Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Waraana Yukireen: Raashiyaan akkamiin Yuukireen keessatti taankiin hedduu jalaa barbadaa'e?
Raashiyaan Yuukireen weerartee baatii lama osoo hin guutiin taankiiwwan dhibba hedduun lakkaa'aman dhabdeetti jedhamee yaadama.
Beektonni waraanaa kun ta'uu isaaf meeshaalee waraanaa farra taankii biyyoonni Lixaa Yuukireeniif kennaniifi akkaataan loltoonni Raashiyaa taankii itti fayyadaman dadhabaa ta'uu akka sababaatti kaasu.
Raashiyaan taankii hagam dhabde?
Humni waraanaa Yuukireen akka jedhutti Raashiyaan waraana kana keessatti taankiiwwan 680 ol dhabde.
Dhaabbanni waraanaa fi tikaa 'Oryx' jedhamu kan suuraalee dirree waraanaa irraa ergamaniif bu'uura godhachuun meeshaalee waraanaa Raashiyaan Yuukireen keessatti dhabde galmeessu akka jedhutti Raashiyaan taankiiwwan 460 ol akkasumas konkolaataawwan sibiilaa 2000 ol dhabdeetti.
Raashiyaan waraanni osoo hin eegaliin dura taankiiwwan 2,700 akka qabdu dhaabbileen akka 'Rand Corporation' akkasumas IISS (International Institute for Strategic Studies) himanii turan.
Meeshaaleen farra taankii hagam bu'aa qabeessa turan?
Ameerikaan qofti meeshaalee waraanaa farra taankii Jaaveliin jedhamuun beekaman 2000 wayita waraanni eegalu Yuukireeniif gumaachitee turte. Ergasii ammoo kan biraa 2000 dabalteef.
Dhaabbanni misaa'eloota kana omishu 'Lockheed Martin' akka jedhutti misaa'eloonni kunneen taankii gubbaatti dhohu. Taankiin karaa gubbaan sibiilli isaa haphii waan ta'eef salphaatti haleelamuu danda'a.
Taankiiwwan Raashiyaa hedduun sibiila misaa'eloota ofirraa qolachuu danda'uun kan haguugamanidha.
Haata'u malee misaa'eloonni Jaaveliin mataa dhuka'u lama qabu. Tokko sibiila misaa'ela ofirraa qolatu kan irraa dhoosu yoo ta'u, kan lammataa qaama taankichaa achi jala jiru haleela.
UKn meeshaa farra taankii 'Next Generation Light Anti-tank Weapon missiles' (NLAW) jedhaman 3,600 Yuukireeniif gumaachiteetti.
Misaa'eloonni kunneenis taankii gubbaarratti akka dhohan godhamanii tolfaman.
"Jaaveliin fi NLAW baay'ee murteessoodha" jedha qorataa fi xiinxalaan waraana lafoo kan ta'e Niik Reeynooldis.
"Osoo silaa deeggarsi meeshaalee kanneenii jiraachuu baatee, silaa haalli amma Yuukireen keessa jiru adda ta'a ture" jedha.
Ameerikaan dabalataan dirooniiwwan farra taankii 'kamikaze' jedhaman 100 Yuukireeniif kenniteetti.
Dirooniiwwan kunneen nama isaan to'aturraa fageenya kiiloomeetira hedduu balali'uun, gubbaarraan taankii irratti kufanii taankii barbadeessu.
Dadhabinni Raashiyaa hagam ture?
Tooftaan waraanaa Raashiyaan itti fayyadamaa jirtu, kutaa waraanaa taankii fi konkolaataa sibiilaa hedduu of keessaa qabu garuu loltoota lafoo lakkoofsaan xiqqoo ta'an qabu fayyadamuudha.
Kutaan waraanaa akka kanaa meeshaa waraana humna gurguddaa qabaniin ariitiin haleellaa raawwachuuf mijatoo ta'uu himu ogeeyyiin.
Haata'u malee, loltoota lafoo muraasa waan qabaniif haleellaaf wayita saaxilaman, ofirraa qolachuuf ni rakkatu jedhu.
Raashiyaan qilleensarraan sochii loltoota Yuukireen hordofaa waan hin turreef, loltoonni Yuukireen salphumatti dhokatanii eeguun haleellaa tasaa raawwachuun badii guddaa qaqqabsiisuu danda'aniiru.
Akka dhaabbanni waraanaa fi tikaa 'Oryx' jedhutti taankiiwwan Raashiyaan dhabde walakkaa ol kan barbadaa'an osoo hin taane, kan loltoota Yuukireeniin qabaman ykn ammoo loltoonni Raashiyaa gatanii baqatanidha.
Ogeeyyiin waraanaa kun sababoota hanqina dhiyeessii ykn ammoo gahuumsa dhabuu loltoota Raashiyaatiin ta'uu mala jedhu.
Taankiiwwan Raashiyaa qonnaan bultoota Yuukireeniin tiraaktariin yoo harkifaman suuraaleen mul'ataniiru.
Taankiiwwan kunneen gariin sababa boba'aa fixataniif kan gatamanidha. Kun dhiyeessiin kan walqabatu yoo ta'u, gariin ammoo waqtiin itti waraanni kun eegale ganna ta'uun wal-qabatee dhoqqee keessatti kan danqamanidha.
Loltoonni Raashiyaa loltoota haaraa leenjifamanii bobbaafaman hedduu waan of keessaa qabuuf, taankiiwwan hedduun sirnaan oofamuu dhabuurraa kan ka'e gatamanii deeman jedha Niik Reeynooldis.
"Gariin riqicharraa maqanii kufan. Kaan ammoo bo'oo keessatti danqamanii gommaan ittiin deeman irraa bahe. Loltoonni meeshaalee kanneenitti fayyadamuuf gahuumsi isaan hanqata," jedha.
"Bakka kaanitti ammoo loltoonni fedhii loluu waan hin qabneef, taankii fi konkolaataa isaanii gatanii baqataniiru."
Mootummaan Yuukireen meeshaalee waraanaa gataman lamiileen isaa akkamiin mootummaatti deebisuu akka qaban qajeelfama baaseera.