Gondaritti hidhattoonni sirreefamtoota 139 miliqsan, meeshaa waraanaa saaman

Naannoo Amaaraa Godina Kibba Gondaritti hidhattoonni haleellaa manneen hidhaa godinicha keessa jiran irratti raawwataniin hidhamtootaa 139 miliqsanii meeshaan waraanaa saamuu aanga'aan godinichaa BBC'tti himan.

Poolisiin naannoo Amaaraa akka jedhutti hidhattoonni A.L.I Wiixata Amajjii 30 halkan qixxee booda manneen hidhaa, buufataalee poolisii fi milishaa godina Kibba Gondar aanaa Gaayint magaalaa Nifaas Mawucaa keessa jiran irratti haleellaa raawwatan.

Haleellaa kana hordofees mana hidhaa Aanichaa keessaa sirreefamtoonni seeraa miliqfamuu fi saamichi raawwatamu bulchaa itti aanaan godina Kibba Gondar Xilaahun Dajanee BBC'tti himaniiru.

Hidhattoonni kun halkan qixxee booda naannoo sa'aatii 8 konkolaataa sadiin fe'amanii gara magaalattii seenuun haleellaa raawwachu himu aanga'aan kun.

Hidhattoota haleellaa kana raawwatan keessa 16 humnoota nageenyaan ajjeefamuu fi miseensonni poolisii sadi ammoo madaa'uu himan Obbo Xilaahun.

Haleellaa hidhattoonni mana hidhaa Nifaas Mawucaa irratti raawwataniin hidhamtoonni 139 yoo miliqfaman, meeshaaleen waraanaa gosa gara garaa 15 fi boombiin harkaa hedduun saamamuu himan.

Poolisiin naannichaas haleellaa hidhattootaa kanaan hidhamtoonni miliqfamuu fi meeshaan waraanaa mana sirreessaa, buufata poolisii fi waajjira milishaa keessaa saamamuu mirkaneessee jira.

Hidhamtoota miliqan deebisanii to'annoo jala oolchuu fi hidhattoota haleellaa raawwatan seeratti dhiyeessuuf hordoffii fi qorannoon godhamaa jira jedhe poolisiin naannoo Amaaraa.

Hidhamtoota 139 miliqfaman keessaa 65 kan ta'an to'annoo jala oolfamuu Obbo Xilaahun Dajanee BBC'tti himaniiru.

Meeshaa waraanaa saamame keessaas hagi tokko deebifamuu poolisiin himeera.

Komiishinarri Komiishinii Poolisii Amaaraa Takollaa Ayifokkiruu eenyummaa hidhattoota haleellaa kana raawwatanii ilaalchisee yoo dubbatan, "gochicha kan raawwatan garee hidhattootaa Faannoo hin taane, garuu Faannoo ofiin jedhanii fi naannicha keessa socho'anidha" jedhan.

"Garee gurmaa'e maqaa Faannootiin daldalu" jechuun ibsan.

Faannoon garee hidhattootaa waraana Kaaba Itoophiyaan gurra horataa jiru yoo ta'u, aanga'oota naannoo Amaaraa biraa deeggarsa qaba.

Hidhattoota to'annoo jala oolfamanirraa hubachuun akka danda'ametti gareen haleellaa kana raawwate miseensota godinaalee Kibba Gondar, Walloo Bahaa fi Walloo Kibbaa irraa walitti bahan qaba.

Namootni kunneen kana dura sababoota gara garaatiin raayyaa ittisaa fi humna addaa naannichaa keessaa kan hir'ifaman akkasumas yakkaan barbaadamaa kan turan akka keessatti argaman Obbo Xilaahun BBC'tti himaniiru.

Ammatti magaalaan Nifaas Mawucaa tasgabbii akka qabduu fi sochii idileetti deebi'aa jiraachuu himu.

Hidhattoonni kan irratti fuulleffatan manneen hidhaa fi dhaabbilee nageenyaa yoo ta'u waajjiraalee mootummaa kaanirra miidhaan gahe akka hin jirre poolisiin beeksiseera.

Magaalaan Nifaas Mawucaa Adoolessa darbe to'annoo finciltoota Tigraay jalatti kuftee turte.

Mana hidhaa Finoote Salaamitti maaltu ta'e?

Komishinaarri Komishinii Poolisii Naannoo Amaaraa Tekolaa Ayifookiruu BBC'tti yoo himan, guyyoota dura haleellaafi hidhamoota hiikuun Nifaas Maawucaatti raawwate torban tokko dura magaalaa Finoote Salaam keessattis rakkoo mudate wlaiin walfakkaata jedhan.

Torbee tokko dura Godina Lixa Gojjaam magaalaa Finoota Salaam keessatti hidhamtootni mana hidhaa keessatti eegdota dhagaan haleeluun miliquuf yaalanii turee jedhan.

Ta'uus Poolisiin haalicha to'atee warra hokkora kaasan adda baasee gara mana hidhaa Kibba Goondar Gaayintitti dabarsee ture.

''Gara Gaayinti erga deemaniis aanaalee adda addaarraa kan walitti dhufan Faannoodha kan ofiin jedhan haleellaa raawwatanii ture.''

Kanaaf kanneen haleellaa kana raawwatan Faannoo isa sirrii osoo hin taane warra maqaa saniin saamichaaf bobba'u malee ''Faannoon inni dhugaan isaan waliin walitti dhukaasee naannicha tasgabbeessseera'' jedhan.

Komishinarichi itti dabaluun kanneen haleellaa kana qaqqabsiisan wayita TPLF naannolee sana to'atee ture mana hidhaarraa kan miliqaniifi kaayyoon isaaniis hiriyyoota isaanii hafan hiiksisuufi saamicha raawwachudha jedhan.