Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Iccitii gareewwan Facebook deeggartoota Vilaadmiir Putiin
Raashiyaan erga weerara Yukireen irratti raawwatteen booda addunyaarratti balaaleeffannaan yoo irratti ka'u dhagahama. Haa ta'u malee gareewwan Facebook dhoksaan maqaa hogganaa biyyattii balaaleeffatamu kanaa geeddaruuf hojjatan jiru.
Maxxansi maqaa Vilaadmiiri Putiin akka nama seeqaa, garraamiifi nagaa jaalataatti ibsan kanaas namoota miliyoonotaan ilaalamu.
Leelliftoota Putiin kunneen maal akka hojjataniifi eessaa akka ta'an ilaalchisuun BBC gabaasa kana qindeesseera.
Miseensoota gurguddaa
BBC deeggarsa garee qorattoota Insititiyutii Tarsimoo Marii (Institute for Strategic Dialogue (ISD)) tiin gareewwan leellistoota Putiin guddaa kana qorataa ture.
Ogeessoonni insititiyutichaa gareewwan hawaasaa leelliftoota Putiin 10 adda baasaniiru. Gareewwan kunneenis miseensoota gara 650,000 ol ta'an qabu.
Qabiyyeen gareewwan kunneen maxxansanis suuraafi ergaawwan hogganaa leellisan kan hammatu yoo ta'u, afaanoota akka Ingiliffaa, Raashiyaa, Faarsii, Arabaa fi Khmeeriin barraa'u.
Fuuloonni kun beekamoofi yeroo yeroon kan maxxansanidha. Baatiiwwan darban keessa qofaa qorattoonni maxxansawwan 16,500 lakkaa'aniiru. Maxxansiwwan kunneenis yaadni miliyoona 3.6 itti kennameera.
Kaayyoon gareewwan kanaa inni guddaan Putiin akka gootaatti ibsuuf kan dhaabbatan fakkaatu.
Fakkiiwwan hogganaa Raashiyaa wayita ''ofitti amanamummaan deemu, saree qabatee, loltoota nagaa gaafataa fi leencaa fi qeerransa dabalatee bineensoota daggalaa yaabbatee agarsiisu.''
Garewwan kunneenis erga Guraandhala 24 weerari Yukireen eegalee booda miseensoota haaraa 100,000 ol argataniiru.
Yoo gadi fageenyaa waa'ee namoota qabiyyeewwan kanneen duba jiran yoo qoratamu, namoonni akka hoggantoota (administrator) gareewwan kanneeniitti tarreeffaman baayyeen maqaadhuma walfakkaataa irra deebiin ta'u adda baafame. Qorattoonni kunneenis yoo xinnaate akkaawuntiiwwan akkasii 100 ta'an argataniiru.
Akkaawuntiiwwan kunneenis wal waliisaanii kan hordofan fi yeroo tokko tokkoos ergaawwaniifi emoojiiwwan nama gammachiisan qoodu. Isaanis kanneen sobaan Federeshinii Raashiyaa ykn tajaajila tika Raashiyaa of fakkeessan waliin ta'un akkaawwuntiiwwan Putiin lelliisan kanneen hogganu.
Akkaawwuntiiwwan baayyisuun gaggeessuun seerawwan Facebook kan cabsuudha jedha insitituutiin qorannoo kun.
Qorataa duree Muusxafaa Ayaad hojjimaata kanaan gochaa ''ergaa dhoksaa deeggaruu'' jechuun ibseera.
Duulichis ''Putiinii fi Kiremliiniif gaaddidduu weerara Yukireen keessatti deeggarsa gaarii akka qabaataniif uumuufiidha... Akkaawuntiiwwan hin mirkanoofne kunneen galmasaa kana fiixaan baasuuf ture'' jedhan dhaabbati qorannoo kun.
