Iraanitti namoonni saddeet alkoolii manatti naqame dhuganii lubbuun isaanii darbe

Lammiileen Iraan dhibbaan lakka'aman alkoolii metaanolii qabu dhuganii du'aniiru (faayiliirraa)

Madda suuraa, Anadolu Agency

Ibsa waa'ee suuraa, Lammiileen Iraan dhibbaan lakka'aman alkoolii metaanolii qabu dhuganii du'aniiru (faayiliirraa)

Magaalaa Iraan Bandaar Abbaas jedhamtutti namoonni saddeet dhugaatii alkoolii manatti naqameefi summaa’e dhuguun lubbuun darbuu miidiyaaleen biyya keessaa himan.

Namoonni 51 biroon immoo sababa alkoolii summaa’e kana dhuguurraan hospitaalatti wal’aansa argachaa jiru jedhan ogeessi fayyaa Dr Faatimeeh Noowruuziyaan.

Kanneen keessaa 17 wal’aansa kunuunsa addaa (ICU) kan argachaa jiran yoo tahu, 30 immoo daayaalisiis ykn summii dhiqanii baasuutu kennamaafi jira.

Poolisiin namoota saddeet kan alkoolii kana naqaniifi namootaan waliingahan jedhe to’annoo jala oolcheera.

Iraan keessatti alkoolii oomishuun, gurguruufi dhuguun saboota amantii biraa lakkoofsaan baayyee xiqqoo tahaniin alatti akkaan dhorkaadha.

Namni Musliimaa alkoolii dhugee argame reebicha ulee 80’n adabama.

Qondaalotni magaalaa Bandaar Abbaas summiin alkoolii manatti naqame keessatti argame maal akka tahe adda hin baasne.

Tahus, waggoota dhiyoo keessatti namoonni baay'ee dhugaatii hamma meetaanolii du’aaf saaxilu qabu dhuguun du’aniiru.

Meetaanooliin bulbula qabxii cabbummaa bishaanii hir’isuufi boba’aaf konkolaataaf gargaaru yoo darbee darbee dhugaatii seeraan ala naqamanitti dabalamuun hamma alkoolii guddisuuf ni yaalama.

Garuu hammi xiqqoon illee yoo makame ija namaa jaamsuu hanga ajjeesuutti gahuu danda’a.

Yeroo weerarri Kooviid jalqabe Iraanitti namoonni meetaanoolii kana dhugan ykn ittiin lulluuqatan baay'een balaan summaa’uu irra gaheera.

Akka ministirri fayyaa biyyattii jedhetti Ebla bara 2020tti namoonni 500 ol sababa kanaan yoo du’an, 5,000 immoo ji’a sadiif yaalamaa turan.