Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Waraana Yukireen: Dooniin waraanaa Raashiyaa guddoon galaanatti dhidhimte - Ministeera Ittisaa
Dooniin waraanaa Raashiyaa haleellaadhaan guyyaa Roobii miidhamte turte galaana keessatti dhidhimuu Ministeerri Raayyaa Ittiisaa Raashiyaa beeksise.
Dooniin Mooskivaa jedhamtee waamamtu waraanaa Raashiyaa galaana Gurraachaa osoo gara buufataatti imalaa jirtu ture kan ''balaan hamaa galaanaa'' akka dhidhimtu taasise, jedhan ergaan ministerichaa.
Dooniin waraana misaa'eelii namoota 510 baattuufi mallattoo waraana Raashiyaa kan humna galaanaa jedhamtu kuni haleellaa Yukireen irratti gaggeeffamu dursaa turte.
Yukireen garuu doonii waraanaa kana misaa'eeliin haleeluu himte. Mooskoon ammoo waa'ee haleellaa homaa hin jenne. Garuu doonittiin ibidda itti qabateen booda dhidhimte jette.
Ibiddichis meeshaaleen waraanaa dooniittii akka dhoo'u taasisee jetti Raashiyaan.
Itti dabaluunis namoonni doonicha irra turan hunduu gara bidiruuwwan Raashiyaa Galaana Gurraacha dhiyeenyatti argamaniitti baafamaniiru jette. Kana caalaa dhimmicharratti ibsa bal'aa hin kennine.
Jalqaba dooniin waraanaa bishaanirra socho'aa jiraachu himaa turanii booda Kamisa miidiyaa Motummaa Raashiyaa Mooskivaan dhabamuu ifa taasise.
''Osoo gara buufataatti harkiifamaa jirtuu, sababii miidhaa ibidda dhohiinsa meeshaa waraanaatiin wal qabatee mudateetiin madaallii ishee eeggachu dadhabde.
''Sababii haala jijjiiramaa galaanaatiin wal qabatee doonittiin dhidhimte jirti,'' jedhe eejansiin oduu mootummaa Tass ministeera Ittisaa Raashiyaa eeruudhaan wayita gabaasetti.
Qondaaltonni waraanaa Yukireen garuu haleellaa misaa'eelii Yukireen hojjattee Neeptan jedhamuun dhidhimte jedhan.
Meeshaan waraanaa kunis erga bara 2014'ti Raashiyaan Kirimiyaan ofitti dabalteefi doorsisoon humna galaana Galaana Gurraacha keessaa Yukireeniitti cimeen booda kan omishameedha jedhu.
Qondaaltonni Yukireen olaanoon akka jedhaniitti loltoota gara 510 ta'aniituu Mooskivaa irra ture.
Guraandhala 24 guyyaa jalqaba Raashiyaan Yukireen weerarteetti, erga loltoota eegdota daangaa Yukireen Odola Bofaa kan Galaanaa Gurraacha keessaa muraasni akka harka kennaniif waamicha taasifteen booda maqaan guddaan duraan qabdu badee ture.
Dooniin waraanaa Raashiyaa Mooskivaa jalqaba bara Sooviyeeti keessa kan tolfamte yoo ta'u, tajaajila kan eegalte ammoo jalqaba baroota 1980 keessa.
Dionittiinis kibba magaalaa Yukireen Mykolaiv kan dhiheenya kana Raashiyaan baay'ee haleelamte bira dhaabbattee turte.
Jalqaba haleellaa misaa'eelii Raashiyaan ergamu waraanaa Siriyaa keessatti humnootii Raashiyaatiif ittisa galaanaa kennaa ture.
Doonii tunis misaa'eloota farra doonii Vulkan 16 fi meeshaalee farra waraana galaana keessaa akka qabdu himama.
Yoo haleellaan Yukireen mirkanaa'e, erga waraanaa Addunyaa Lammaaffaatii dooniin waraanaa guddoon yoo dhidhimtu Mooskivaan kan toonii 12,490 ulfaattuu kan jalqabaa taati.
Raashiyaan erga weerara eegaltee as doonii guddaa yoo dhabdu kun kan lammataati.
Bitootessa keessa haleellaa humnootii Yukireen raawwataniin dooniin Saaraatoov dhaabbattee turte Beerdyaansk, buufata Yukireen kan Raashiyaan qabame keessatti barbadaa'uu gabaafamee ture.