Fayyadamtoota haalaan hirmaatan
Hoggantoota garee muraasa itti dhiheenyaan yoo qoratamanis sochii hin baramne mul'ateera. Maqaan Marine jedhu tokkoos, teessoon ishee Siriyaadha kan jedhu yoo ta'u, pirezidaantichaaf deeggarsa argamsiisuuf akkaawwantiiwwan sadiitti fayyadamti.
Akkaawwuntiiwwan ishee sadaniinuu guyyaa hunda sa'aatii wal fakkaataan afaan Arabaatiin maxxansiti.
Maqaan abbaa akkaawuntii biraa ammoo Vikitooriyaa kan jedhu yoo ta'e teessoon isaa Kaambodiyaa ta'uu hima. Fuulli kunis afaan Khmer'n qabiyyeewwan maxxansa. Erga Guraandhala 4 as maxxansi ishee kanaas hirmaannaawwan 34,000 argachun yeroo 4,000 ol qoodameera.
Maariine fi Viiktoriyaan waliin fuula Facebook afaan Khmeer gaggeessu. Isaaniis akkaawwuntiiwwan kaan waliin hidhata qabu.
Maxxansi gareewwan adda addaatiin balinaan qoodamu. Fakkeenyaaf, akkaawuntiin biraa akka Bulgaariyaa irraa ta'un ka'ame tokko garaa garummaa daqiiqaawwan muraasaa jidduutti suuraa Putiin tokkicha yeroo 12 maxxanseera.
Namoota akkaawuntiiwwan kanneen duuba jiran hundi yaadasaanii akka kennaniif BBC kan gaafate ta'ulleen, deebii argachuu hin dandeenye.
Fakkeenyaaf namni Keeniyaa keessaa Raaji jedhamuun beekamuuf gareewwan kanneen keessaa baayyee keessatti argamuufi dhuma maqaa Facebook isaarratti ''Putiin'' dabalee, bilbilamuf illeen deebii kennuu hin dandeenye.
Haasaa gabaabduu waliin taasifameen, pirezidaantichi ''hogganaa cimaa'' jedheeniira. Garuu ammoo waa'ee waraanaa dubbachu hin barbaadne. Fedhii inni waa'ee Raashiyaa irratti qabu ilaalchisee imeeliin ergamuuf illeen deebii osoo hin kenniin hafeera.
Haasmik Armeeniyaa irraa gaazexessituufi ammatti gareewwan leelliiftoota Putiin jaha deeggaraa jiraachuu dubbatti. Eenyuu kana akka hojjatuuf akka affeere ilaalchiisuun gaaffii dhiyaateef, ummatatuu gaggeessaa jira waan ta'eef yaalii taasiftuu kanaaf kanfaltii akka hin arganne dubbatti.
Hidhatawwan Raashiyaa?
Kaayyoo namoota akkaawwuntiiwwan kanneen duuba jiranii walitti qabuun rakkisaadha. Mootummaa Raashiyaa waliin hidhati qabanis hin jiru. Akka warra duula odeeffannoo sobaa gaggeessuun Raashiyaa keessatti beekaman kaaniitti kan dhokatan ykn kaayyoosaanii kan dhoksan miti.
Ta'us gareewwan kunneen aanga'oota Raashiyaa ykn gareewwan deeggartoota Putiin kan Raashiyaa keessaa waliin hidhata ta'e qabaachuun akka hin oolle shakkamu.
Namoonni hedduun addunyaa irraa Putiinii fi ilaalcha jibbaa inni warra lixaatiif qabuun hawwatamaniiru.
Dhaabbata Facebook wayita dhimma kanarratti dubbifameetti, akkaawuntii sobaa irratti seera qabaachuufi odeeffannoo gabaasaa fi qorannoo kanarratti hundaa'eef hedduusaanii cufuu himeera.
''Rakkoo Yukireen keessatti mudate ilaalchisuun odeeffannoowwan sobaa faca'aa jiru ittisuuf tarkaanfii cimaa fudhachuu itti fufneera'' jedhan dubbi himaan dhaabbata Meta.
