Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
'Yakki uummata Somaalee irratti raawwatame qaama marii biyyaalessaa ta'uu qaba' - Dura taa'aa ONLF
Hundeessaa fi Dura taa'aan Adda Bilisummaa Biyyaalessaa Ogaadeen (ONLF) Obbo Abdiraahimaan Maahaadii yakki uummata Somaalee irratti raawwatame qaama marii biyyaalessaa ta'uu qaba jedhan.
Obbo Abdiraahimaan Maahaadii haala waqtaawaa naannoo Somaalee, waa'ee pireezidantii naannichaa duraanii fi marii biyyaalessaa karoorfame ilaalchisee BBC waliin addatti turtii taasisaniiru.
BBC፡ Obbo Abdiraahimaan yeroo dheeraaf Keeniyaa Naayiroobii turtan. Kaayyoon imala keessanii maali?
Obbo Abdiraahimaan: Keeniyaan biyya Gaanfa Afrikaa ishee ijoodha, akkasuma iddoo uummanni Somaalii hedduun jiraatu ta'uun ni beekama. Baqattoonni Somaalii hedduun as jiru. Nutis duraan biyya kana keessaa sochii gochaa turre.
Keeniyaan amma dura ONLF fi mootummaa Itoophiyaa jidduutti nagaan akka bu'u yaaliin gochaa turte kan dagatamu miti. Adeemsa egeree Itoophiyaa murteessan hunda keessatti uummata Somaalii bakka buunee hirmaachuu feena.
Kan biraa paartii mormituu waan taaneef, paartilee kaan waliin wal agarree ni mari'anna. Kana jechuun diina mootummaa ykn hoggantoota mootummaati jechuu miti. Haala biyyattiin ittiin gaggeeffamaa jirturratti garuu yaada keenya ni kennina.
Itoophiyaan biyya sab-daneettiidha. Itoophiyaan biyya namoonni keessa jiraatan marti mirgi isaanii eeggamee keessa jiraatan akka taatu ni hojjenna. Amma Itoophiyaa keessa madaa hedduutu jira. Nuyi isa caalaatti madeessuuf osoo hin taane, wal'aanuuf hojjenna.
Waggoota dheeraaf mootummaa Itoophiyaa irratti qawween qabsaa'aa kan ture ONLF, bara 2018 MM Abiy Ahimad gara aangootti dhufuun booda karaa nagaa qabsaa'uuf murteessee gara biyyaa deebi'e.
Haata'u malee paartichi rakkoo galmee filattootaa fi adeemsa filannoo irratti rakkooleen mul'atan furamuu dhabuu eeruun filannoo biyyaalessaa marsaa 6ffaa irratti osoo hin hirmaatiin hafuun isaa ni yaadatama.
BBC: Filannoo biyyaalessaa gattanii bahuu keessanitti ni gaabbituu? Paartileen kaan teessoo lamas qabatanii sagalee isaanii dhageessifataa jiru.
Obbo Abdiraahimaan: Waggoota 30 darban kan qabsoofne bar ofiin of bulchuu fi diimokiraasiif jechadha. Sanatu cabe amma. Murtii keenyatti hin gaabbinu, Jalqaba kaadhimamtoota keenya akka hin galmeessifne nu dhorkan. Carraaqqii boordii filannootiin kaadhimamtoonni 140 ta'an Finfinnee dhaqanii galmaa'an.
Itti aansuun kaardii filannoo hatuu jalqaban. Miseensonni keenya akka hin filanne godhan. Eenyutu filata ture? Kaardii filattootaa mana isaaniitti fudhatanii galan. Kana ragaan deeggarree boordii filannoof mirkaneessinee jirra.
Haala nama gaddisiisuun boordichi xiyyeeffannoo hin kennineef. Kunis sababa waraana Kaabaa fi sababoota birootiinidha. Filannoo dursamee hatamee fi bu'aan isaa maal akka ta'e beeknurratti maaliif dorgomna? Walitti qabduu Boordii Filannoof kabaja qabna. Diimokiraasiif jecha gatii kafalanii jiru.
