Waraana Yukireen: Loltoonni Yukireen baay'ee Maariyuupoolitti harka kennuu Raashiyaan himte

Loltoonni Yukireen 1,000 ol ta’an buufata doonii Maariyuupool to’annoo jala oole keessatti harka kennuu isaanii Raashiyaan ibsiteetti, Yukireen garuu kana ni haalti.

Itti aanaa bulchaa magaalichaa, Serii Orloov, akka BBC’tti himanitti loltoonni Yukireen achi jiran ammayyuu lolaa jiru.

Yukireen akka jettutti Maariyuupool keessatti namootni kumaatamaan lakkaa’aman du’aniiru.

Magaalatti keessatti bakkooti to’annoo Raashiyaa jala hin oolle keessa tokko kan ta’e warshaa sibilaa Azovsitaalitti lollii kan itti fufee jiru fakkaata.

TV’n Raashiyaa viidiyoo yeroo loltoonni warshaa sibilaa keessatti harka isaani kennan agarsiisa jedhu agarsiiseera.

Gorsaan pirezidantii Yukireen garuu loltoonni kun humnoota Azov buufata biraa jiran waliin wal qunnamuuf bakkicha darbanii deemuu isaanii himu.

Maariyuupool magaalaa buufata doonii ijoo fi xiyyeeffannoo Raashiyaa jala jirtudha. Sababiin isaas magaalicha fayyadamuun daandii Kirimiyaatti geessu to’achuu waan barbaaduufi.

Magaalaan kun xiyyeeffannoo haleellaa cimaa humnoota Raashiyaa taatee turteetti, loltoonni Yukireen achi jiran ammoo rasaasi jalaa dhumaa akka jiru ibsanii turani.

Qondaalli ittisaa US olaanaan tokko, haleellaan xiyyaaraa Raashiyaan Maariyuupool irratti gaggessitu akka fufee jiru himuun, magaalittin Raashiyaan gutummaatti to’atamteetti jettee US akka hin amanne ibsaniiru.

Guyyaa Roobii gaazexeessitoonni Reuters, warshaa Azovisitool bakka looltonni Yukireen torban hedduuf buufatanii turan keessaa ibiddi yemmuu ka’u arguu isaani himaniiru.

Weerara Raashiyaa dura, Maariyuupool keessa jiraattonni 400,000 ol ta’an jiru turani.

Jiraattonni lola kana jalaa baqachuu dadhaban, wantooti ijoo lubbuun ooluuf isaan barbaachisu argachuuf rakkachaa jiru.