Putiinoota sobaa
Adeemsa qorannoo kanaa keessattis, dhimmi biraa adda baafame, akkaawuntiiwwan sobaa maqaa Vilaadmiir Putiin saaqamaniidha.
Putiin dureewwan addunyaa miidiyaa hawaasaa hin fayyadmne muraasa keessaa tokko. Kanaafuu miidiyaa hawaasaa mirkanaa'e kamuu hin qabu. Kan biraa hafee bilbila ismaartiillee hinqabu jedhama.
Akka dubbi himaa isaatti, Putiin sababii ''waan inni hanga ammaatti hin qabne kamuu hin kennineef jecha, miidiyaa hawaasaa kamuu fayyadamuu hin barbaadu.''
Garuu ammoo hir'ina inni interneetii irraa dhabamu kunis namoota kaaniin guutameera. Fuuloonni Facebook gubbaatti agarsiifamanis hordoftoota miiliyoona sadii ol qabu ture hanga guyyaa itti cufamanitti.
Irra caalli hordooftoota fuula kanneeniis, kan kuma 700 ol ta'an, tibba weerara Covid-19 yeroo Raashiyaan talaalliiwwan dhukkubichaa omishuu beeksiisuu dubbatameetti kan itti makamaniidha.
Dhiheenya keessas ergaawwan ilaalcha Kiremliin waraana irratti qabdu ilaalchisee maxxansanii fi kanneen achirratti yaadasaanii kennanis akka jecha pirezidaantii Raashiyaa dhugaa ta'etti amanamu itti fufee ture.
Weerarichaan booda battalumatti, maxxansiwwan kaayyoon ''oppireeshinichaa nagaa eegsiisuuf jecha biyya ollaa hikkachiisuu irratti kan kiyyeeffate qofaa'' ta'u labse. Ergaan kunis yeroo 200,000 ol qoodamuun jaalatameera.
Akkasumas fuulichi aadaa ergaawwan waa'ee Putiin irratti fayyadamtoota akkaawuntii baayyee qabaachuu qorattootaan adda baafaman dabalatee, namoota tag gochuu hordofa. Jecha biraatinis fuulichi deeggartootuma (superfans) Putiin waliin waliif deddeebisaa jira.
Akkaawuntii kana duuba eenyu akka jiru hin beeknu. Akka kutaa iftoomiina fuulichaa (page's transparency section)tti namoonni fuulicha hoggananis Raashiyaa fi Laatviyaa keessatti bu'uureeffatanii jiru.
Toorri deeggartootaa kunneenis sadarkaa idil-addunyaatti Mooskoof deeggarsa argamsiisuuf eddoo bu'uuraati, jedhu Nikaa Aleeksejevaa, dhaabbata Digital Forensic Research Lab (DFRLab) jedhamuutti qorataa kan ta'an.
''Dhaabbata miidiyaa hawaasaa kanaan yoo cufaman malee, isaanis oppireshinii waraanaa Raashiyaa Yukireen keessatti gaggeessaa jirtuuf biyyoota biraa keessatti deeggarsa ummataa argamsiisuuf gargaaruu danda'u,'' jetti.
Dhaabbanni DFRLab kun akkaawuntiin maqaa Putiiniin saaqamee tokko attamiin maxxansawwan Afaan Arabaatiin biyyoota akka Aljeeriyaa, Liibiyaa, Masirii, Yeman, Morookoo, Libaanan fi Tuniziyaa fa'i keessatti fayyadamtoota bira gahuuf beeksisaa akka kanfalu galmeesseera.
Fuulichis osoo hin haqamiin dura hordoftoota miiliyoona tokkoo ol qaba ture.
Fuulli Putiin beekamaan kan biraa Afaan Arabaatiin maxxanfamu ammoo, nama hogganaa deeggaraa cimaa Siriyaa Baashaar al-Asaad ta'een kan hogganamu ture. Fuulli kunis hanga dhiheenya baduutti hordooftoota gara miliyoona ta'u qaba ture.