Naannoo Amaaraa caasaan nageenyaa haleellaa TPLF qolachuuf qophii akka ta'u ajaje

Manni Maree nageenyaa naannoo Amaaraa weerara gama TPLFn raawwatamuu mala jedheef caasaan nageenyaa naannichaa akka qophaa'uuf ajaja dabarse.

Manni marichaa ibsa Caamsaa 13, 2022 baaseen haala nageenyaafi tasgabbii naannichaa gamagamuu beeksiisee, TPLF ''guyyaa guyyaan dibbee waraanaa reebuun ummata Tigraay waraanaaf kaasuun irra deebiin naannoo Amaaraa irratti lola labseera,'' jedhe.

Itti dabaluunis ummanni naanichaa irra deebiin weeraraafi haleellaaf akka hin saaxilamneef caasaan nageenyaa dursa kennuun akka qophaa'uufi ummatichis kan gaheesaa bahuuf qophii ta'uu akka qabaatu ibisichaan waamicha dhiyeesse.

Kanaanis motummaan federaalaa caasaa nageenyaa motummaa federaalaa waliin qindoomuun haleellaa raawwatamu qolachuuf of eeggannoo dhaabbachuu, gama biraa ammoo ''seera maleeyyiifi sirna maleessoota naannichatti argaman to'achuun'' nageenyaafi tasgabbii naannichaa eeguun xiyyeeffannaa dursaa ta'a jedhe.

Gama biraatiin ammoo naannawaa daangaa naannoolee Amaaraa fi Tigraay irratti waldhaban keessa kan socha'u, koreen Walqaayiiti Xagadee Deebiisaa Eenyummaa Amaaraa gamasaatiin ibsa baaseen, TPLF uummata naannichaa irratti weerara labseera jechuun yaaddoo kana qolachuudhaaf yaalii taasifamuf deeggarsi akka taasifamuuf waamicha dhiyeesse.

Waraana kaaba Itoophiyaattii waggaa tokkoo fi wallakkaa oliif gaggeeffameen booda motummaan Itoophiyaa erga namoomaaf jecha dhukaasa dhaabu labseen booda waraanichi qabbanaa'ee ture.

Kanaanis walitti bu'iinsa darbee darbee gama lamaaniinu mudateen ala bakkuma turaniitti waraana marsaa biraatiif qophii taasisaa jiraachuu ibsuun walii waliisaanii himataa turan.

Kanaanis waraanicha deebii ka'u akka danda'uuf odeessaaleen tibba kanaa eeraa jiru.

Hoggantooni TPLF olaanoon haala waqtaawaa irratti jiraattoota waliin mari'achaa jiraachu miidyaaleen naannichaa gabaasaniiru.

Mariiwwan irratti waa'een dhukaasa dhaabuu dhiyeessii deeggarsa namoomaaf haala mijeessuuf jedhu fudhatama argatee, kanas hordofee deeggarsi namoomaa haala eegamuun gara naannoo Tigraay seenuu dhabuun, tajaajilliwwan bu'uuraa akkuma adda citaniittu hafuufi dhimmoonni biroo kaafamaniiru.

Dura Taa'aan TPLF Dabaratsiyoon Gabramikaa'eel (PhD) wal gahicharratti, ''Haala kana keessa turuu hin dandeenyu... Yeroo waraanaafi waraanaa keessattis carraa kenniineera. Rakkooleen siyaasaa hundi karaa nagaafi dippilomaasitiin qofaa hin dhuman,'' jedhan.

Itti dabaluUnis, ''Ummannii keenyaa beela'aa qofaa osoo hin taanee dhukubbsataafi du'aa jira. Yeroon darbaa jira. Haala akkanaatiin turuu hindandeenyu. Hundaafuu carraa kennuun ergaa dabarsuu qabnu hundaa kanneen dhimmi ilaalatuuf dabarsineerra. Kanaafu nuti fixneerra,'' jedhan.

Kanaan alatti jalqaba torban kanaarratti Tigraay naannawa daangaa Ertiraan waldaangeessanitiin humnootiin TPLF loltoota Ertiraa waliin yeroo gabaabaaf meeshaa jajabaa walitti dhukaasuu BBCn gabaasuun isaa ni yaadatama.

Torbanoota darban muraasaa keessa odeeffannoowwan gama lamaanitiinuu bahaa jiran waraanni marsaa biraa ka'uu danda'a yaaddoo jedhu umuun alatti, maddeen tokko tokkoos eddoowwan garaa garaatti walitti bu'insii muraasni uumamu gabaasaa jiru.

BBC'n waa'ee walitti bu'insawwan umamaniiru jedhaman irratti odeeffannoo dabalataa argachuuf yaalii taasisuulleen hanga ammaatti madda walabaa irraa mirkaneeffachu hin dandeenye.