Waraana Raashiyaa-Yukireen: Biliinkaniifi Zeleniskiin Kiiv’tti wal arganii mariyachuu Ameerikaan beeksifte

Ministeerri Dhimma Alaa Amerrikaa Antoonii Biliinkaniifi Zeleniskiin magaala guddoo Yukreen Kiivitti wal-arganii mariyachuu isaanii Waayit Haawus beeksiseera.

Biliinkan gara Yuukreen kan imalan Minsiteera Ittisaa Looyid Astiin waliin akka ta’es ibsameera.

Raashiyaan Yukreenin erga weerartee as Antoonii Bilinkan gara Kiiv deemun isaanii aangawaa Ameerikaa isa jalqabaati.

Aangawoonni Ameerikaa lamaan pirezidaan Viloodmiir Zeleniskii waliin marii akka taasisan gorsitoonni pirezidaantichaa beeksisanii turan.

Aangawoonni Yukireen waa’ee daawwannaa kanaa dursanii kan beeksisan yoo ta’us, Ameerikaan yaada kennuu irraa of qusattee turte. Garuu daqiiqawwna muraasa dura Bilinkaniifi Ministeerri Ittisaa Dilbata gara Kiiv imaluun prezidaant Volodmiir Zeleniskii wajjin akka mariyatan ifa gootee jirti.

Waashingtan akka beeksistetti, aangawoonni lameen marii isaanii xumuruun Yukreen keessaa bahanii jiru.

Marii kana hordofuun Ameerikaan deeggarsa meeshaalee waraanaa doolaara miliyoona 713 tti tilmaamamu NATO fi Yukireenif akka taasistu ifa gootee jirti.

Walakkaan deeggarsa kanaa Yukireenif kan kennamu yoo ta’e walakkaan hafe ammo biyyoota miseensa NATO Yukireenif deeggarsa gochaa jiraniif akka kennamu Asoosheetif Pirees gabaasera.

Dabalataniis taankota gatiin isaanii doolara miiliyoona 165 tti tilmaamamu Yukireenitti gurguruuf qophii akka taate ibsitee jirti.

Gama biraatin, Itti Aanan Chaansilarii Jaarman Roobart Haabek biyyi isaanii dursanii deeggarsa waraanaa kennuufii dhiisun dogoggora akka ta’e dubbanii jiru.

Roobart Haabek Madda oduu Jarman tokko waliin turtii taasisaniin, Jarmaan deeggarsa Yukireenif taasistu waggaa tokko dursa eegaluu qabdi turte jedhan.

Itti dabaluunis, “Dhugumatti dursinee Yukireen deeggarsuu qabna turre. Kana yoon jedhu, guyyoota, torbannota, yookin ji’oota dura jechuu koo miti. Waggoota dura harka deeggarsaa keenya diriirsufii qabna turre” jedhan.

Bulchiinsi Mootummaan Jarman duraanii Angeelaa Maarkeliin durfamu, walitti dhufeenya cimaa Raashiyaa waliin qabu irraa kan ka’e walii galtee boba’aa Raashiyaa irraa bituu taasisuu isaatiin baay’ee qeeqamaa ture.

Roobart Haabek akka jedhanitti biyyi isaanii humna NATO cimsuudhaaf waadaa galte bu’uura godhachuun yeroo ammaa deeggarsa meeshaalee waraanaa guddaa Yukireenif dhiyeessaa jirti.