse.
Ani hin goone hinjenne, godheera. Mirga qaba. Gara fuuladuraattis gabaasaalee akkasii hojjechuuf fedha yoon qabaadhe, gara duubaa hin deebi'u. Odeeffannoo walitti qabuun mirga. Qorannoo ofiikoo gochuufi dhugaa jiru baruuf kanatu mala. Gaazexeessaan gareen tokko shororkeessummaan labsamus dhiisus, kana gochuuf carraa addaa argachuu qaba. Kaayyoonkoo waldhabdee uumame gama maraanuu gabaasuudha.
''Waan ana bira jiru qofa biyyaan naa gahi; gama biraan deemuu hin dandeessu,'' jechuun walabummaa miidiyaa kan dhiibudha. Kana malees garee tokko dubbisanii gabaasa hojjechuun, miseensaafi deeggaraa garee sanaa tahuu jechuu miti. Akkas taanaan Ministira muummuchaas tahe, qaamolee tokko tokko hordofee gabaasaaan ture. Kanaaf deeggaraa isaaniiti jechuus ni danda'ama. Kun guddoo rakkisaadha. Miseensa hangamii taanakaa?
Warri tikaa irraas hordoffiin waan ture natti fakkaata. Jalqaba ana qaban, ittaansee Addisuufi Tomaas walduraa duubaan qaban.
BBC: Gaazexeessitoonni si wajjiin hidhaman AP'f kan hojjetan hin turre. Akkamiin dhimmicha wajjiin walqabatan?
Amir: Addisuu wajjiin kolleejii wajjiin baranne gaazexeessaa Faanaadha. Waggoota hedduun booda walarginee, ogeessa kaameraa jijjiiruun na rakkise jennaan, ogeessa dansaa naa barbaadi jedheen. Achiis karaa namootaan Tomaas wajjiin akka walbarru taasise.
Tomaas fi Addisuun wal hin beekan, mana hidhaatti walargan. Addisuu kan hidhan Amiir fi Tomaas wal qunnamsiisteetta kan jedhuuni. Gaaffiif jedhanii ji'a lama tursiisanii gadhiisan. Gabaasa sana hojjechuuf erga baane ji'a jahaan booda kan hidhan.
BBC: Si dabalatee gaazexeessitoonni hedduun labsii yeroo atattamaa hordofee ture kan hidhaa seentan. Yeroo hidhaa keessa turte maal hubatte?
Amiir: Maatiin hin rakkata malee, gaazexeessaa tokkoof kuni carraa tokkodha - biyyattii ilaaluuf. Sirni haqaa akkamii akka jiru carraan itti ilaaledha. Hedduun namootaa Afaan kana dubbata jedhamaniitu eenyummaa isaaniin hidhaa bu'an. Reebichi tureera. Mana murtiis hin dhiyaatan, erga qabamanii boodadha, kan yakki isaaniif barbaadamu. Inumaawuu qorattoonni maal gootee as dhufte jedhanii namoota hiraarsu turan.
Abbaa warraa fi haadha warraa, obbolaa akkasumas haadhaafi daa'imni ji'ootaaf hidhamanii ennaa rakkatan argeera. Waan hamaa argeen bahe.
Yerichis wayita koronaa ture, kutaa tokko keessa 40 ol taanee hidhamnee turre. Kanneen dhukkubsatanis hedduu turan.
BBC: Hidhaan kun hojiikee geeddaruuf akka yaaddu si taasiseeraa laata? Ogummaama kanaan itti fuftaa?
Amiir: gaaffiin ijoon sammuu kootiif 'yakka dalageeraa?' kan jedhuuf deebii argachuudha. Namoonni hojii nageenyaa hojjetan, akka shiftaatti nama ukkaamsanii qaban malee ani hin yakkine. Inumaawuu yakki narratti raawwateera jedheen yaada. Sammuu kootiifis seeraanis waanta sirriidha jedhee yaadeen dalage, gara fuuladuuraattis hojjechuu ittaan fufa.
Maatiin na gaafachuufi waan kaaniin rakkata malee, ani waanti hagas mara guddaa tahe narra gahe jedhee hin yaadu. Biyyoota akka Itoophiyaa keessa, gaazexeessummaan hojii qormaata hedduu qabudha. Wanti kanarra hamaas ni mudata. Gaazexeessummaa jaalatanii qormaatasaa jibbanii hin tahu. Namoonni biraa kan keessa dabran caalaa kankoo salphaadha.
Qormaata kanneen namni fudhachuu hin barbaanne gaazexeessummaa otoo yaaluu baate wayya. Kanaaf kun hojii kanarratti mudachuu akka waan malu tokkootti malee, hojiicha waanta na dhiisisu miti, tahus hin danda'u.















