Ameerikaa: Dhukkubsattuu kaansarii guyyoota 104 keessatti maaraatonii 104 fiigde

Madda suuraa, Jacky Hunt-Broersma
Dubartiin erga miilashee tokko kaansariidhaan dhabdeen booda fiigicha eegaltee walitti fufiinsaan maaraatooniiwwan fiiguun galmee addunyaa 'Guinness World Record'tiif dabarte.
Dubartiin ganna 46, Jaasiik Haant- Biroorismaa erga wallakkeessa Amajjiitti guyyaatti fageenya maayilsii 26.2 kan gara sa’aatii shanii fudhatu fiigdi.
Sambata darbees walitti fufiinsaan fiiguun maaraatoonii 104ffaa xumurte. Kanaanis galmee addunyaatti beekamtii argachuuf eegaa ture.
Dubbi himaan akka jedheetti, galmee addunyaarratti beekamtii kennuun gara baatiiwwan sadii fudhata.
‘‘Gamakootiin waanan xumureef baay'ee gammadeera,’’ jechuun BBC'tti himte. Akkasumas fiiguuf yaaduu itti fufuuf qabas jette jirti.
Ammaan kanas qaamni ishee yaalii rikardii cabsuuf taasisaa turte irraa bayyanachaa jira.
Kan Afrikaa Kibbaatti dhalachuun kan guddatte garuu ammo Inglaandiifi Neezarlaandi kan jiraatte Jaakiin, baayyee gammadduudha.
Jaakiin erga miilashee tokkoo dhabdeen booda fiigiichi ofitti amanamummaa kennuuf himti.
Jaakiin biyya Neezarlaandiitti ture bara 2002 keessa gosa kaansarii lafee baayyee hin beekamneen qabamuu kan itti himame.
Torban lama keessattis lubbuushee oolchuuf jecha miilashee tokko yoo irraa muran shamarree waggaa 26 turte. ‘‘Wanti hundinuu saffisumaan raawwatame’’ jetti haala ture yoo yaadattu.
Jaakiin waggoota jalqabaa muraasaaf jijjirama jireenyashee keessatti mudate mo’achuuf rakkataa turte.
Waan sababii kaansariitiin irra gaheettis baayyee waan qaanoftuuf, yeroo baayyee suurrii dheeraa kaawwachuun miilashee dhokfataa turte.
Haata’u malee, bara 2016'tti fiigicha eegalte.
Qophii fageenya-dheeraa irrattis abbaa manaa ishee waliin fiigde. Itti aansitees erga miila namtolchee namoota fageenya dheeraa kaataniif addatti tolfame bitatteen booda, fageenyaa dheeraa jalqabaa kan ta’ee km 10 fiiguuf galmoofte.
Dorgomicharrattis, galmee ishee gara walakkaa maaraatooniitti geeddarte.
Erga yeroo sanaatii kaaftees gonkumaa duubatti deebi’uuf hin yaadne. Fageenyawwan dheeraa adda addaa irratti hirmaachuu itti fufte.
‘‘Ani nama waan hunda yaaluu jaalatuudha. Hundaa yaaluun hangam deemuu akkan danda’u ilaaluun jaaladha’’ jetti.
Jalqaba waggaarratti Jaakiin galma haaraa ofiisheetiif qabatte: Walitti aansuun maaraatoonii fiiguun riikardii qabachuuf karoorfatte.
Galmeen Giinas dubartootaan 95 irra kan dhaabbate yoo ta’u, innis waggaa lamaan dura Aliyisaa Amoos Kilaark dubartii qaama guutuutiin -akka tarsiimoo weerara koovid moo’achuuf fiigdeen kan qabame ture.
Galmeen Giinas dhiiraa ammo Enzoo Kaaporasoo lammii Xaaliyaan fiigicha 59n qabameera.
Kanaafuu haadha ijoollee lamaa kan taatee Jaakiin riikardii cabsuu sammuutti qabachuu fiigicha eegalte.
Isheen waliigalatti fegeenya maayilsii 2,734 fiiguun hawwiishee dhugoomfatte.
Galmeen Giinasii Addunyaa madda oduu APtti akka himeetti, ragaalee xinxaluun beekamtii kennuuf torbanoota 12-15 barbaachisa jedhe.
Jaakiin fiigicha kan miidiyaalee hawaasaa irratti qooduunis dhaabbata mit-motummaa namoota akka ishee miidhaa qaamaa qaban meeshaa nam-tolchee kennuuf doolaara 88,000 walitti qabdee jirti.
Fiigiichi irra caalaa tapha sammuuti, garuu ammo cimina qaamaas ni barbaada jetti.