Garuu Boordiin Filannoo akka nama tokkoo miti. Filannoo kana irratto Boordiin Filannoo naannoo Somaaliin wal-qabatee dirqama isaa hin bahanne jennee yaadna.
Kanaaf wanti nuti qabsaa'aa jirruuf, qajeeltoof malee aangoof miti. Qajeeltoon keenya cabeera jennee waan yaadnuuf isaaf dhaabbachuu qabna.
BBC: Hongee naannoo Somaaliitti mudate dhiibbaa isaa xiqqeessuuf paartiin keessan maal hojjechaa jira?
Obbo Abduraahimaan: Mootummaa naannoo, kan federaalaa fi hawaasa idil-addunyaaf akeekkachiisa jalqabaa kan dhageessifne nuyi. Osoo haalli hin hammaatiin tarkaanfii akka fudhatan waamich godhaa turre.
Waamicha keenya hin dhageenye. Tarkaanfii kan fudhachuu eegalan barfataniiti. Uummata miliyoona shanii oltu balaa irratti kufe. Rakkoon jiru humna mootummaa Itoophiyaatii ol natti fakkaata. Hawaasni idil-addunyaa ammoo wantoota kaanitti ko'oommatee jira. Hanga ammaatti qabeenyi beeyladaa dhibbeentaa 60 ta'u dhumeera.
Ministirri Muummee akkasumas pireezidantiin biyyattii gara naannoo Somaalii dhufanii daawwataniiru. Labsii yeroo muddamaa labsuu qabu turan. Akkuma Kaabaa, garri Bahaas xiyyeeffannaa barbaada. Bajata Kaaba Itoophiyaaf ramadamee waliin yoo madaalamu, bajatni balaa naannoo Somaaliif ramadame daran xiqqaadha.
Naannolee waraanaan miidhamaniif birriin biliyoona 120 yoo ramadamu, hongee naannoo Somaaleef birrii miliyoona 500 qofaatu ramadame. Kanaaf xiyyeeffannaan gahaan hin kennamneef jechuun ni danda'ama. Nuti waamicha gochuun alatti homaa godhuu hin dandeenyu.
Dandeetti bajataas ta'e humna siyaasaa hin qabnu. Hojiiwwan dabalataa hedduun hojjetamuu qabu turan jechaa jirra malee eenyuyyuu komachaa hin jirru.
Itoophiyaan daangaa Somaaliyaa waliin qabdu banuu qabdi. Namni kamuu Somaaliyaa irraa akka dhufu hayyamuun barbaachisaadha. Hawaasni idil-addunyaas Somaaliyaa, Jabuutii fi Keeniyaa waliin tumsaan hojjechuu qaba. Amma deebii yeroo balaa kennamutu barbaachisaadha.
BBC: Aanga'oota naannoo Somaalii keessattuu pireezidant Musxafee waliin dhibdeen qabdan aangoon irratti akka ta'e komiin isinirratti ka'a. Keessumaa qoodiinsa aangoo filannoo booda tureen.
Obbo Abduraahimaan: Aangoo irratti walitti bu'iinsi akka hin jiraanne gochuuf, uummanni waan fedhu akka filatu gochuun barbaachisaadha. Yoo kun ta'uu baate walitti bu'iinsi kan dhalatu. Nuti aangoo qooddachuun teessootti fudhachuu hin feenu.
Kan feenu uummati keenya waan fedhu akka filatuuf hireen akka kennamuuf qofadha. Fakkeenyaaf filannoon godhamee sagalee dhibbeentaa 30 ykn 60 yoo arganne, teenyee mari'annee aangoo ni qooddanna. Garuu wanti hundi erga hatamee booda teessoo lama ykn sadi kennanii aangoo qooddachuudha jechuun nuuf waan ta'u miti.
