Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
'Kanan tursiifame mana durii naannoo Xoor Haayiilooch natti fakkaata' - Gaazexeessaa Gobazee Siisaay
Guyyoota darban keessa achi buuteen isaa dhabamee kan ture gaazexessaa Gobazee Siisaay mana jireenyaa isaatii ''garee seeraan alaa gurmaaye'' fakkaatuun erga fudhatamee booda naannoo Xoor Haayilooch mana durii keessa tursiifamuu hin oollee jedhe.
Turtii torban tokkoo booda Wiixata kaleessaa gara mana jirenyaa isaatti kan deebifame gaazexeessaan kun bakka tursiifame yeroo geeffamu ijji isaa huccuun haguugamee akka ture BBC'tti himeera.
Bakki itti tursiifame naannoo Xoor Haayilooch jedhamu akka ta'e kan beeke warri isa qabe kallattii yeroo walitti himan ta'uu dubbate.
Gaazexessaa Gobazee akkamiin qabame?
Gaazexessaa Gobazeen kan qabame jala bultii ayyaana Iidaa Dilbata ganama naannoo sa'aa afuriitti ta'uu hima. Namootni torba yookaan saddeet ta'an kan qaamolee nageenyaa mootummaa hin fakkaanne mooraa mana jireenyaa isaa naannoo Hayaat jedhamu argamutti ol lixuu himeera.
''Qaamolee nageenyaati jedhuun ni dhiba. Gochi isaanii kan qaamolee nageenya mootummaa hin fakkaatu. Mooraa seenanii yeroo wacan kan namni jalaa badee barbaadan malee ana qabuu kan dhufan natti hin fakkaanne ture. 'Si barbaanna' naan jedhan.''
Eenyummaa isaanii gaafatus dafanii deebii laachuuf fedha akka hin qabne hima.
''Meeshaa qabataniiru. Eenyu isin jedhee, waraqaa eenyummaa yeroon isaan gaafadhu, waraqaa eenyummaa agarsiisuuf fedha hin qaban. Na arrabsaa turan,'' jedha.
Uffannaaa fi haalli namoota isa qabuu dhufanii qaamolee nageenyaa mootummaa ta'uu isaanii akka shakku taasisuus dubbata.
''Huccuu seeraan hin uffatamne, shurraabii kooffiyyaa qabu kan uufftan jiru, haalli isaanii akka kashilabboota hamooti ...garee seeraan alaa gurmaayetu dhufe jedheen yaade.''
Namoota isa qabuu dhufan keessaa tokko viidiyoo isa waraabuu akka eegale dubbata Gobazeen. Irra deddeebiin erga gaafatee booda tokko qaama nageenyaa mootummaa ta'uufi waraqaa eenyummaa itti agarsiisuu yaadata.
''Waraqaan eenyummaa natti agarsiise kan raayyaa ittisa biyyaafi kan odeeffannoo maaloo maaloo jedha. Achii gara alaa na fudhatanii bahanii'' jedha Gobazeen.
Namootni kun konkolaataa lakkoofsa gabatee raayyaa ittisaa qabuun isa fudhatanii deemuu hima.
Namoota kanaan qabamee erga manaa bahee booda ija isaa huccuun haguuganii deemuu hima. Konkolaataan osoo deemnuu, ''walitti wacaa dubbatu, haasaa isaaniirraa gara naannoo Xoor Haayilooch na geessuu isaanii bareen ture'' jedha.
Namootni kun nama Janaraal jedhan irraa ajaja fudhachaa turaniis jedha.
''Dhuma irratti mooraa tokko na fudhatanii galan. Mooraa bal'aadha. Mooraa keessa manneen jiran manneen duriiti. Lafti isaanii muka. Achi keessa na tursan.''
Booda garuu qorataan tokko dhufee gaaffii akka dhiyeesseef dubbata.
''Namni qoratu yeroo dhufu fuulli koo ni haguugama'' kan jedhu Gobazeen, warri gaaffii dhiyeessaniif yaada sadii irra deddeebiin dhiyeessaa turanii jedha.
''Kan jalqabaa ati Faannoo deeggarta, miseensa Faannootii kan jedhu. Kan lammataa ati jibba Oromoo qabda kan jedhu. Sadaffaan ammoo walitti bu'iinsa kaan keessaa harka qabda kan jedhu'' jechuun ibsa.
Gaaffileen dhiyaataniif miidiyaalee iratti yaada dhiyeessuun kan walqabatan ta'uus dubbata.
Eenyu akka isa to'ate gaaffii dhiyeessaa akka tureefi warri qabeen ''takka takka Rayyaa Ittisa biyyaati jedhu, Raayyaan ittisaafi tikni waliin ta'uun akka na qabanis natti himu'' jedhe.
Warri isa qabe raayyaa ittisaa ta'uu akka amanu BBC'tti himeera.
Turtii isaa torbee tokkoon miidhaan qaamaa irra gahe akka hin jirreefi nyaatas akka hin rakkanne himeera.
Gobazeen Wiixata kaleessaa galgala sa'aa sadiitti fuula isaa huccuun uwwisanii mana jireenyaa isaatti isa buusanii deebi'uu dubbateera.
Isa gadhiisuu isaaanii dura ergaa gorsas akeekkachiisas fakkaatu ''waan akkanaa hin hojjetiin. Biyya keenya kan guddifnu waliini. Essayyuu yoo dhaqxe nu jalaa hin baatu'' jedhu itti dhaamuu himeera.
Gaazexessaa Gobazee Siisaay ESAT keessa hojjetaa kan ture yeroo ta'u waraanni Kaaba Itoophiyaa erga dhalatee booda naannoo Amaraa keessatti haala waraanichi itti adeemaa jiru ilaalchisee gabaasa hojjetuun walqabatee dhaabbatichi ari'achuu beeksiseera.
Adeemsa san keessas Youtube gubbaatti ''sagalee Amaaraa'' jechuun fuula banateen odeeffannoo qooduun gurra horateera.
Gobazeen qabamuu fi himannaa irratti dhiyaate hojii miidiyaa isaarraa boodatti akka isa hin deebifne BBC'tti himeera
Achiis Gobazeen
'Na hordofuu danda'u. Maatii fi hiriyyaan lakki sitti haa hafu jechuun dhiibbaa uumuu malu. Kun garuu anaan boodatti na hin deebisu. hojii miidiyaa ittiin fufa'' jedheera.