Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Naannoon Amaaraa meeshaa waraanaa harka namoota dhuunfaa jiru galmeessuu jalqabuuf
Naannoon Amaaraa Kibxata irraa eegaluun meeshaan waraanaa harka namoota dhuunfaa jiru galmeessuu akka jalqabu Biiroon Dhimma Nageenyaa fi Tasgabbii naannichaa beeksise.
Galmeen meeshaa waraanaa kun boru jechuun A.L.I Caamsaa 09/2014 irraa eegaluun hanga Jimaataatti guyyoota afuriif akka gaggeeffamu Itti-gaafatamaan biirichaa Obbo Dassaalany Xaasoo himaniruu.
Haaluma kanaan kanaan dura osoo hin galmeessiin namootni meeshaalee waraanaa qabataa turan gidduugala naannoo isaaniitti argamu deemuun galmeessuu akka qaban Obbo Dassaalany himaniiru.
Obbo Dassaaleny galmeessi meeshaa kun kan barbaachiseef ''nageenya ummata naannoo Amaaraa eeguuf humna gargaaru jabeessuuf'' akka tahe himan.
Kana waliin wal qabatee nageenya ummata naannichaa eeguuf jecha leenjii qindaa'aa tahe kennuuf akka tahe Biiroon Dhimma Nageenyaa fi Tasgabbii naannichaa eerera.
Obbo Dassaaleny TPLF ''Yeroo lammaffaaf gara waraanaatti galuuf qophii gochaa akka jiru qabatamaatti mul'ataa jira'' jechuun dubbatan.
''Kana qolachuuf humna nageenyaa mootummaa irratti dabalataan nama meeshaa waraanaa qabu kamiyyuu galmeessuun leenjii qindaa'aa tahe akka fudhatu godhama,'' jedhan.
Guyyoota muraasa dura Manni Maree Naannoo Amaaraa dhimma nageenyaa irratti marii gaggeessuun ibsa baaseen hojiin seera kabachiisuu naannichaa irratti laafinni mul'achuu himeera.
Dabalataan ''daddabarsi meeshaa waraanaa babal'ataa dhufe nageenya naannichaa yaaddoo keessa galcheera'' jedhe.
Kanaafuu seer-maleessummaa fi sirna dhabuun babal'achuu fi sababa hidhattoota seeraan alaan misooma naannichaa, sochii ummataa, carraa invastimantii naannichaa, carraa hojii uumuu fi kaan irratti gufuu taheera jedhe.
Nageenyaa fi tasgabbii naannichaa akka malee qoraa akka jiru himuun xiyyeeffannoo guddaa akka itti kennan himan.
Kanaafuu seer-maleessummaa kana yeroo gabaabaa keessatti sirreessuu akka qaban ibsuun, nageenyaa fi tasgabbii ummataaf jecha toora qabachuu akka qabu murtee dabarsaniiru jedhan.
Manni marichaa ''TPLF ummata Tigiraay waraanaaf kakaasuuf guyyaa guyyaatti dibbee rukutaa jira, kanaafuu ummata Amaaraa irratti irra deebiin waraana labseera'' jedhe.
Kanaafiyyuu gareen TPLF waraana banuu waan danda'uuf humni nageenyaa naannichaa qophii tahuu akka qabu ajaja dabarsuun ibsame.
Humna nageenyaa federaalaa waliin qindaa'uun qophii akka tahuu qabu, gama biraan ammoo seeraan ala kan socho'an seera qabsiisuun hojii adda duree naannichaa tahuu akka qabu murteesse.
Manni marichaa sadarkaa sadarkaan garee humna nageenyaa irratti hojjetu hundeessuun ''seera-maleesummaa to'achuuf barbaachisaadha kan jedhe tarkaanfii seeraa akka fudhatu'' murtee dabarseera.
Naannoo Tigraay kan daangessu Naannoon Amaaraa waraana waggaa dura jalqabeen kanneen hubaman keessaati.
Dhiheenyas gabaasa waraanni akka haaraatti eegaluuf jedhan mul'achuun akka isa yaaddesse Komishiniin Mirga Namoomaa Itoophiyaa ibseera.
Waraana Kaaba Itoophiyaa tureen lammiileen miiliyonaan lakkaa'aman qe'eerraa yoo buqqa'an, kaan hedduu gargaarsaaf saaxilamaniiru.
Kanneen kuma hedduun lakkaa'aman akka du'an amanama. Waraanicha mariin xumuruuf tattaaffiin taasifamaa ture ammatti ija hin godhanne.