Filannoo booda aangoo hoggansa biirolee lamaa nuuf kennuuf gaafatanii jennaan didne. Sababni isaa sirna hatameera jenne keessatti akkamiin deebinee qaama taana?
BBC: Kaabinee mootummaa naannoo Somaalii haaraa ijaarame keessa garuu miseensonni keessan jiru mitii?
Obbo Abduraahimaan: Gonkumaa. Isaan warra paartii keessaa ari'amanidha. Mootummaan naannichaa dhimma keessoo paartii keenyaa keessa seenuun miseensota keenya muraasa fudhateera. Namoonni lama biiroo naannoo irratti, tokko sadarkaa federaalaatti muudamaniiru, nuti isaan akkuma Bilxiginnaatti ilaalla.
BBC: Akkaataa Komiishiniin Marii Biyyoolessaa itti ijaarame paartiin keessan akkamiin ilaala?
Obbo Abduraahimaan: Mariin mootummaan gochuuf karoorfate akkuma filannoo darbe rakkoo lama qaba. Nuyi mootummaan bara 2019 filannoo dheeressuuf wayita jedhu ture mariin biyyaalessaa akka gaggeeffamu kan gaafanne.
Yeroos mootummaan ni dide. Filannoonis godhame. Mootummaan amma yaada marii biyyoolessaa fudhateera. Haata'u male akkanumaan waliin haasa'uuf yoo ta'e malee kun marii biyyaalessaa jedhamuu hin danda'u.
Namoota paartii tokkorraa dhufantu miseensa komiishinichaa godhamee muudame. Uummatatu filate haa jedhamaniyyuu male nuti isaan beekna. Naannoo Somaalee irraa eenyu akka ergamu filannoon osoo hin godhamiin dura ni beekna turre.
Kun carraa tokkicha biyyattiin qabdudha jennee amanna. Waliigaltee hawaasummaa haaraa tolfachuu qabna.
Itoophiyaan dhimmoota biyyaa irratti mariin godhamee waliigaltee biyyaalessaarra akka gahamuuf jecha Komiishinii Marii Biyyaalessaa ijaartee hojii eegalteetti.
Komiishinarootni 11 komiishinicha akka hogganan filataman eeruu hawaasaatiin akkaata walaba ta'een filataman haa jedhamaniyyuu malee gaaffiin hedduun irratti ka'aa jiru.
Akkaataan jarreen kun ittiin filataman ifa miti, adeemsi isaas hirmaachisaa hin turre jechuun Koongirasiin Federaalawaa Oromoo marii kanarratti akka hin hirmaanne beeksisee jira.
Obbo Abduraahimaan: Namoonni amma aangoorra jiran wanti isaan beekuu qaban, biyyi kan isaanii qofa akka hin taanedha. Biyyi kan nama hundaati. Uummati marti abbaa biyyaati.
Biyyattiin egeree gaarii fi nagaa akka qabaattu yoo barbaadame, sagaleen namoota ejjennoo addaa qabanii dhagaa'amuu qaba. Baay'eedha, xiqqoodha osoo hin jedhamiin sagaleen nama hundaa dhagaahamuu qaba.
Kanaaf nuti kan jechaa jirru abbaa biyyummaa waliin qabna. Gareen ykn paartiin tokko waan hunda olaantummaan qabachuu hin danda'u. Bulchiinsi akka kanaa waan hin fayyadneef addunyaa guutuu irratti jijjiiramaa jira.
Waggoota 100 darbaniif yaallee jirra. Miniliik, Hayilasillaasee, Mangistuu fi Mallas yoo bulchan agarree jirra. Amma carraa haaraa qabna. Itoophiyaan waggaa 10 ykn 20n jijjiirama bu'uuraa fiduuf carraa argatti. Ammatti jijjiirama akkasii fiduudha kan barbaannu.
