B/Janaraal Tafarraa Maammoon magaalaa Baahirdaar akka jiran itti himamuu haati warraa himan

Ajajaan duraanii Humna Addaa Amaaraa Birgaader Janaraal Tafarraa Maammoo Naannoo Amaaraa magaalaa Baahirdaar keessa akka jiran akka itti himame haati warraa isaanii BBC'tti himan.

B/J Tafarraan lafi gahan osoo hin baramiin guyyoota lamaaf erga turee booda Baahirdaar akka jiraniifi nagaa akka ta'an ergaan ibsu akka isaan gahe haati warraa isaanii dubbataniiru.

B/Janaraal Tafarraa Maammoo Wiixata A.L.I Caamsaa 08, 2014 ganama manaa erga bahanii booda lafi gahan osoo hin baramiin hanga Roobii galgala har'aa tureera.

Haati warraa isaanii Aadde Manan Hayilee gaafa Roobii galgala BBC'f akka mirkaneessanitti abukaaton B/Janaraal Tafarraafi namoonni isaan beekan qondaalichi magaalaa Baahirdaar akka jiran itti himaniiru.

Magaalaa Baahirdaar keessaas buufata poolisii sagalaffaa keessa akka jiran himani.

Aadde Manan abbaan warraa isaanii ergaa erganiin fayyaa akka ta'aniifi bakka jiran ibsuun maatiin isaanii akka tasgabbaa'an ergaa erganiiru jedhan.

BBC'n kana ilaalchisee nageenyaafi bulchiinsa Naannoo Amaaraa akkasumas poolisii biraa ibsa dabalataa barbaacha yaaliin taasise hin milkoofne.

Maaltu ta'e?

Ajajaan duraanii humna addaa Naannoo Amaaraa B/Janaraal Tafarraan gaafa Wiixataa achi buuteen isaanii dhabamuu hordofee maatiin isaanii yaadda'aa turani.

Dhimmicha kan gaafatame poolisiin magaalaa Finfinneefi Poolisiin Federaalaa waa'ee dhimmichaa waan beeku akka hin jirre akka itti hime haati warraa BBC'tti himanii ture.

Baatii Guraandhala darbe ajajaa humna addaarraa kaafamuun gorsaa bulchaa Naannoo Amaaraa akka ta'an muudamni kennameefi ture. Taatullee, fudhachuu didani.

Beellama hiriyyaa isaanii waliin qaban gahuuf gaafa Wiixataa mana isaaniitii bahanii deebi'uu dhabuu isaanii kan himan haati warraa isaanii, haalli fayyaa isaanii yaaddessaa akka ta'e ibsanii turan.

Janaraal Tafarraan kana dura Naannoo Amaaraa keessa hooggansa garagaraa irratti tajaajilaniiru.

Eega ajajaa humna addaarraa ka'anii booda miidiyaalee garagaraarratti dhihaachuun mootummaa federaalaafi naannichaarratti qeeqa dhiheessaa turani.

Abbaa ijoollee afur kan ta'an Janaraal Tafarraan magaalaa Baahirdaar jiraatanirraa gara Finfinnee kan dhufan rasaasa miila isaanii keessa jiruuf hordoffii fayyaa taasisuuf akka ta'e maatiin ni himu.

Kana dura achi buutee qondaala kanaa gaafatamee poolisiin Finfinnee odeeffannoo akka hin qabne BBC'tti himee ture.

B/J Tafarraan miseensa Raayyaa Ittisa Biyyaa ta'un sadarkaa qondaala olaanaatti kan tajaajilan yoo ta'u, waggoota kudhan dura fonqolcha gaggeessuuf yaadaniiru jedhamanii namoota kaan waliin hidhaa turani.

Ministirri Muummee Abiy Ahimad aangootti bahuu hordofee hidhaatii bahanii gahee garagaraarratti tajaajilaa turani.

Dhihoomallee humnoonni TPLF gara Amaaraafi Afaar seenuun haleellaa yeroo raawwatanitti humna addaa naannichaa ajajaa turani.

Baatii Guraandhala keessammoo hooggansa kanarraa akka ka'an taasifamuun ni yaadatama.