Gaazexessitoonni AP hidhaatii gadhiifaman

Madda suuraa, AP
Gaazexessitootni Asoosheetid Pirees lama ji'ootaaf himatni osoo irratti hin hundaa'iin hidhaa turan gadhiifaman.
Gaazexessaan Asoosheetiid Pireesiif hojjetu Amiir Amaaniifi ogeessii Kaamiraa Toomaas Ingidaa Sadaasa darbe hojiidhaaf `naannoo Oromiyaatti bobba'anii yeroo deebi'an ture hojiilee ''sochii waraanaa ABO-Shanee'' dhaadhessu jechuun to'annoo jala kan oolan.
Asoosheetid Pirees twiitara gabasa gadhiifamuu gaazexessaa isaarratti hojjeteen gaazexessaan isaa hayyamni kennameef Amiir Amaan Kiyaaroo kan ji'oota afuriif himatni osoo irratti hin banamiin hidhaa ture wabii qarshii 60,000 gadhiifameera jedhe.
Manni Murtii Waliigalaa Kamisa darbe Poolisiin gaazexessitoota Asoosheetid Pireesiif hojjetan lama bilisaan akka gadhiifaman murtee amma dura manni murtii olaanaa dabarsee ture akka hojiirra oolchu ajaja dabarrsuu hordofeet gadhiifaman.
Ogeessotni miidiyaa kun labsii yeroo muddamaa mootummaan Itoophiyaa labsee tureen walqabatee yeroo hidhaman Seera shorokeessummaa jalatti badii dalaguun kan shakkaman ta'us, himatni irratti hin banamne ture.
Abukaatoon isaanii Malkaamuu Ogoo Kibxata darbe murtee manni murtii olaanaa wabiin akka gadhiifaman murteesse diduun Poolisiin oliyyannoo gaafachuu himaniiru.
Maatiin gaazexessaa Amiir ji'oota afur booda isa arguu isaaniitti gammaduu Kamisa dhaddacharratti erga arganiin booda BBC'tti himanii ni gadhiifama abdii jedhu qaaachuu dubbatanii ture.
Obboleessi Amiir Naadir Amaan ''Kan gadhiifamu ta'uutti gammadneerra. Poolisiin ajaja mana murtii ni kabaja jennee abdanna, bilisa ni ta'a'' jedheera.
Bitootessa 20, 2014 wabiin akka gadhiifaman manni murtii ajaja dabarsee ture Poolisiin guyyaa dabalataa qorannoof oolu barbaada jedhee Mana Murtii waliigalaatti ol iyyatee ture.