Amma biyya kana bulchaa kan jiran MM Abiya Ahimadidha. Wanta ittiin yaadataman lafa kaa'achuu qabu. Rakkoowwan waggoota sadan darban mudatan sirreessuun ni danda'ama.
Waraanichi dhaabbachuu qaba. Waraanni dhaabbatee mariin dhugaan eegalamuu qaba. Osoo wal ajjeesnuu boonuun maal faayidaa qaba? 'Nuyi lammilee Itoophiyaati, jidduseentummaa alaa hin feenu' jenna.
Garuu ogeeyyii alaa fiduu qabna. Maaltu milkaa'e, maaltu hin milkaa'iin hafe kan jedhu baruuf, biyyoota akka Yaman, Afrikaa Kibbaa fi kaan irraa namoota fiduu qabna.
BBC: Kanaaf irratti hirmaachuuf hayyamamoodha jechuudha?
Obbo Abdiraahimaan: Irratti hirmaachuuf hayyamamoodha, garuu haal-dureewwan qabna. Akkaataan amma itti adeemamaa jiru hirmaachisaa miti. Adeemsichi paartii tokkoon butamee fudhatameera. Wantichi ammatti Bilxiginnaa harka jira.
BBC: Miseensonni paartii keessanii tokko tokko pireezidantiin duraanii naannoo Somaalii Abdii Mohaammad Umar (Abdii Iilee) hidhaa akka hiikaman gaafachaa jiru. Asirratti ejjennoon paartoo keessanii maali?
Obbo Abdiraahimaan: Abdii Iilee uummata isaarratti yakka raawwate. Isarraa dhimma qabna. Kun nuyi dhimma nu dhukkubsudha.
BBC: Obbo Abdii Mahaamad wayita aangoorra turaniitti, paartiifi deeggartoota keessan irratti xiyyeeffatu turee?
Obbo Abdiraahimaan: Eeyyeen, ta'us inni qama sirnichaa ture malee qofaasaa hin raawwanne. Gaaffiichi wanta ummata Somaalee irratti ta'e hundaaf itti-gaaftamaan nama tokko qofaa miti. Kan kana raawwate biyya, biyya Itoophiyaati.
Itti-gaafatamummaan kunis fudhatamuun qoratamu qabaata. Paartii biyya bulchu hanga raayyaa ittisa biyyaatti namoonni wayita sana aangoorra kan turan hundi qoratamu qabaatu. Nutis akka Addi Bilisa Baasaa Biyyaalessaa Ogadaniitti qoratamuu qabna. Haata'u malee, hidhamtoonni siyaasaa mana hidhaa taa'uu hin qabaatan.
Abdii Ilees yoo ta'e mana murtiitti dhiyeeffamuun dhimmisaa akka yakkaatti ilaalamuu qabaata. Amma garuu mana hidhaa tokko keessatti itti cufamee taa'aa jira.
BBC: Asitti jechaa cimaa tokko kaftan. Jecha hidhamaa siyaasaa jedhu. Abdii Illeen hidhamanii kan jiran sababii ilaalcha siyaasaa isaanitiif jettanii amantu jechuudhaa? Hanga hubatamuutti hidhamaan siyaasaa nama sababii ilaalcha ykn ejjannoo siyaasaatiif hidhame jechuudha. Dhaddachattis dhiyaataa jiru. Abdii Mhaamad sababii ejjannii siyaasaa isaaniif hidhamanii?
Obbo Abdiraahimaan: Abdii Illeen qaama sirna siyaasaati. Ajajootiin raayaa ittisaa yakkasaatiin walta'aa turan hanga ammaatti Finfinnee jiru. Kanneen akkuma isaatti hogganaa siyaasaa turanis jiru. Kanaafuu inni qofaan maaliif hidhame?
Nuti inni yakka hin raawwannee hin jenne. Haata'u malee, yeroo sanatti ajaja kennaaf kann turan aanga'oonni federaalaa eessa jiru? Sababii kanaaf himannichi kaayyoo siyaasaa qaba kann jennu. Ragaan amma irratti walitti qabamaa jiru yakka dhuma aangoo isaarratti magaalaa Jigjigaa keessatti raawwatame kann ilaallatuudha.
Yakkoon Ogaadeen irratti raawwataman hoo? Wayita dhaddachatti dhiyaateetti yeroo tokkooyyuu yo ka'u hin dhageenye.
Pirezidaantiin Naannoo Somaalee duraanii Obbo Abdii Mahaammad Umar wayita to'annoo jala oolfamaniitti, jiraattoota naannicha keessatti argaman jidduutti walitti bu'iinsa kakkaasuufi gareewwan walitti bu'insicha keessatti hirmaatan hundeessuun gochaa seeraan alaa raawwattee jirta jechuun ture Abbaan Alangaa Waliigalaa himannaa kan irratti bane ture.
Abdii Mohaammad garee ''Heegoo'' kan ALI Adooleessaa 2010tti amantaafii sabaan adda baasuun ajjeechaafi haleellaawwan raawwate leenjiisuun bobbaseera jechuun motummaa federaalaatiin himannaan irratti dhiyaate.
BBC: Kanneen yeroo sana Abdii Illeen waliin walta'insa qaban seeratti haa dhiyaataniifi inni haa gadhiifamu jechuun garaagarummaa hin qabu?
Obbo Abdiiraahimaan: Gonkumaa! Addi Bilisa Baasaa Ogadan (ONLF) akka inni gadhiifamu gaafatee hin beeku. Yoomiifi eessatti gadi haa dhiifamu jennee gaafamee beekna?
BBC: Paartiin keessan ibsa baaseera hin jenne. Garuu namoonni paartiichaa tokko tokko miidiyaalee hawaasaa irratti yaada akkasii yoo calaqisiisan mul'atu ture
Obbo Abdiiraahimaan: Kun sirrii miti. Miseensi Addi Bilisa Baasaa Biyyaalessaa Ogadan kana gaafe hin jiru. Miseensi koree jiddugalaa ykn hojii raawwachiiftu tokkoolleen kana hin gaafane.
Kana gaafataa kann jiru ummata Somaaleeti. Nuti garuu akka paartiitti haala idileetiin gaaffii kana hin dhiyeessine. Jechaa kann jirru garuu awwalli jumlaa bara 2007 naannoo Somaalee guutuu Ogaadeeniitti argamuudha.
Janaraaloonni raayyaa ittisaa, itti-gaafatamtoonni ADWUI federaalaa akkasumas miseensoon jalaa kana keessatti hirmaataniiru. Eessa jiru? Maaliif hin himatamne? Abbaan Alangaa maaliif Abdii Illee qofaa himate? Somaalee waan ta'eef? Gaaffiilen kunneen gaafatamu qabaatu.
Ogaadeeniitti kann ta'e duguuggaa sanyiiti. Kun ammoo kan naannoofi federaalaan raawwatameedha.
BBC: Qabxiileen kunneen marii biyyaaleessaa irratti haa kana ejjannoo jedhu qabdu?
Obbo Abdiiraahimaan: Eeyyeen kun qaama marii biyyaaleessaa ta'u qaba. Ummanni keenya beenyaa barbaada. Itoophiyaan maqaa biyyaatiin Somaalee irratti yakka raawwattee jirti. Kun ammoo ragaan kann deeggarameedha. Dhaabbilee mirga namootaaf falmaniifi dhaabbata motummoota gamtoomaniin kann galmaa'eedha.
Kanaafu biyyattiin kanaaf deebii kennu qabdi. Kanaafu ajandaa qaama marii biyyaaleessaa ta'u qabaatudha. Naannoo Somaaleetti namoonni kuma dhibbaan lakkaa'aman eessa akka gahan hin beekamu.
Dubartoonni kuma shantama ta'an gudeedamaniiru. Ijoolleen maatiin hin qabne bakka hundatti argamu. Beelaafi dhabaan rakkataa jiru. Kun ammoo Itoophiyaa keessatti ka'ee hin beeku. Kanaaf maricha irratti haa ka'u kann jennu.
Kanaan duras badiin raawwatameera. Bara 1974, 1964, 1961 ajjeechaan Ayishaa, ajjeechaan Dagahaabuur, ajjeechaan Shilaabaa, ajjeechaan Qalaaboo kanneen akka fakkeenyaatti kaafamaniidha. Kun kann itti fufe waan ta'eef irratti dubbachu qabna. Kana jechuunis ummanni Somaalee amma maallaqa barbaada jechu miti.
Garuu ammoo dhimma kanaaf karri hojjatamuuf qabaata. Kunis gaaffiidhuma lammiilee Itoophiyaa kutaalee biraatti argaman kaasaniidha. Itoophiyaan yeroo garaagaraatti ummata ishee irratti yakka raawwattee jirti. Oromoo, Amaaraa biras yoo dhaqamee rakkoo walfakkaatutu umamee. Kanaaf, mariif dhiyaachu qabaata.
Waan muraasa waa'ee Adda Bilisa Baasaa Biyyaalessaa Ogadan (ONLF) irratti
Addi Bilisa Baasaa Biyyaalessaa Ogaadan bara 1984 kann hundeeffame. Gareen kunis hanga yeroo dhiyootti mootummaa Itoophiyaatiin tarree gareewwan shororkeessaa jedhamuun farrajaman keessa ture.
Erga Ministirri Mummee Abiy Ahimad gara aangootti dhufaniin booda paartiileen siyaasaa sadii tarree shororkeessummaa akka haqamaniif murtee paarlaamaa biyyattiin dabarfameen, paartiileen siyaasaa biyya alaatti qabsoo hidhannoo irra turan gara biyyaa deebii'unsaanii ni yaadatama.
Addi Bilisa Baasaa Biyyaalessaa Ogaadeen kunis, ummata Somaalee baha Itoophiyaatti argamu hiree ofiin of bulchuu isaa akka mirkanneeffatuuf gama siyaasaafi loltummaatiin qabsaa'aa ture.
BBC: Moggaasa paartii keeessanii hanaga ammaatti ‚Adda Bilisummaa' jedhu kanarratti gaaffii baayyeen akka ka'u yaadama. Kaayyoon paartii keessaanii duraa Itoophiyaa irra bilisa bahuu ture?
Obbo Abdiiraahimaan: Foxxoquun yakka miti. Ummanni Somaalee foxoquu yoo barbaade, haaluma heera motummaatiin murtoon ummataa akka taasifamuuf gafachu danda'a.
Ummanni Somaalee bulchiinsa motummaa Itoophiyaa irraa mirgasaa yoo hin argannee fi dhiisee deemuu ykn qaama Itoophiyaa ta'ee itti fufuu yoo barbaade mirgasaati.
Nuti foxooquu hin kakaafnu garuu kaayyoon keenya duraa ummanni Somaalee mirga kana filachu harkasaatti eeggatee akka turu taasisuudha.
Keewwata 39 ni eegna. Kunis wabii hawaasummaa ummataa fi mirga itti gaafatamummaaf barbaachisuudha.
Ummanni keenya yoo mirgaafi kabajni saa guutuun hin eegamneef mirgi dhiisee deemuusaa kan ittiin eegamuudha. Kun kan Somaalee qofaaf miti. Kan Oromoo, Amaaraa, Tigree, Agawoo, fi kan hundaati. Sabaafi sablamiileen mirgi kun akka kabajamuuf barbaadu. Mirga walin eeggannudhas.